Isaías 52
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Waaqi Yerusaalem Hin fayyisa
1Ee Xiyoon, dammaqi! Dammaqi!
Hunna uffadhu!
Ee Yerusaalem, qachaa woyyicha,
woyaa teeti ta ulfinnaa uffadhu!
Haganaa achi worri haqanqabaa hin qabatinii fi
worri battowe gara keeti hin seenu.
2Ee kolbaa Xiyoonii ta booji'antane,
wodaroo sibiilaa
ta ittiin hidhantane
morma keessan irraa hiikadha'a!
Ee Yerusaalem,
Bukuu ifi irraa hargufadhuutii,
ka'ii, barcumaa mootumma'aa irra tee'i!
3Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Isin gatii malee gurgurantaneertaniiyyu; beesee malee hin wodantan» jedha.
4Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya qara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf, gad dhaxxe; achiin duuba worri Asoorii, sababa malee isaan cunqurse. 5Kolbaan tiyya sababa malee waan fudhatanteef, ani asii maan qaba ree? Worri isaan bulchu isaanitti murga; guyyaa mara maqaa kiyya faanshessan. 6Tanaaf yennaa san kolbaan tiyya maqaa kiyya hin beetti; ‹Kunoo, ani asi jira› jedhee, ka dubbate ana akka te'e hin beetti» jedha.
7Miilli ergamaa gaara irra dhaabbatee
oduu gammadaa fidu,
ka nageya lassuu,
ka waan dansaa fidu,
ka fayyinna lallabu,
ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te'a» jedhu,
attam attam tola!
8Caqasi! Mootiin Waan Maraa gara Xiyoonii yennaa deebi'u,
eeddoti teeti ila ifiitiin hin dhaggiti;
qoonqoo ifii ol qabattee tokkumma'aan hin ilillitti.
9Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii jajjabeessee,
Yerusaalem waan wodeef,
ee bututa Yerusaalemii
tokkumma'aan ilillisaa faarsa'a.
10Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara duratti
irree ifii woyyittii hin mudhisa.
Worri qaccee biyya lafaa jiranu duudiin
fayyisiisa Waaqa keennaa hin dhaggan.
11Isin worri meya Mootii Waan Maraa ba'attanu,
adda baya'a; adda baya'aa;
achi keessaa baya'a;
waan battii hin tuqina'a;
achi keessaa baya'aatii,
ifi qulqulleessa'a.
12Te'uu malee, ariiti'iin hin baatanu
yookiin baqattanee hin deentanu;
Mootiin Waan Maraa isiniin dura hin deema;
Waaqi Israa'elii duuballe'een isin hin eega.
Tajaajilaa Rakkatu
13Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, tajaajilaan kiyya qarumma'aan huja;
inni hin saadama;
ol ol hin qabama;
hin jajama.
14Te'uu malee akki tajaajilaa kiyyaa
nama irraa adda te'ee,
waan gara dhabeef,
namooti hedduun baaseffatane.
15Maarre inni gosa biyya adda addaa hedduu hin baaseffachiisa;
sababa isaatiif moototi afaan hin qabatti;
waan dur itti hin himamin hin dhaggiti;
waan hin dhage'in hin hubatti» jedhe.

¿Sabías que…?
Buenas Nuevas y Redención para Sion
- Isaías se dirige a Jerusalén como la ciudad santa y llama a Sion, la colina fortificada de la ciudad de David, a sacudirse el polvo y quitarse las cadenas del cautiverio. El pasaje retrata a la ciudad en ruinas como una cautiva afligida que se levanta de la humillación para ponerse vestiduras de esplendor.Fuentes: el propio texto bíblico · Jerusalem · Zion
- La imagen de mensajeros veloces que cruzan las montañas y centinelas que gritan juntos refleja la antigua costumbre de apostar vigías en las murallas de la ciudad para divisar a los corredores que traían noticias cruciales de paz y victoria.Fuentes: el propio texto bíblico
- Al recordar la antigua estancia de Israel en Egipto y la opresión bajo Asiria, el texto describe una partida solemne en la que quienes llevan los utensilios sagrados del Señor cuentan con la protección divina tanto al frente como en la retaguardia.Fuentes: el propio texto bíblico · Egypt
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 2, 9
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 2, 7, 8
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 4
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 4
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org