Isaías 48
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Israa'elii Mataa Jabaattu
1Ee ijoollee Yaaqoobii,
ta, «Israa'el» jedhantanu,
worri sanyii Yihuda'aa keessaa dhalattane,
isin worri maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattanu,
dhuga'aa fi balchumma'aan adoo hin te'in,
Waaqa Israa'elii ka waammattanu, tana dhage'a'a.
2Isin, «Nuuti worra qachaa woyyicha keessa le'u;
worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii
Ka Waan Mara Dadetti addatu» ifiin jettanu.
3Mootiin Waan Maraa,
«Waan dur bara dheera'aan dura te'e ani dursee himeera;
afaan kiyyalle'een dubbadhee,
akka wonni sun beekkantu godheera;
ani dedhuma isin irratti hujee, wonni sun muummotte.
4Isin worra mataa-jabaatu akka teetane ani beekeera;
morgey morma keessanii akka sibiilaa,
addi fuula keessaniille akka sageettu'uu ti.
5Tanaaf, isin, ‹Waaqota dharaa keennatti tana huje;
fakkii teenna ta muka irraa bocantee fi
waaqa keenna ka sibiilaatitti tana ajaje› akka hin jinneef,
ani dursee isinitti himeera.
6Isin tana dhageettaneertan; isaan mara ilaala'a;
wonni ani jedhe dhugaa akka teete,
isin dhugaa hin baatanuu ree?
Ammaan jalqabee waan haareya,
waan dhossa'aa ka isin hin beenne ani isinitti hin hima.
7Wonni kun amma dadamane malee,
bara dheera'aan duraa moti;
tanaan qara marroo waan kanaa dhageettanee hin beettanu.
Maarre isin, ‹Nuuti marroo waan kanaa
duruu beenna› jedhuu hin dandeettanu.
8Isin dur tana hin dhageenne; hin beennelle'e;
duruuyyuu gurri keessan hin bananne.
Ani akka isin sobaaleyyii teetane,
haga dhalataneen jalqaddanee
finqiltoota akka teetane beekeera.
9«Ani maqaa kiyyaaf jedhee,
dafee hin aaru;
kolbaan akka na leellifattuuf jedhee,
isin balleessiisa irraa hin ossadha.
10Kunoo, akka meetii ibiddaan qulqulleessanu adoo hin te'in,
rakkoo akka ibiddaatiin haga isin ilaaleera.
11Ani ifumaaf, ifii tiyyaaf jedhee, tana hin godha;
ani attam salphinnaaf ifi dabarsee kenna ree?
Ulfinna kiyya eennulle'eef hin kennu.
Israa'el Bilisa Hin Baati
12Ee Yaaqoob, Israa'elii ani waammadhe,
na caqasa'a!
Ani Waaqa;
ka duraatii fi ka duubaalle ana.
13Harka kiyyaan hundee lafaa hundeesse;
harki kiyya middichi ol-gubbaa diriirse;
yennaa ani isaan waamu
isaan marti adduma tokko ol ka'an.
14«Isin marti wolitti qabama'aatii,
na caqasa'a!
Ka ani Mootiin Waan Maraa filadhe,
karoora ani Baabilon irratti baase
akka muummessu'uuf jiru,
akki ani irree tiyya Baabilon irratti
akka ani ol fudhatu'uu jiru,
waaqota dharaa keessaa
dursee ka hime eennu?
15Anattuu dubbate; anattuu isa waame;
ani isa hin fida; hujiin isaalle hin teetiif.
16«Gara kiyya kowa'aatii, tana caqasa'a!
Ani jalqabaanuu jalqabee dhossa'aan hin dubbanne;
wonni ani dubbadhe
yennaa muummottulle ani achuma jiraayyu» jedha.
Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa
Ayyaana ifiitiin na ergeera.
17Mootiin Waan Maraa ka isin wodu,
Woyyichi Israa'elii,
«Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan,
ka waan dansaa akka gootanu isin barsiisu,
karaa isin deentanu ka isin sooressu.
18«Isin ajaja kiyya adoo eegattanee jiraattane,
silaa nageenni keessan akka laga guutee yaa'uu,
balchummaan teessanille
akka danbalii abbaaya'aa hin teetiiyyu.
19Sanyiin teessan akka maansaa,
ijoolleen teessanille akka buku'uu hin bacattiiyyu.
Maqaan isaanii fuula kiyya duraa ijjumaa hin haxowamu,
yookiin hin badu.
20«Biyya Baabilonii keessaa baya'a;
worra Baabilonii jalaa baqadha'a!
‹Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Yaaqoob wodeera› jedha'aatii hima'a!
Ilillisaa odeessaa, haga qaccee lafaa lassa'a.
21Yennaa ani goomolee keessa isaan sooresse,
isaan hin dheebonne;
ani rassaa keessaa bisaan isaaniif baase;
rassaa dhoosee bisaan achi keessaa dhuqatee baye.
22«Worra hamaaleyyi'iif nageenni hin jiru» jedha.

¿Sabías que…?
Purificación de Israel y salida de Babilonia
- En Isaías 48, Dios explica que reveló profecías y las cumplió repentinamente para que el pueblo obstinado no atribuyera estos acontecimientos a ídolos esculpidos o imágenes fundidas. El anuncio tanto de cosas pasadas como de cosas totalmente nuevas buscaba desmantelar cualquier pretensión de poder idolátrico.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo insta a los exiliados a huir de Babilonia y de los caldeos, una región en la Baja Mesopotamia situada en la vasta llanura regada por los ríos Éufrates y Tigris. Babilonia, ubicada sobre el Éufrates, sirvió como lugar de exilio hasta este llamado a salir con gozosa proclamación.Fuentes: el propio texto bíblico · Babylon · Chaldea
- Aunque Dios habla de purificar a la casa de Jacob en el horno de la aflicción y no como a la plata, el texto promete provisión divina en su retorno, evocando el agua que brotó de una roca hendida en el desierto.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org