Isaías 45
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mootiin Waan Maraa Qiiros Mootii Godhe
1Mootiin Waan Maraa ka harka isaa middicha qabee,
gosa biyya adda addaa akka inni harka ifii jala galfatuuf,
mootota irraa meya woraanaa akka inni hiikuuf,
karri qacha'aa akka isatti hin cufanneef,
cufanaan isa duraa akka banamuuf,
Qiirosii akka mootii te'u muudeen,
2«Ani siin dura hin deema;
gaarota dirree hin godha.
Karra qacha'aa ta sageettuu irraa hujante hin caccassa;
danqaraa sibiilaalle hin mura.
3Ka maqaa keetiin si waame,
ana Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii
akka te'e akka ati beettuuf,
ani qabeenna dukkana keessa jiruu fi
durummaa addee dhossa'aatitti kuufante si'iif hin kenna.
4Ati na beekuu dhaddulle,
marroo tajaajilaa kiyyaa Yaaqoobii,
Israa'elii filadheef jedhee,
maqaa keetiin si waamee
maqaa ulfinnaa
si'iif kenneera.
5Ani Mootii Waan Maraa ti;
ana malee ka dhibiin hin jiru.
Waaqi na qofa;
ati na beekuu dhaddulle,
ani si hin jabeessa.
6Namooti karaa aduun baatuu
haga karaa aduun seentuu
Mootiin Waan Maraa na qofa akka te'e,
ana malee ka dhibiin akka hin jirre
akka beekanuuf,
ani tana godhe.
7Ani ifaa fi dukkana dade;
ani nageya hin buusa;
balaalle hin buusa;
ani Mootiin Waan Maraa tana mara godha.
8Ee ol-gubba'a, gubbaa irraa balchummaa gad roobi;
duumensille balchummaa gad roobuu ti;
latti banantee, fayyinni latuu ti;
balchummaalle isa woliin guddattuu ti.
Ani Mootiin Waan Maraa tana mara dade» jedha.
9Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne'e!
Inni akka faaraa
harka nama faara dhowu keessa jiruu ti;
faarri nama isa dhowuun,
«Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree?
Wonni inni dhowu sunille,
«Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree?
10Mucaa abbaa ifiitiin,
«Ati maaf na uumatte?»,
Haadha ifiitille'een,
«Ati maaf na deette?» jedhuuf aanne'e!
11Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii ka isii dade,
«Marroo waan te'uu jiruu,
marroo ijoollee tiyyaa na gaafattanii ree?
Marroo hujii harka kiyyaalle
na ajajjanii ree?
12Lafa dadee, namootalle isii irratti ka dade ana;
ol-gubbaa harka kiyyaan diriirsee,
urjoota ol-gubba'aalle ka ajaje anuma.
13Ani balchumma'aan Qiiros kaaseera;
karaa isaa duudiille qajeelcheera.
Inni qachaa kiyya deebisee hin ijaara;
worra na duraa booji'ame
gatii malee yookiin kaffaltii malee
bilisa hin baasa» jedha
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
14Mootiin Waan Maraa,
«Karri worra Gibxi'ii,
bu'aan daldala worra Itoophiya'aalle si'iif hin te'a;
worri Saaba'aa dhedheeraan gara keeti dhufanee,
keeti hin te'an;
wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, si gula hin deeman;
si duratti sagadaa, ‹Dhugumaan Waaqi si woliin jira;
isa malee Waaqi dhibiin hin jiru› jedhaa
si daadimatan» jedhe.
15Ee Waaqa, fayyisaa Israa'elii,
ati dhugumaan Waaqa ifi dhossitu.
16Worri waaqota dharaa hujatu marti
hin qaanowan; hin salphatan;
isaan marti wolumatti hin salphatan.
17Mootiin Waan Maraa ammoo,
fayyinna bara baraatiin Israa'el hin fayyisa;
ee Israa'el, ati haga bara baraa hin qaanottu;
hin salphattulle'e.
18Ka ol-gubbaa dade, inni Mootii Waan Maraa ti;
Inni lafa bifa itti godhee, jabeessee yennaa dhaabe,
akka irra le'anuuf malee, ona akka teetuuf hin danne.
Inni, «Ani Mootii Waan Maraa ti;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
19Ani lafa dukkanaa keessaa, dhossa'aan hin dubbanne.
Ani sanyii Yaaqoobiitiin,
‹Akkasumaan na barbaada'a› hin jenne;
ani Mootiin Waan Maraa dhugaa dubbadha;
waan sirrii te'e lassa.
20«Isin worri gosa biyya adda addaa keessaa
badii irraa ka hattane,
wolitti qabama'aatii kowa'a; as dhikaadha'a.
Worri fakkii waaqota dharaa
Ka muka irraa hujante, ba'atee ideemuu fi
waaqa nama fayyisuu hin dandeenne daadimatu
beekkumsa hin qabu.
21Haajaa keessan dubbadha'aatii dhikeeffadha'a;
wolitti qabama'aatii mari'adha'a.
Bara dheera'aan dura eennutti tana hime?
Duraan dursee eentu raage?
Ana Mootii Waan Maraatii motii?
Ana malee, Waaqi balcha'aa fi fayyisaan
dhibiin hin jiru.
Ana malee ka dhibiin hin jiru.
22«Ana malee Waaqi dhibiin waan hin jirreef,
isin worri qaccee biyya lafaa jirtanu marti,
gara kiyya deebi'a'a'aatii fayya'a!
23Nami marti na duratti hin jilbiiffata;
arrabi martinuu anaan hin kakata;
jechi balchumma'aan afaan kiyya keessaa baye,
akka hin jijjiirane,
ani maqaa kiyyaan kakadheera.
24«Namooti marroo tiyya, ‹Balchumma'aa fi jabeenni
Mootii Waan Maraa qofa biraa dhaggama› hin jedhan» jedhe.
Worri na mormu marti gara kiyya dhufanee hin qaanowan.
25Sanyiin Israa'elii marti
ana Mootii Waan Maraatiin
balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggatan.

¿Sabías que…?
La misión de Ciro y la soberanía de Dios
- Isaías 45 nombra explícitamente a Ciro, el gobernante persa que conquistó Babilonia en el 538 a.C. Aunque Ciro era un rey extranjero, el texto lo llama el ungido de Dios, cuya misión incluía someter naciones y liberar a los exiliados sin pago ni recompensa.Fuentes: el propio texto bíblico · Cyrus
- El capítulo emplea la metáfora del alfarero y el barro para dirigirse a quienes cuestionan los métodos y la soberanía de Dios. El pasaje enfatiza que, así como el barro no puede objetar la obra de las manos del artesano, la creación no puede cuestionar el gobierno del Creador.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo también hace referencia a las riquezas y productos de Egipto y Cus sometiéndose y reconociendo al Dios de Israel. En la geografía bíblica, Cus se refería a las regiones ubicadas al sur de Egipto.Fuentes: el propio texto bíblico · Cush · Egypt
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org