Nations Bible

Isaías 40

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Jecha Addi'ii

1Waaqi keessan, «Jajjabeessa'a;

kolbaa tiyya jajjabeessa'a!

2Gadhi-laafumma'aan

Kolbaa Yerusaalemiititti dubbadha'aatii,

itti lallaba'a;

barri garbummaa isaanii dhumateera;

gatii cubbuu ifii maraaf,

harka Mootii Waan Maraa irraa

adabbii dachaa lama fudhataneeran» jedha.

3Qoonqoon nama goomolee keessaa lallabu tokkoo,

«Goomolee keessatti

karaa Mootii Waan Maraa qopheessa'a;

Gammoojjii keessatti

karaa guddaa Waaqa keennaaf qajeelcha.

4Dhooqi martinuu hin guutti;

koobii fi gaarri martinuu hin diriiran.

Latti bu'aa bayiin hin qajeelti.

Latti kattattaan wol hin qixxootti.

5Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa hin mudhata;

Mootiin Waan Maraa ifumaafuu waan dubbateef,

nami marti tana hin dhagga» hin jedha.

6Qoonqoon takka, «Iyyi» naan jette.

Anille, «Maan jedhee iyya?» jedhee gaafadhe.

Qoonqoon sun, «Nami marti akka marraa ti;

ulfinni isaanii marti akka daraaraa diida keessaa ti.

7Yennaa Mootiin Waan Maraa hafuura itti baafatu,

marri hin qoora;

daraaraalle hin harca'a;

dhugumaan kolbaan akka marraa ti.

8Marri hin qoora;

daraaraalle hin harca'a;

jechi Waaqa keennaa ammoo,

haga bara baraa jabaatee le'a» jette.

9Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu,

gaara dheera'atti ol baya'a.

Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu,

qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii iyya'a;

qoonqoo teessan ol qabadha'a, hin sodaatina'a!

Qachoota Yihuda'aatiin,

«Waaqi keessan kunoo ti!» jedha'a.

10Kunoo, Goottaan Mootiin Waan Maraa,

hunnaan hin dhufa;

irree ifiitille'een hin bulcha.

Kunoo, gatiin inni kennu,

harka isaa jirti;

waan kaffalu ifi duraa qaba.

11Inni akka tisse'ee, hoolee ifii hin tissa;

inni akka ilmoolee hoole'ee

harka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata;

haadhotii ilmoole'ee malaan sooressa.

Ka Waaqaan Wol Qixxowu Eennu

12Bisaan ooboo harka ifiitiin ka safare,

yookiin ol-gubbaa taakkuu ifiitiin ka mike eennu?

Yookiin eentu biyyee kollonjo'otti naqee fixuu dande'a?

Eentu gaarotaa fi koobota madaala irra keyuu dande'a?

13Eentu qalbii Mootii Waan Maraa hubatee,

isatti gorsee isa barsiisuu dande'e?

14Beekkumsa dhaggatiisaaf,

Mootiin Waan Maraa eennu gorsa gaafate?

Karaa qajeelaa eentu isa barsiise?

Eentu beekkumsa isa barsiise?

Yookiin eentu daandii hubatiisaa isatti mudhise?

15Gosi biyya adda addaatuu

akka copha bisaanii ka sakkeelloo keessaa ti;

isaan akka bukuu madaala irraa ti;

kunoo, inni oddoolota akka bukuun kaatu hin kaasa.

16Muki Libaanon keessaa

ibidda addee ciinca'aatiif hin gewu;

bineensoti achi keessaalle

ciinca'aaf hin geyanu.

17Gosi biyya adda addaa

isa duratti womaa moti;

isaan isa duratti

waan tokkolle'etti hin laakkowamanu.

18Waaqa eennuun wol fakkeessitan?

Yookiin fakkii tamiin wol fakkeessitan?

19Waaqa dharaa, nama hujii harkaa beekutti boca;

nami worqii baqisiisu worqii itti gonfa;

haachaba meeti'iille itti seesa.

20Nami deegi kennansa akkasii kenniisaaf hin dandeenne,

muka dafee hin hurroonne filata.

Fakkii hin jinne dhaabbatiisaaf,

ogeessa nama hujii harkaa beeku barbaadata.

21Isin hin beennee ree?

Isin hin dhageennee?

Durii jalqabee

isinitti hin himannee?

Biyyi lafaa haga dadantee

isin hin hubannee ree?

22Inni biyya lafaatiin gubbaa

barcumaa mootummaa ifii irraa tee'a;

kolbaan biyya lafaa isa duratti akka korophiisaa ti;

Inni ol-gubbaa akka golla'aa hin diriirsa;

akka dunkaanii keessa le'anuulle hin dhaaba.

23Inni qondaaltota akka womaa hin te'initti,

bulchitoota biyya lafaalle akka hin jirree godha.

24Isaan akka biqiltuu

reefuu dhaabanteetii fi akka midhaan reefuu facaafamee,

adoo hiddi isaanii hin qabatin,

inni hafuura itti baafannaan goddeetii fi

akka hicaacee hobonbolattiin haxoottee ti.

25Waaqi Woyyichi, «Ana eennuun wol fakkeessitan?

Ka na woliin wol qixxe'ee eennu?» jedha.

26Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa ilaala'a;

urjoota tana mara eentu dade?

Inni akka loltootaa tokko tokkoon gad baasaa

isaan laakkowaa,

maqaa maqa'aan isaan mara waama;

inni hunna guddo'oo fi

jabeenna guddaa waan qabuuf

isaan keessaa tokkolle hin badu.

27Ee Yaaqoob, ee Israa'el,

«Karaan kiyya Mootii Waan Maraa duraa dhokateera;

Waaqi haajaa kiyya naaf hin ilaalle»

jettee maaf gungunta?

28Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?

Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;

biyya lafaa duudii ka dade isa;

Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;

eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande'u.

29Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede'a.

30Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille'e;

dargaggootille gufattee hin jiddi.

31Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

¿Sabías que…?

Consuelo para el Pueblo de Dios

  • Isaías 40 comienza con un mensaje de consuelo para Jerusalén y Sion, declarando que la servidumbre de la ciudad ha concluido y su iniquidad ha sido perdonada. Sion, una colina destacada de Jerusalén asociada con la Ciudad de David, es llamada a subir a un monte alto como mensajera de buenas noticias para las ciudades de Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · Jerusalem · Zion
  • Para enfatizar la magnitud incomparable del Creador, el capítulo señala que ni siquiera los inmensos bosques y animales del Líbano, la célebre cordillera montañosa del norte, bastarían como leña y víctimas para un holocausto.Fuentes: el propio texto bíblico · Lebanon
  • El pasaje combina imágenes cósmicas de medir los cielos y pesar las montañas con un tierno cuidado pastoral, describiendo a Dios como un pastor que recoge a los corderos en sus brazos y guía con gentileza a las ovejas que crían.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 9
  • Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 16

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.