Isaías 38
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Hisqiyaas Dhibamee Fayye
1Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.
2Achiin duuba Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee,
3«Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe. 4Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Isaayaasii dhufee, 5«Dhaqiitii Hisqiyaasiin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera; ani bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a. 6Ani si'ii fi qachaa Yerusaalemii kana harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani qachaa kanalle hin eega› jedhi» jedheen.
7Isaayaas deebisee, «Mootiin Waan Maraa waadaa si'iif gale kana akka muummessuuf, beessisi inni si'iif kennu kana: 8Inni, ‹Kunoo, gaaddisa adu'uun yaabbannoo Ahaazii irratti gad gale kana, tarkaaffii kudhan gara duubaa akka deebi'u hin godha› jedheera» jedhe. Maarre gaaddis tarkaaffii kudhan gara duubaa deebi'e.
9Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dhibee ifii irraa fayyeen duuba, waan asii gad jiru barreesse:
10Ani, «Wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti
gara karra addee worri du'e jiruu dhaqaa ree?
Barri kiyya ka hafelle na irraa saamamaa ree?
11Ani deebi'ee lafa worra jiraata'aatitti
Mootii Waan Maraa,
biyya lafaa irralle'etti namoota hin dhaggu.
12Akkuma dunkaaniin tissitootaa buqqaatu,
barri jiruu tiyyaa na irraa hin fudhatama;
akkuma worri woyaa dhowu woyaa maru,
akkasuma jiruun tiyya hin maranti;
akkuma nami woyaa dhowu
waan woyaa dhowee itti maru
irraa woyaa muru,
jiruun tiyyalle,
guyyaa tokko keessatti hin muranti.
13Ani haga latti bariitutti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyya;
inni ammoo akka neenqaa lafee tiyya mara caccassa;
guyyaa tokko keessatti jiruu tiyya mura.
14Ani akka sinbirree doogo'oo iyya;
akka saphaliisaalle aada;
ilti tiyya gara ol-gubba'aa ilaaliisaan dadhaddeerti.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani rakkadheera,
na qarqaar.
15Eega inni natti dubbatee,
tana godhe ani ammoo maan jedha ree?
Jiruun tiyya waan natti hadhootteef
bara jiruu tiyyaa mara
gad ifi qabee tiradha.
16Ee Mootii Waan Maraa,
kolbaan jecha keetii fi waan ati gootuun leeti;
ayyaanni kiyyalle tanaan jiruu dhaggata;
ati na fayyittee, akka le'u na goote.
17Dhugumaan wonni ani rakkadhee farreef,
bu'aa tiyyaaf.
Ati boolla badi'ii irraa na eedde;
cubbuu tiyya mara naaf lakkitte.
18Qileen si hin galateeffattu;
duuti si hin leellifattu;
worri du'e addatamummaa teetitti addii hin godhatu.
19Akkuma ani si leellifadhu,
worri jiru'uun jiru si leellifatan;
addatamummaa teeti
abbootiin ijoollee ifiititti hin himan.
20«Mootiin Waan Maraa na hin fayyisa;
tanaaf bara jiruu teennaa mara
meya faaru'uutiin
Galma Mootii Waan Maraa keessatti faarfanna» jedhe.
21Isaayaas, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii,
iita Hisqiyaasii irra keya'a; innille hin fayya» jedheeraayyu.
22Hisqiyaasille, «Ani gara Galma Mootii Waan Maraa
akka ol bayu beessisi maan?» jedhee gaafateeraayyu.

¿Sabías que…?
La Enfermedad y Recuperación de Ezequías
- Cuando el rey Ezequías enfermó de muerte, el profeta Isaías anunció inicialmente su partida inminente. Después de que Ezequías orara y llorara con amargura, Dios prometió añadir quince años a su vida y defender a Jerusalén del rey de Asiria.Fuentes: el propio texto bíblico · Hezekiah
- Como señal para confirmar la promesa divina, la sombra del sol retrocedió diez gradas en la escalinata asociada al rey Acaz, padre y predecesor de Ezequías en el trono de Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · Ahaz
- Junto a la intervención divina, Isaías prescribió un remedio medicinal práctico, ordenando aplicar una masa de higos prensados sobre la llaga del rey para que pudiera sanar.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 6
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org