Isaías 21
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ergaa Marroo Jinnana Baabilonii
1Ergaan marroo lafa goomolee qarqara Abbaaya'aa ta asii gad jirtu:
Akkuma hobonbolattiin gara kibbaa irraa haxowaa dhuttu, akkasuma lafa goomole'ee ta nama sodaachittu irraa badiin hin dhutti. 2Ani mudhii nama sodaachittu dhagge: Ka nama dabarsee kennu, dabarfamee hin kennama; ka nama saamu hin saamama.
Ee loltoota Elaamii, ka'a'a! Ee loltoota Medoonii, qachaa marsa'a! Rakkoo Baabilon fidde mara ani hin hambura.
3Ani tana yennaa dhage'e, yennaa dhaggelle, hidhi na citee, akka dubartii ciniinsifattuu te'ee, gad gugguufe. 4Gadhaan kiyya raafamee, naasuun na rommisiitte; bariin ani halchu, sodaa guddoo natti teete.
5Isaan sagalee qopheessane; itillee afane; nyaatanee unane; dedhuma ajaji, «Isin ajajjooti loltootaa ka'a'a. Wontee teessan zayiti'iin haxowadha'a!» jedhu baye.
6Achiin duuba Goottaan anaan, «Dhaqiitii eedduu tokko achi keyi; inni waan dhagge himuu ti. 7Inni garreettota fardaa, ka farda lama lamaan harkifamu, worra harre'ee fi gaala irra tee'ee deemu, yennaa dhaggu, hubatee ilaaluu ti» jedhe.
8Achiin duuba eeddichi, «Ee Gootta'a, ani guyyuma guyya'aan xelleephoo irra dhaabbadha; halkan guutuulle dammaqee eega» hin jedha.
9Kunoo, nami tokko garreettaa fardaa ka farda lamaan harkifamu irra tee'ee dhufiisatti jira. Eeddichi ammalle «Kunoo, Baabilon jidde! Jidde! Fakkiin waaqota dharaa isi'ii marti bututtee lafa harcaate» jedhe.
10Ee kolbaa tiyya, isin worri akka midhaan eeddummee keessatti dhowamee teetane, ani waan Waaqa Israa'elii, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade irraa dhage'e isinitti hima.
Ergaa Marroo Edoomii
11Ergaan marroo Edoomiitiif dubbatante asii gad jirti:
Nami tokko Edoom irraa na waamee, «Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna? Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna?» naan jedhe.
12Eeddichille deebisee, «Halkan hin bari'a; ammoo deebi'eelle hin dhiya; waan gaafattu yoo qabaatte
deebi'ii koyiitii gaafadhu!» jedhe.
Ergaa Marroo Arabaa
13Ergaan marroo biyya Arabaa ta asii gad jirtu:
Ee isin daldaltooti Dedaanii, worri daggala Arabaa keessa qubattanu, 14worra dheeboteef bisaan kenna'a. Isin worri biyya Teema'aa, worra baqatee dhufeef sagalee kenna'a. 15Isaan shallaagaa jalaa, guubee dhifante jalaa fi lola o'e jalaa baqataneeran. 16Mootiin Waan Maraa anaan, «Akka nami yenna'aaf qaxaramee hujuu woggaa laakkowatu, ulfinni Qedaarii woggaa tokko keessatti gad hin deebi'a. 17Loltooti jajjabi Qedaarii, ta guube'een loltu, worri lubbu'uun hafe diqqaa hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedhe.

¿Sabías que…?
Visiones sobre Babilonia y las Naciones del Desierto
- Isaías 21 comienza con una visión que convoca a Elam y a Media al ataque, culminando en la proclama de que Babilonia ha caído y sus imágenes talladas han sido destruidas. Elam y Media eran regiones montañosas situadas al oriente de Babilonia.Fuentes: el propio texto bíblico · Elam · Media
- El oráculo contra Arabia menciona a Cedar, un nombre vinculado a las tribus nómadas que habitaban el noroeste de la península arábiga. La profecía describe caravanas que huyen de la guerra por el desierto y advierte que los famosos arqueros y guerreros de Cedar se reducirán en solo un año.Fuentes: el propio texto bíblico · Kedar · Kedar
- El capítulo está articulado mediante la imagen de un centinela apostado día y noche en una torre de vigilancia. Este atalaya observa la llegada de jinetes en parejas y responde a las preguntas angustiadas que llegan desde Seir sobre cuánto queda de la noche.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 1, 2, 9
- Negeb · 31.245, 34.841 · versículo 1
- Elam · 32.189, 48.258 · versículo 2
- Media · 34.806, 48.516 · versículo 2
- Arabia · Hoy: Arabian Peninsula · 23.000, 46.000 · versículo 13
- Tema · Hoy: Tayma · 27.630, 38.552 · versículo 14
- Kedar · 29.811, 39.868 · versículos 16, 17
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org