Oseas 7
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1«Ani yennaa kolbaa Israa'elii fayyisuu barbaadutti, yakkaan kolbaan Efreemii, hammeenni Samaariya'aa hin mudhata; isaan sobaan hujan; hattuun mana cassitee seenti; saantuulle karaa irratti nama saanti. 2Isaan ammoo hujii isaanii hantuu tana mara akka ani qaabadhu hin yaadatanu; cubbuun isaanii isaan marsitee, yennaa mara fuula kiyya dura jirti.
Karoora Hamaa Mana Mootumma'aa Keessaa
3«Isaan mooticha hammeenna ifiitiin, qondaaltota dhara ifiitiin gammachiisan. 4Isaan martinuu gaarayyeeffattoota, akka eelee ibidda irratti o'itee, ta nami daabboo bilcheessu bukoo sukkuumee haga isiin bukoottutti ibidda itti tuttuqiisa hin barbaachinnee ti. 5Guyyaa jila mootii keennaa qondaaltoti machii daadhii woyni'iitiin finiinane. Mootichille worra murgaameyyii woliin wolii gale. 6Isaan akka eelee finiintee ti; gadhaan isaanii isaan keessatti gubata; halkan guutuu aariin hin qabbanoottu; ganama akka bobe'a ibiddaa bobeetti.
7«Isaan martinuu akka eele'ee finiinaneeran; bulchitoota ifiille fixaneeran. Moototi isaanii marti jidde; isaan keessaa tokkolle qarqaarsa na hin gaafanne.
Israa'elii Fi Gosa Biyya Adda Addaa
8«Kolbaan Efreemi gosa biyya adda addaa woliin wolitti makante; kolbaan Efreemii akka bixee gara hin galfaminii ti. 9Ormi hunna isaanii nyaate; isaan ammoo hin hubanne; arriin isaan wowworaante; isaan ammoo hin qalbeeffanne. 10Koorri kolbaa Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; tun marti teetee ammoo, isaan gara ana Mootii Waan Maraa Waaqa ifii hin deebine. 11Kolbaan Efreemii akka saphaliisa hubantii hin qanne ka akkuma kasoo sobamuu ti; qara worra Gibxi'ii qarqaarsa gaafatan; achiin duuba gara worra Asoorii deebi'an. 12Yennaa isaan deemanu, ani tiyyoo tiyya isaanitti hin afa; akka sinbirre'ee gubba'aa gad isaan hin buusa. Marroo hujii isaanii hantu'uutiif wolde'a isaanii oddu'utti isaan hin adaba.
13«Isaan na irraa waan goraneef, isaaniif aanne'e! Isaan na finqilanee natti waan ka'aneef, badiin isaanitti dhuttuu ti! Ani isaan wodiisaaf barbaade; isaan ammoo dhara na irratti dubbatan. 14Isaan taqee ifii irratti wiiccifatan malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin iyyanu; isaan midhaanii fi daadhii woyni'iitiif wolitti dacha'an; na irraa ammoo hin fagaatan. 15Ani leenjii isaaniif kennee, isaan jabeessulle, isaan ammoo na irratti mala hamaa dhowan. 16Isaan gara waan bu'aa hin qannee deebi'ane; isaan akka guubee qajeelatti daaya hin darbannee ti; sooreyyiin isaanii sababa dubbii hantuu ifiitiif shallaaga'aan hin dhumatan. Waan kanaaf, worri biyya Gibxi'ii isaanitti hin murgan» jedha.
¿Sabías que…?
Corrupción Interna y Alianzas Peligrosas
- Los nombres Efraín y Samaria se emplean conjuntamente para designar al reino del norte de Israel; Samaria funcionaba como la capital real construida sobre una colina por el rey Omrí, mientras que Efraín era su tribu predominante.Fuentes: el propio texto bíblico · Samaria · Ephraim
- Oseas compara las conspiraciones políticas de la corte con el horno de un panadero, cuyo fuego arde lentamente toda la noche antes de encenderse por la mañana. Esta imagen refleja las intrigas cortesanas y las rápidas caídas que sufrieron los reyes y gobernantes de Israel.Fuentes: el propio texto bíblico
- El profeta retrata a Efraín como una paloma incauta y sin seso que revolotea entre dos imperios rivales del antiguo Cercano Oriente, pidiendo ayuda a Egipto al sur y recurriendo a Asiria al norte en lugar de buscar a Dios.Fuentes: el propio texto bíblico · Egypt · Assyria
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículo 1
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 11
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 11, 16
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org