Oseas 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Muraa Israa'elitti Murantu
1«Isin hayyoota, tana dhage'a'a! Isin Israa'eloota hubadha'a! Ee, maatii moototaa caqasa'a! Muraan tun isin irratti muranti; isin Miispha'atti tiyyoo, gaara Taaborii irralle'etti caccoo afante teetaneertan. 2Worri finqilaan ijjeecha'atti jabaataneeran. Ani isaan mara hin adaba. 3Ani marroo Efreemotaa hin beeka; Israa'el na duraa dhokattee hin jirtu. Efreem, ati amma gara sagaagalaa deebiteerta; Israa'el battootteerti.
4«Hujiin isaanii gara Waaqaa akka deebi'anu isaan hin gootu. Sagaagalummaan yaada isaanii keessa jirti; isaan Mootii Waan Maraa hin beekanu. 5Koorri Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; Israa'elii fi Efreem cubbuu ifiitiin gufatan; Yihudaalle isaanuma woliin gufata. 6Isaan hoole'ee fi re'ee, loon ifiille fudhatanee Mootii Waan Maraa hin barbaadan; garuu inni isaan irraa waan adda bayeef, isaan isa hin dhagganu. 7Isaan Mootii Waan Maraatiif waan hin addataminiif, ijoollee ormaaf uumaneeran; tanaaf amma jilti baatii ji'aa ta isaanii, isaanii fi fichaa isaanii hin balleessiti.
Yihuda'aa fi Israa'el Wol Lolan
8«Giibe'aa keessatti tultullaa, Raamaa keessatti suusullee afuufa'a. Bet-Aween keessatti iyya lolaa kaasa'a. ‹Ee, kolbaa Beniyaaminii, isinitti dhufane› jedha'a 9Guyyaa adabbi'ii Efreem duwwaa hin teeti; ani gosa Israa'elii oddu'utti dhugumaan waan te'uuf jiru lassiisatti jira.
10«Sooreyyiin Yihuda'aa akka worra meessaa dhiibuu te'aneeran; ani mufii tiyya akka lolaa bisaanii isaan irratti hin dhangalaasa. 11Efreem waaqota dharaa hordofiisa yaada waan qabuuf, cunqurfamee, muraan isatti dhutte. 12Ani Efreemiif akka qu'e'ee, kolbaa Yihuda'aatiif akka shanto'oo hin te'a.
13«Efreem dhibee ifii, Yihudaan madaa ifii yennaa dhagge, achiin duuba Efreem gara biyya Asoorii deebi'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf mootii guddichatti ergate; inni ammoo dhibee isaanii fayyisuu, madaa isaaniille irraa balleessuu hin dandeenne. 14Ani Efreemitti akka neenqaa, Yihudaalle'etti akka neenqa dardaraa hin te'a. Ani tatarsaasee kukkutee isaan biraa hin deema; fuudheelle hin deema; ka isaan baasu hin jiru.
15«Haga isaan yakkaa ifii beekanutti, ani gara addee tiyyaa hin deebi'a. Isaanille fuula kiyya hin barbaadan; isaan rakkinna ifii keessa akka malee na hin barbaadan» jedhe.

¿Sabías que…?
Juicio sobre los líderes de Israel y Judá
- Oseas denuncia a los sacerdotes y a la casa real como un lazo en Mizpa y una red tendida sobre el monte Tabor. El monte Tabor es una montaña cónica y prominente al oeste del mar de Galilea, y Mizpa era un sitio histórico en Galaad, sirviendo ambos como puntos geográficos elevados donde el liderazgo corrupto descarrió a la nación.Fuentes: el propio texto bíblico · Tabor (Mountain) · Mizpah
- La alarma que suena en el versículo 8 menciona ciudades a lo largo de las colinas de Benjamín: Guibeá, Ramá y Bet-avén. Bet-avén, que significa casa de ídolos o de nada, era un término profético despectivo para Betel, ridiculizando el culto al becerro de oro allí establecido.Fuentes: el propio texto bíblico · Beth-aven · Gibeah · Ramah
- El profeta reprende a Efraín por recurrir al gran rey de Asiria para sanar sus aflicciones nacionales en vez de buscar a Dios. Centrado a lo largo del río Tigris, el expansivo Imperio Asirio subyugó el norte de Siria y exigió tributos en toda la región bajo gobernantes como Tiglat-pileser.Fuentes: el propio texto bíblico · Assyria · Tilgath-pilneser
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Mount Tabor · Hoy: Jebel et Tur · 32.686, 35.393 · versículo 1
- Beth-aven · Hoy: Beitin · 31.923, 35.241 · versículo 8
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 13
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org