Oseas 2
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1«Maarre obboleeyyan teessan, ‹Kolbaa tiyya›, obboleeyyan teessan ta durraalle, ‹Marartii› jedha'aa waama'a.
Adabamiisaa Fi Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii
2«Isiin haadha manaa tiyya waan hin teeneef, anille abbaa manaa isi'ii waan hin teeneef, ijoollee tiyya haadha teessan gorsa'a! Isii gorsa'a! Herrega gaarayyeeffataatii fi sagaagalaa lakkittuu ti. 3Yoo akkas hin te'in, ani mulqee akka guyyaa dhalattee, qullaa isii hambura; akka goomole'ee, lafa godduu isii hin godha; dheebu'uun isii ijjeesa. 4Isaan ijoollee gaarayyeeffattu'uu waan te'aneef, ani ijoollee isi'ii hin mararu. 5Haati isaanii gaarayyeeffattee, karaa salphinnaatiin isaan ulfootte. Isiin, ‹Ani worra midhaanii fi bisaan, woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante, zayiti'ii fi untoo naaf kennanu, gaarayyoota tiyya gula deema› jette.
6«Tanaaf, ani haxanxarii qore'eetiin karaa isi'ii hin cufa; akka isiin karaa baatu hin dhagganne, dalleya dhaka'aa itti ijaara. 7Isiin gaarayyoota ifii gula fiiddi ammoo isaan hin dhaqqaddu; isaan hin barbaaddi ammoo hin dhaggitu. Achiin duuba, isiin, ‹Jiruu tiyya ta ammaa, jiruun tiyya ta durii waan caaltuuf, gara dhirsa kiyya ka durii deebi'a› hin jetti. 8Isiin midhaan, daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaa ka isi'iif kenne, meeti'ii fi worqii isaan waaqa dharaa Ba'aaliif hujane, ka baceesse ana akka te'e hin beenne.
9«Tanaaf, ani midhaan kiyya yennaa inni bilchaate, daadhii woyni'ii o'ituun tiyyalle yennaa isiin qophootte hin fudhadha. Woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante tiyyalle akka isiin nafa qullaa ifiitiin hin gollanne ani deebisee hin fudhadha. 10Ani gaarayyoota isi'ii duratti mulqee, qullaa isii hambura. Harka kiyya keessaa ka isii baasu hin jiru. 11Ani jila isi'ii mara: jila isi'ii ka wogga'aa, ka baatii ji'aa, ka guyyaa Sanbataa, jila isi'ii ka addaa mara hin hambura. 12Muka woyni'iitii fi muka harru'uu ka isiin, ‹Gaarayyoota kiyyatti gatii naaf kenne› jettu san hin balleessa. Ani gongomaa isaan godha; bineensoti isaan hin nyaatan. 13Guyyoota isiin waaqa dharaa Ba'aaliif hixaana aarsiteef, ani isii hin adaba; isiin qube'ee fi seesa naqattee, gaarayyoota ifii gula deentee, ana ammoo deete» jedhe.
Jaalala Goottaan Kolbaa Ifiitiif Qabu
14Mootiin Waan Maraa ammalle, «Tanaaf, ani amma isii hin sossobadha; gara goomole'ee isii geessee, jecha jaalalaa isi'itti hin dubbadha. 15Achitti muka woyni'ii isi'iif hin deebisa; ani dhooqa Akorii balbala addi'ii isi'iif hin godha; achitti akka guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baateetitti, akka guyyaa dargaggummaa ifiititti gammadaan hin faarfatti. 16Guyyaa san ‹Dhirsa kiyya› jettee na waanti malee, akka Ba'aalii waaqa ifii ka dharaa, ‹Goottaa kiyya› jettee waantu na hin waantu. 17Akka isiin deebitee waaqota dharaa Ba'aal maqaa hin dhoonne hin godha.
18«Guyyaa san ani bineensota, sinbirroota fi bineensota lafa irra munyuuqanu woliin gondooroo hin godha. Martinuu nageyaan akka le'uuf, ani guube'ee fi shallaagaa, meya lolaa mara lafa irraa hin balleessa. 19Ani haga bara baraa fuudhaaf si hawadadha; balchumma'aan, haqaan, jaalala bara baraatii fi mararti'iin fuudhaaf si hawadadha. 20Ani addatamumma'aan fuudhaaf si hawadadha; atille ana Mootii Waan Maraa hin beetta. 21Yennaa san ani Mootiin Waan Maraa deebii hin kenna; ani ol-gubba'aaf deebii hin kenna; ol-gubbaalle lafaaf deebii hin kenniti. 22Lattille midhaan, woyni'ii fi zayitii ejersaa kenniisaan Yizre'eliif deebii hin kenniti. 23Ani biyya keessatti kolbaa tiyya hin dhaaba; worra, ‹Lo-Ruhaamaa› jedhee waame hin marara; worra ‹Lo-Amii› jedhee waame, ‹kolbaa tiyya› hin jedha. Isaanille, ‹Ati Waaqa keenna› anaan hin jedhan» jedhe.

¿Sabías que…?
Juicio y Restauración
- El valle de Acor, situado cerca de Jericó, recibió su nombre por la aflicción provocada por el pecado de Acán en el libro de Josué. Oseas utiliza este lugar proverbial de calamidad para prometer que un sitio de tragedia pasada se convertirá en una puerta de esperanza.Fuentes: Valley of Achor · el propio texto bíblico
- Baal era el principal dios masculino de los fenicios, cuyo culto se había extendido entre las tribos del norte de Israel. Oseas refuta la idea de que los bienes agrícolas como el grano, el vino, el aceite y la lana provenían de Baal, declarando que eran dones del SEÑOR.Fuentes: Baal · el propio texto bíblico
- Este capítulo anuncia la reversión de los nombres simbólicos de juicio dados anteriormente a los hijos. A quienes se llamaba Sin Compasión se les promete misericordia, y a los llamados No Mi Pueblo se les reconoce nuevamente como pueblo de Dios en un pacto restaurado.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 15
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org