Nations Bible

Hebreos 8

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yesuus Hayyicha Guddaa Gondooroo Haareyaa ti

1Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna» ka jedhu. 2Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante. 3Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa. 4Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu. 5Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen. 6Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala'a.

7Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu. 8Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee,

«‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa woliin,

gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan.

9‹Gondooroon tun,

ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase,

abbootii isaanii woliin gondooreetii moti;

waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif,

anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.

10‹Yennaa saniin duuba,

kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru,

Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya;

gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa.

Ani isaaniif Waaqa hin te'a;

isaanille kolbaa tiyya hin te'an;

ta jettu› jedha Goottaan.

11‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin,

Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu;

diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan.

12Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama,

cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.

13Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El verdadero tabernáculo y un nuevo pacto

  • Hebreos 8 llama copia y sombra de lo que está en el cielo al lugar en el que sirven los sacerdotes. Por eso se advirtió a Moisés, cuando estaba por construir el tabernáculo, que hiciera todo conforme al modelo que se le mostró en el monte.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El nuevo pacto prometido a la casa de Israel y a la casa de Judá se contrasta con el pacto hecho con sus padres, cuando fueron sacados de Egipto, la tierra del Nilo.Fuentes: el propio texto bíblico · Egypt
  • Al hablar de un nuevo pacto, el capítulo dice que el primero ha quedado anticuado y que lo anticuado y envejecido pronto desaparecerá.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 9

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.