Hebreos 12
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Waaqi Abbaa Keenna
1Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna. 2Nuuti jalqaba'aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te'e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du'iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du'a fanno'oo ossatee midda barcumaa mootumma'aa ka Waaqaatitti tee'e.
3Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi'ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala'a. 4Isin cubbu'uun woliin wodhaantoo qabatiisaan haga dhiiga keessan dhangalaasiisaatitti haga ammaa hin falmanne. 5Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni,
«Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu,
akka kaso'ootitti hin ilaalin;
yennaa inni si adabelle,
gadhaa hin kutatin!
6Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa;
nama akka ilma ifiititti fudhatulle
hin adaba» jedha.
7Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi'ii ossadha'a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? 8Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana malee ijoolle'ee moti. 9Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru'uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu'uu mallee motii ree? 10Abbootiin teenna yennaa diqqo'oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu'aa teennaaf nu adaba. 11Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi.
Gorsaa Fi Ifi Eeggachiisa
12Tanaaf harka keessan ka isin irraa bu'ee fi jilba keessan ka dadhabe jabeessa'a! 13Miilli keessan ka naafate akka fayyu malee akka adde'een hin kaane, miila keessaniif karaa qajeelfadha'a.
14Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a. 15Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a. 16Eennulle baalagee, yookiin akka Esaawuu sagalee yennaa takka'aatiif jedhee, angafummaa ifii gurguree ka Waaqa malee le'u te'ee, akka hin teene ifi eeggadha'a. 17Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; bowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne.
18Isin akka Israa'elootaa gara gaara Siina'aa ka harkaan qabamuu dande'uu, ka ibiddaan bobe'uu hin geenne; gara dukkanaa, gara dimmaa, gara bubbe'ee, 19gara qoonqoo tultulla'aatii fi qoonqoon jechaan himantu dhage'antuu hin dhikaanne; worri jecha san dhage'ane akka jechi dhibiin dabalamee itti hin dhage'anne kadhatane. 20Ajaji, «Bineensille gaara san yoo tuqe, dhaka'aan tumamee du'uu ti» jedhu waan isaanitti ulfaateef, ba'atiisaaf hin dandeenne. 21Wonni achitti dhaggame akka malee sodaachisaa waan te'eef, Muuseenuu, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe.
22Isin ammoo gara gaara Xiyoonii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata'aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba'aa ti; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu'utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan. 23Gara Wolde'a worra maqaan isaanii ol-gubba'atti barreeffamee, ka angafoota ijoollee Waaqaa te'anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi'itti muruutii fi lubbuu balchoole'ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan. 24Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te'ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan.
25Ka dubbatiisatti jiru san akka hin didanne ifi eeggadha'a! Worri Waaqi biyya lafaa irratti dubbatuun didane jalaa bayiisa eega dadhabane, nuuti ka ol-gubbaa irraa nutti dubbatu yoo didanne attamiin jalaa baana ree! 26Yennaa san qoonqoon isaa lafa tachooteerti; amma ammoo, «Ani ammalle yennaa tokko, lafa callaa adoo hin te'in, ol-gubbaalle hin tachoosa» jedhee waadaa galeera. 27Jechi, «Ani ammalle yennaa tokko» jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa. 28Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa'a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda'aan kowa'a isa Waaqonfanna. 29Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu.

¿Sabías que…?
La carrera, la disciplina y el monte Sion
- Hebreos 12 advierte contra ser profano como Esaú, que vendió la primogenitura por una sola comida. Esaú, el gemelo primogénito de Rebeca, era cazador; hambriento al volver de la caza, vendió ese derecho a su hermano Jacob por un guiso de lentejas rojas, y de ahí también le vino el nombre Edom, “rojo”. Después, dice el capítulo, buscó la bendición con lágrimas y fue rechazado.Fuentes: Esau (Edom) · el propio texto bíblico
- Hebreos 12 dice que sus lectores han llegado no a un monte que se puede tocar y que arde en fuego, entre tinieblas, lobreguez y tempestad —donde hasta Moisés dijo: “Estoy temblando de miedo”—, sino al monte Sion y a la Jerusalén celestial, la ciudad del Dios vivo. El monte Sion era la colina sudoriental de Jerusalén; David la tomó de los jebuseos, construyó allí una ciudadela y un palacio, y llegó a ser la ciudad de David. El nombre Jerusalén se explica como “posesión de paz” o “fundamento de paz”, y la ciudad también era llamada la ciudad santa.Fuentes: el propio texto bíblico · Mount Zion · Jerusalem
- Hebreos 12 habla de “la sangre rociada, que habla una palabra mejor que la sangre de Abel”. Abel, el segundo hijo de Adán y Eva, fue muerto por su hermano Caín, después de que el Señor miró con favor a Abel y a su ofrenda, los primogénitos del rebaño, pero no a Caín y su ofrenda, los frutos del campo.Fuentes: el propio texto bíblico · Abel
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org