Gálatas 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Balchummaan Seeraan Moo Dhugeeffanna'aan
1Worra Galaatiya'aa gowwoole'e! Eentu muusessee isin dooche? Yesuus Kiristoos fannifamee, akka waan barreeffamee rarraafamee, ila teessan dura jiraayyuu. 2Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane? 3Attam akkas gowwitan? Ayyaana Waaqaatiin jalqaddanee, amma ammoo yaada fooniitiin muummessuu barbaaddanii ree? 4Dhugumaan waan woy hin baaneef yoo te'e, toluma waan isin irra dhaqqabe kana mara fudhattanee ree? 5Waaqi Ayyaana ifii isinii kennee, bilbaasa isin oddu'utti wonni hujuuf, waan Seera eeggattaneef moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee waan itti dhugeeffattaneef?
6Abrahaam ilaala'a me; Barreeffami Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha. 7Maarre worri dhugeeffatu maraa ilmaan Abrahaamii akka te'e hubadha'a! 8Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, «Gosi maraa si'iin hin eebbifama» jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera. 9Tanaaf worri dhugeeffatu maraa, Abrahaamii dhugeeffate woliin ka eebbifame.
10Barreeffam Woyyichi, «Waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame mara, nami hin eeganne maraa ka abaarame!» waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqilfatu abaarsa jala jira. 11Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaan dhugeeffanna'aan le'a» waan jedhuuf, eennulle Waaqa duratti Seeraan balchoomiisaaf akka hin dandeenne ifa. 12Seerri dhugeeffannaa irratti hin hundeeffamu; te'uu malee Barreeffam Woyyichi, «Nami waan Seerri jedhu guutu, ittiin hin le'a» jedha.
13Barreeffam Woyyichi, «Nami muka irratti rarraafamu maraa ka abaarame» waan jedhuuf, Kiristoos nu'uuf jedhee abaaramaa te'ee, abaarsa Seerri nutti fidu jalaa nu wode. 14Eebbi Abrahaam dhaggate, karaa Kiristoos Yesuusiitiin, worra Yihudoota hin te'in maraaf akka kennamuuf, Ayyaana Waaqi addii kennelle, dhugeeffanna'aan akka fudhannuuf Kiristoos nu wodeera.
Seerri Waadaa Galame Hin Diigu
15Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin woy itti dabaliisaaf hin dande'u. 16Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, «Sanyoota» hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, «Sanyii» jedha, innille Kiristoos. 17Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleessiisaaf hin dande'u jechuu kiyya. 18Kennansi Waaqaa Seeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera.
19Yoona Seerri maaf kenname ree? Sanyiin Abrahaamiif waadaa galameen kenname haga dhufu, seera tariis maan akka te'e mudhisiisaaf, Seerri dabalamee kenname. Seerri ergantoota Waaqaatiin, karaa araarsaa tokkochaatiin kenname. 20Te'uu malee, araarsaan tokko golii lama wolakka'atti malee takkaa calla'aaf hin barbaachisu; Waaqi ammoo tokkocha.
Seerri Maaf Akka Kenname
21Seerri waadaa Waaqi galeen hin mormaa ree? Ijjumaa hin mormu! Seerri akka jiruu kennuuf adoo kennamee jiraate, sila dhugumaan, Seera eeggatiisaan balchummaan hin dhaggantiiyyu. 22Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhugeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu'uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata.
23Adoo dhugeeffannaan hin dhufin dura, haga dhugeeffannaan mudhatutti, Seeraan hidhannee, Seera jalatti eegamaa ture. 24Maarre nuuti dhugeeffanna'aan akka balchoonnuuf, haga Kiristoos dhufu, Seerri guddisoo keenna te'eeraayyu. 25Amma ammoo, dhugeeffannaan waan dhutteef, haganaa achi guddisoo Seeraa jala hin jiraannu.
Ijoollee Waaqaa
26Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti. 27Isin worri Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya'aa uffattaneertan. 28Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi'iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te'in, dhiiraa fi dubartii oddu'utti garaagarummaan hin jirtu. 29Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.

¿Sabías que…?
La fe, la promesa y la ley
- Este capítulo dice que Abraham creyó a Dios y que eso se le contó por justicia, y que quienes tienen fe son hijos de Abraham y herederos según la promesa. Una entrada de diccionario lo llama heredero de las promesas y dice que fue nombrado antes que sus hermanos mayores, Nacor y Harán, porque ocupaba ese lugar.Fuentes: el propio texto bíblico · Abraham
- El capítulo enseña que un pacto humano, una vez ratificado, no puede anularse ni enmendarse, y que la ley, llegada 430 años después, no revoca la promesa que Dios ya había concedido a Abraham. Una cronología fecha la peregrinación en Canaán y Egipto como iniciada en 1920 a. C. y con una duración de 430 años.Fuentes: el propio texto bíblico · Sojourn in Canaan and Egypt
- El capítulo dice que la Escritura previó que Dios justificaría a los gentiles por la fe y anunció de antemano a Abraham el evangelio de que todas las naciones serían bendecidas por medio de él. Llamado padre de una multitud, vivió en Caldea hasta los setenta años, luego dejó Ur a causa de un llamado de Dios y permaneció quince años en Harán, unas 300 millas al norte.Fuentes: el propio texto bíblico · Abraham
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org