Nations Bible

Esdras 7

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Izraan Gara Yerusaalemii Dhufe

1Waan kanaan duuba bara bulchiinsa Artashaastaa mootii Faaresii, Izraan ilmi Seraaya'aa, Seraayaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Hilqiiya'aa, 2Hilqiiyaa ilma Shaalumii, Shaalumii ilma Zaadoqii, Zaadoqii ilma Ahiixubii, 3Ahiixubii ilma Amaariya'aa, Amaariyaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Meraayootii, 4Meraayootii ilma Zeraaya'aa, Zeraayaa ilma Uzii, Uzii ilma Bukii, 5Bukii ilma Abiishuwaa, Abiishuwaa ilma Fiineshaasii, Fiineshaasii ilma Ele'azaarii, Ele'azaarii ilma hayyicha guddaa Aaronii, 6Baabilon irraa gara Yerusaalemii dhufe; inni beekkicha seera Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii Muuse'eef kenne akka dansaa ka beeku barsiisaa seeraa ti. Hunni Mootii Waan Maraa Waaqa isaa waan isa woliin jirtuuf, waan inni gaafate mara mootichi isaaf kenne. 7Artashaastaan mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Izraan Israa'eloota garii, hayyoota garii, Lewwoota garii, faarfattoota garii, worra karra eegu gari'ii fi worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanu garii woliin Yerusaalem dhaqiisaaf ka'e. 8Artashaastaan mootii te'ee ji'a shaneesso'ootitti Izraan Yerusaalem geye. 9Hunni Waaqaa dansaan isa woliin waan jirtuuf, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Baabilonii ka'ee, ji'a shaneesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Yerusaalem geye. 10Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa'elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera.

Mootichi Artashaastaan Xalayaa Izra'aaf kenne

11Garagalchi xalayaa mootichi Artashaastaan, Izraa hayyicha barsiisaa, ka ajajaa fi seera Mootiin Waan Maraa Israa'elootaaf kenne mara beekuuf kenne asii gad jira: 12garagalchi xalayaa kanaa, «Artashaastaa mootii moototaa irraa, gara Izraa hayyicha barsiisaa seera Waaqa ol-gubba'aa ka te'eef; nageenni si'iif te'u! 13Israa'elooti mootummaa tiyya keessa jiranu, hayyootii fi Lewwooti worri si woliin gara Yerusaalemii deemiisa barbaadanu marti akka deemanu ajajeera. 14Akka ajaja Waaqa keetii ka harka keeti jiruutitti, marroo Yihuda'aatii fi marroo Yerusaalemii akka qorqortuuf ani mootichii fi gorsitooti tiyya torba si ergineerra. 15Kana maleelle, ati meeti'ii fi worqii ani mootichii fi gorsitooti tiyya fedha keennaan Waaqa Israa'elii, ka Galmi isaa Yerusaalem keessa jiruuf kennine, 16meeti'ii fi worqii kutaa biyya Baabilonii keessaa dhaggattu maralle, kennansa kolbaan Israa'eliitii fi hayyooti fedha ifiitiin Galma Waaqa ifii ka Yerusaalem keessa jiruuf kennitu mara fuudhii deemi. 17Beesee tanaan dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, buruusoo korbeeyyii hoole'ee, kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii bitiitii addee ciinca'aa ta Galma Waaqa keetii ka Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessi. 18Meeti'ii fi worqii hafaneen, atii fi obboleeyyan teeti Yihudooti akka fedha Waaqa keessanii waan isin gammachiise huja'a. 19Galma Waaqa keetii keessatti akka ittiin tajaajilamu meya sitti kenname maraayyuu Waaqa Yerusaalem jiruuf dhikeessi. 20Kana maleelle waan Galma Waaqa keetiitiif barbaachisu maraaf, mana meya mootumma'aa keessaa baafadhu.

21«Izraan hayyichi, beekkichi seera Waaqa ol-gubba'aa waan isin gaafate, akka isaaf kennitanu, ani Artashaastaan mootichi, itti gaafatantoota mana meya mootumma'aa worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtanu mara ajajeera. 22Kunille meetii haga kiiloo kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii haga kiiloo kuma kudhanii, daadhii woyni'ii haga litirii kuma lamaa, zayitii ejersaa haga litirii kuma lamaatii fi soodda haga barbaachise kenna'aaf. 23Wonni Waaqi ol-gubba'aa ajaje marti, ifi eegganna'aan Galma Waaqa ol-gubba'aatiif godhamuu ti! Ana mootichaa fi ijoollee tiyyatti mufiin maaf dhutti ree? 24Akkasuma isin hayyootatti, Lewwootatti, faarfattootatti, eeddota karraatitti, tajaajiltoota Galma Waaqaa yookiin worra Galma Waaqaa keessa huju irratti gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif baasanu itti buusuu baallii akka hin qanne beeka'a. 25Atille Izraan, qarummaa Waaqi sii kenneen, kolbaa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtu mara akka bulchanuuf, abbootii seeraatii fi abbootii mura'aa ka seera Waaqa keetii beekanu filiif! Worra seera hin beenne atinuu barsiisi! 26Seera Waaqa keetiitii fi seera mootumma'aatiifiille ka hin ajajanne marti du'aan yookiin biyyaa baafamiisaan yookiin saamamiisaan yookiin hidhamiisaan adabamuu ti!» ka jedhu.

Izraan Waaqa Leellise

27Izraan, «Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf, akka inni ulfinna kennu, yaada kana ka gadhaa mootichaa keessa keye, Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teennaa leellifamuu ti! 28Inni mooticha, gorsitoota mootichaatii fi qondaaltota mootichaa hunnaameyyii mara duratti, fudhatama akka dhaggadhu na godheera; hunni Mootiin Waan Maraa Waaqa kiyyaa waan na woliin jiraatteef, jajjabaadhee, sooreyyii Israa'elii na woliin akka ol deemanu wolitti qabadhe» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La misión de Esdras y el decreto de Artajerjes

  • Esdras es presentado con una genealogía sacerdotal que se remonta a Aarón a través de Hilcías, el sumo sacerdote que halló el Libro de la Ley durante el reinado de Josías. Descrito como un escriba versado, Esdras dispuso su corazón para estudiar la Ley del Señor, cumplirla y enseñar sus preceptos en Israel.Fuentes: Ezra · Hilkiah · el propio texto bíblico
  • El monarca persa Artajerjes es tradicionalmente identificado como Artajerjes I Longímano, cuyo séptimo año de reinado corresponde al 458 a. C. Su decreto real otorgó a Esdras amplia autoridad para liderar el regreso de israelitas, nombrar magistrados al oeste del Éufrates y obtener provisiones y fondos del tesoro real.Fuentes: Artaxerxes · Persia · el propio texto bíblico
  • Esdras y sus compañeros de viaje partieron de Babilonia el primer día del primer mes y llegaron a Jerusalén el primer día del quinto mes. La narración destaca que esta travesía terrestre de cuatro meses tuvo éxito porque la bondadosa mano de Dios estaba sobre él.Fuentes: Ezra · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 6, 7, 8, 9, 13, 14, 15, 16, 17, 19, 27, 28
  • Persia · 34.806, 48.516 · versículo 1
  • Babylonia · 32.543, 44.422 · versículos 6, 9, 16
  • Beyond the River · 31.777, 35.234 · versículos 21, 25

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.