Nations Bible

Esdras 10

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Kolbaan Cubbuu Faaci'atte

1Izraan Galma Waaqaa duratti gad gombifamee, bowaa, daadimataa, cubbuulle faaci'atiisatti adoo jiruu, gumiin guddoon Israa'elootaa dhiirti, dubarti'ii fi ijoolleen adaala isaatitti wolitti qabamanee, laaleffatanee bowane. 2Achiin duuba sanyii Elaamii keessaa ilmi Yehii'elii Shekaaniyaan, Izra'aan, «Nuuti dubartii kolbaa gosa ormaa ta biyya teenna keessaa fuudhiisaan Waaqa keenna duratti addatamummaa dhanneerra; teetulle ammoo Israa'elootaaf ammalle addiin hin jirti. 3Maarre amma nuuti akka gorsa si goottaa kiyyaatii fi akka gorsa worra ajaja Waaqaa sodaatanuutitti dubartoota tana ijoollee isaanii mara woliin ifi biraa geegessiisaaf, Waaqa keenna duratti wolii galluu ti. Tun akkuma seeraatitti teetuu ti. 4Tun si harka jirti; nuutille si woliin jirra, ka'i; jabaadhuu huji!» jedhe. 5Maarre Izraan ka'ee waan jedhame akka hujanuuf sooreyyii hayyootaa, Lewwootaa fi kolbaa Israa'elootaa mara kakachiise. Isaanille kakatane. 6Achiin duuba Izraan Galma Waaqaa duraa ka'ee, gara kolloo Yehohaanaanii ilma Eliyaashiibii dhaqe. Inni yennaa achi jiru, sababa addatamummaa dhaba worra boojuu irraa deebi'eetiif gaddee, sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne.

7Worri boojuu irraa deebi'e martinuu Yerusaalemitti akka wolitti qabamuuf, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti lassiin baate. 8Nami guyyaa sad keessatti achitti hin dhaggamin hafe, murtee qondaaltotaa fi jaarsole'eetiin, waan ifii ta Mootii Waan Maraatiif akka teetu murteeffante mara dhabee, ifille'eef wolde'a worra boojuu irraa deebi'ee keessaa hin baafama. 9Guyyaa sadiin san keessatti namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti Yerusaalem keessatti wolitti qabamane; ji'a sagaleesso'oo, guyyaa diddameesso'ootitti namooti martinuu dhufanee badhinna Galma Waaqaa dura jiru keessa tee'ane. Sababa haajaa wolitti qabamaneetii fi sababa roobaatiif hollatane.

10Achiin duuba Izraan hayyichi ka'ee isaaniin, «Isin hin addatanne; dubartii orma fuudhiisaan yakkaa Israa'elii irratti yakkaa edeetaneertan. 11Amma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniititti cubbuu teessan faaci'adha'a; fedhii isaalle godha'a! Kolbaa adaala keessaniitii fi dubartoota orma fuutane irraa gargar baya'a» jedhe.

12Kolbaan wolitti qabante sun marti qoonqoo ol qabattee, «Dubbiin tun dhuga'a! Waan ati jette mara hin goona. 13Te'uu malee nuuti nama heddu'u; yennaalle yennaa bokkeyaa waan teeteef, ala dhaabbatiisa hin dandeennu; nuuti dubartii orma fuunee guddoo waan yakkineef, dubbiin tun guyyaa tokkotti yookiin guyyaa lamatti ta dhumattuu moti. 14Tanaaf, sooreyyiin teenna gumii baate tana mara bakka buutee, dubbii tana ilaaltuu ti. Achiin duuba mufiin Waaqa keennaa jadduun ta marroo dubbii tanaatiif nutti dhutte tun haga nu irraa deebitutti, qachaa keenna keessatti worri dubartii orma fuudhe martinuu jaarsole'ee fi abbootii mura'aa ta qachaa qachaa ifii woliin guyyaa qabatanetti dhufanuu ti!» jedhane. 15Te'uu malee Yonaataan ilma Asaaheliitii fi Yahaaziiyaa ilma Tiiqiwa'aa qofatti, Meshulaamii fi Shaabetaayiin Lewwichi yaada isaanii qarqaaranuun dubbii tana morme.

16Maarre worri boojuu irraa deebi'ane akkuma yaada dhikaateetitti muummessane; kanaaf hayyichi Izraan akkuma maatii isaaniititti, itti gaafatamaa maati'ii filee maqaa maqa'aan barreesse; isaanille ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa qaraatitti tee'anee dubbii qorqoruu jalqabane. 17Ji'a jalqabaa, guyyaa tokkeesso'oo waan namoota dubartoota orma fuudhanee qorqoranee fixane.

Namoota Dubartoota Orma Fuudhane

18Sanyii hayyootaa keessaa dubartoota orma ka fuudhaneeranu asii gad jiran: sanyii Iyaasuu ilma Yozaadaaqiitii fi obboleeyyan isaa keessaa Ma'aseyaa, Elii'ezer, Yaariibii fi Gedaaliya'a. 19Isaan martinuu dubartoota isaanii akka lakkisanuuf kakatanee wolii galane; sababa yakkaa isaaniitiif tokko tokkoon isaanii ciincaa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko tokko dhikeessane. 20Sanyii Iimerii keessaa, Haanaanii fi Zebaadiya'a. 21Sanyii Haariimii keessaa, Ma'aseyaa, Eliyaa, Shemaayaa, Yehii'elii fi Uziya'a. 22Sanyii Phashihurii keessaa, Eliyo'enaayi, Ma'aseyaa, Ishimaa'el, Nataani'el, Yozaabaadii fi Eli'aasa'a. 23Lewwoota keessaa, Yozaabaad, Shime'ii, Qelaayaa ka «Qeliixaa» jedhamu, Phetaahiyaa, Yihuda'aa fi Elii'ezer. 24Faarsitoota keessaa, Eliyaashiib. Eeddota karraa keessaa, Shaalum, Xelemii fi Uri'i. 25Israa'eloota dhibii keessaa: Sanyii Faaroshii keessaa, Ramiiyaa, Yiziiyaa, Malkiiyaa, Miyaamin, Eli'aazaar, Malkiiya'aa fi Benaaya'a. 26Sanyii Elaamii keessaa, Mataaniyaa, Zakaariyaas, Yehii'el, Abdi, Yeremootii fi Eliyaa. 27Sanyii Zaatuu keessaa, Elyo'enaayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziiza'a. 28Sanyii Bebaayii keessaa, Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi. 29Sanyii Baanii keessaa, Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaashub, Shi'eelii fi Yiremooti. 30Sanyii Fa'aat-Mo'aabii keessaa, Adinaayi, Kilaal, Benaayaa, Ma'aseyaa, Mataaniiyaa, Bezaali'el, Biinuyii fi Minaase'e. 31Sanyii Haariimii keessaa, Elii'ezer, Yishiiyaa, Malkiiyaa, Shemaayaa, Shimi'oon, 32Beniyaamin, Maluukii fi Shemaariya'a. 33Sanyii Hashumii keessaa, Matenayi, Mataataa, Zaabaad, Eliifelex, Yeremaay, Minaase'ee fi Shime'i. 34Sanyii Baanii keessaa, Ma'aadaayi, Amraami, U'el, 35Benaayaa, Bediyaa, Keluhuu, 36Waanyaa, Meremoot, Eliyaashiib, 37Mataaniiyaa, Matenayii fi Yaa'asaawu'u. 38Sanyii Biinuyii keessaa, Shime'ii, 39Shelemiiyaa, Naataan, Adaayaa, 40Maknadebaay, Shaashaay, Shaaray, 41Azaari'el, Shelemiiyaa, Shemaariyaa, 42Shaalum, Amaariya'aa fi Yoseef. 43Sanyii Neboo keessaa, Ye'ii'el, Matiitiyaa, Zaabaad, Zebiinaa, Yaadaay, Yo'elii fi Benaaya'a. 44Namooti kun martinuu worra dubartoota orma fuudhane; isaan keessaa gariin dubartoota san irraa ijoollee uumataneeran.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La asamblea y el juramento de separación

  • Para tratar el asunto de los matrimonios mixtos, los líderes emitieron una proclamación que ordenaba a todos los exiliados en Judá y Benjamín reunirse en Jerusalén en un plazo de tres días, bajo pena de confiscación de bienes y expulsión de la comunidad. Al congregarse en la plaza frente a la casa de Dios, el pueblo temblaba tanto por la gravedad del asunto como por la intensa lluvia.Fuentes: el propio texto bíblico · Jerusalem
  • Debido a que la gran multitud no podía permanecer a la intemperie durante la temporada invernal de lluvias, la comunidad organizó una investigación formal. Esdras y los jefes de familia designados examinaron los casos pueblo por pueblo durante tres meses completos, desde el primer día del décimo mes hasta el primer día del primer mes.Fuentes: el propio texto bíblico · Ezra
  • El capítulo y el libro concluyen con un registro detallado de más de cien hombres que habían tomado mujeres extranjeras. La lista demuestra que los matrimonios mixtos habían afectado a todos los estratos de la sociedad posterior al exilio, incluidos descendientes del linaje sacerdotal, levitas, cantores del templo, porteros y laicos comunes.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 7, 9

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.