Nations Bible

Ezequiel 5

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yerusaalem Hin Baddi

1«Atille ilma namaa! Shallaagaa qarame fudhadhuutii, akka waan areeda ittiin haadatanuu areedaa fi rifeensa mataa keetii ittiin haadadhu. Achiin duuba rifeensa san madaaliitii gargar qoodi. 2Guyyaan marfamiisaa yennaa hobba'e, rifeensa san harka sad keessa harka tokko wodhakkaa qachaa faara loobame irratti keyamee san irratti ibiddaan gubi; harka sad keessaa tokko qachaa faara loobame irratti kaachetti naannessii shallaaga'aan kukkuti. Harka sad keessaa tokko qilleensaaf bittinneessi; anille shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a. 3Rifeensa san irraa diqqaa isaa fuudhiitii qaccee woyaa teetiititti hidhadhu. 4Ammalle diqqaa isaa fuudhiitii ibidda keessa buusii gubi. Achi keessaa kolbaa Israa'elii maratti ibiddi hin faca'a» jedhe.

5Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Biyya hedduu isi'itti naannessee, ta ani gosa biyya adda addaa wodhakkaa keye, Yerusaalem tana. 6Isiin gosa biyya adda addaa caalaa waan hantuu hujiisaan ajaja kiyya diddee, biyya naannoo isi'ii jiranu mara caalaa na finqilteerti; ajaja kiyya gatteerti; seerata kiyyalle hin hordofanne» jedha. 7Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Isin worri Yerusaalemii, isin gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranu caalaa seeri malee teetaneertan; ajajaa fi seerata kiyyalle hin eeganne; akka ajaja gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranuutuu hin hujanne» jedha. 8Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, aninuu si irratti hin ka'a; gosi biyya adda addaa marti adoo ilaaluu muraa si irratti hin fida. 9Sababa hujii diqatantuu ati hujje maraatiif, waan tanaan qara godhee hin beenne, ta gara duraalle hin goone si irratti hin godha. 10Tanaaf si keessatti, abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii hin nyaatti; ani muraa si irratti hin fida; worra jiru'uun hafe gara mara hin bittinneessa» jedha. 11Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan jiraata'a! Ati hammeennaa fi waan diqachiisu hujiisaan addee woyyittii tiyya waan batteessiteef, anille marartii malee akka ati salphattu hin godha. 12Kolbaan teeti harka sad keessaa harki tokko beelaa fi dhukkubaan si keessatti hin dhumatti; harka sad keessaa harki tokko adaala keetitti shallaaga'aan hin dhumatti; harka sad keessaa harka tokko gara mara bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a.

13«Akka kanaan ani aarii tiyya hin qabbaneeffadha; mufii tiyya isaanitti buusee, gadhaan kiyya gabbi na hin jedha. Yennaa ani mufii tana isaanitti fide, isaanille ani Mootiin Waan Maraa hinaaffa'aan akka dubbadhe hin beekan. 14Gosa biyya adda addaa oddu'utti, ila worra achiin dabaruu mara duratti si diigee onsee, akka sitti murganu hin tolcha.

15«Ani yennaa aari'ii fi mufi'iin, xixicha jaba'aan muraa sitti fidu, ati gosa biyya adda addaa mara duratti waan coora'aatii fi murgo'oo, waan dhagganee ifi eegatanuu fi dhagganee bararaqanu hin teetan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 16Ta isin ijjeettuu fi ta isin balleessitu beela akka daayaa yennaa isinitti buusu, beela irratti beela yennaa isiniif ede'u, sagalee isin hin dhoogga. 17Beelaa fi bineensa isinitti ergee, isaan ijoollee teessan hin fixan. Woraanalle isinitti hin fida; dhukkubii fi dhiiga dhangalaasiis odduu teessan hin guutan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.

¿Sabías que…?

Una señal profética del juicio de Jerusalén

  • Ezequiel realiza una impactante acción profética al afeitarse la cabeza y la barba con una espada afilada y dividir el cabello con una balanza. Las tres partes iguales representan los destinos del pueblo de Jerusalén: un tercio moriría de peste y hambre dentro de la ciudad sitiada, un tercio caería a espada alrededor de ella, y un tercio sería dispersado a los vientos.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El pasaje describe a Jerusalén como colocada en medio de las naciones, rodeada de otros países. Su severo castigo se debe a que se rebeló contra los decretos divinos con mayor gravedad que los pueblos vecinos.Fuentes: Jerusalem · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 5, 8, 10, 16

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.