Ezequiel 48
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Qoqoodama Lafaa
1«Maqaan gosoota lafa qoodamiisaaf galmeeffamanee isaan kana: Karaa kaabaatiin gosi Daanii qooda tokko hin qabaata; meessaan isaalle abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee karaa qachaa Hetloonii dhaqu gula deemee gara seensuma Haamaatii, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa. Damaasqoo gara kaabaa lakkisee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuu ti. 2Meessaa Daaniititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, Asheer qooda tokko hin qabaata. 3Meessaa Asheeriititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Niftaalemii qooda tokko hin qabaata. 4Meessaa Niftaalemiititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Minaase'ee qooda tokko hin qabaata. 5Meessaa Minaase'eetitti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Efreemii qooda tokko hin qabaata. 6Meessaa Efreemiititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Ruubenii qooda tokko hin qabaata. 7Meessaa Ruubeniititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Yihuda'aa qooda tokko hin qabaata.
Wodhakkaa Lafaatitti Kutaa Addaa
8«Lafa Meessaa Yihuda'aatitti aantee, meessaa karaa aduun baatuu jalqaddee haga meessaa karaa aduun seentuutitti jirtu, qooda ati kennansa addaa gootee dhikeessitu teetuu ti; latti tun badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, dheerinni isi'ii karaa aduun baatuu jalqaddee haga karaa aduun seentuutitti qooda gosa tokkoo woliin wol qixxee teetuu ti. Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa saniititti ijaarratuu ti.
9«Latti isin qooda addaa gootanee Mootii Waan Maraatiif kennitanu dheerinni isi'ii ciqilee kuma kudhan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddama te'uu ti. 10Tun qooda woyyittii hayyootaa teetuu ti; karaa kaabaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isaa karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa kibbaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan te'ee, Galmi Waaqaa wodhakkaa isaatitti hin te'a. 11Kun hayyoota sanyii Zaadoqii keessaa worra woyyoota yennaa kolbaan Israa'elii karaa irraa gorte Lewwoota worra kaan woliin adoo karaa irraa hin gorin waan ani isaan ajaje eegataneef te'uu ti. 12Tun qooda lafa woyyitti'ii keessaa, Addee Irra Caalaa Woyyittii, isaaniif kennansa addaa teetee, ta meessaa Lewwootaatitti aantee jirtu. 13Karaa meessaa hayyootaatiin, Lewwooti qooda lafaa ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan teete hin qabaatti; wolumatti dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan hin teeti. 14Isaan lafa tana irraa gurguruu yookiin jijjiiruu hin qabanu; latti tun lafa mara keessaa irra caalaa dansaa ta teete; Mootii Waan Maraatiif ta woyyoonte waan teeteef, harka nama dhibi'iititti dabarfantee hin kennantu.
15«Lafa woyyittii tana irraa qoodantee ta hatte ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, ta badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii ta wolumatti kolbaan itti fayyadantu, manaa fi kaloo hori'iitiif hin teeti. Wodhakkaa isi'iititti qachaan hin te'a; 16mikiin roga cinaa qachaa sanii arfanuu wol qixxee te'ee, karaa kaabaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa kibbaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan hin teeti. 17Latti qacha'aa sun lafa horiin dheedu hin qabaatti: karaa kaabaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa kibbaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun baatuun ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun seentulle'een ciqilee dhibba lamaa fi shantama hin teeti. 18Latti irraa hatte ta addee woyyitti'itti aante, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan hin teeti; midhaan lafa sanii hojjattoota qacha'aatiif sagalee hin te'a. 19Hojjattooti qachaa sanii ka gosa Israa'elii mara keessaa dhufane lafa san hin qotatan. 20Guutumatti latti isin qooda addaa gootane kennitane qooda qacha'aaf kenname dabalattee wolumatti cinaan roga isi'ii arfanuu ciqilee kuma diddamii shan hin teeti.
21«Lafa qooda woyyicha teete sanii fi lafa addee qacha'aa teete san bitta'aa fi middatti latti hatteertu ta qondaalaa teetuu ti. Tunille lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun baatu haga meessaa karaa aduun baatuu, lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun seentu haga meessaa karaa aduun seentuu ti. Latti lafa qooda gosa Israa'elii cinaa lamaaniin wol qixxee dheerattu ta qondaalaa hin teeti. Akka kanaan addeen woyyitti'ii fi Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa sanii hin te'an. 22Tanaaf latti qooda Lewwootaatii fi latti qooda qacha'aa lafa qooda qondaalaaf kenname san wodhakkaa hin teeti. Latti qondaalaalle lafa Yihuda'aatii fi lafa Beniyaamii wodhakkaa hin teeti.
Lafa Gosa Worra Hafeef Qoqoodante
23«Qoodi gosa worra hafee ka asii gad jiru: gosi Beniyaaminii meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuu qooda tokko hin qabaata. 24Lafa qooda Beniyaaminiititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Shimi'oonii qooda tokko hin qabaata. 25Lafa qooda Shimi'ooniititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Yisaakorii qooda tokko hin qabaata. 26Lafa qooda Yisaakoriititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Zebuloonii qooda tokko hin qabaata. 27Lafa qooda Zebulooniititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Gaadii qooda tokko hin qabaata.
28«Lafa qooda Gaadiititti aanee meessaa karaa kibbaatiin, qachaa Taamaariitii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii hin dhaqa; achille'ee laga gogaa Gibxi'ii gula deemaa haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa. 29Latti isin dhaala gootanee hixaa buusiisaan gosa Israa'eliitiif qooddanu isii tana» jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
Karra Qachaa Yerusaalemii
30«Karri qachaa keessaa ittiin gad bayanu ka asii gad jiran: Maddiin karaa kaabaa ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, 31karri qachootaa maqaa gosa Israa'eliitiin waamaman; karri sadiin kaabaa karra Ruubenii, karra Yihuda'aatii fi karra lewwi'ii ti. 32Maddiin karaa aduun baatuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Yoseefii, karra Beniyaamiitii fi karra Daanii ti. 33Maddiin karaa kibbaa ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Shimi'oonii, karra Yisaakoriitii fi karra Zebuloonii ti. 34Maddiin karaa aduun seentuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Gaadii, karra Asheeriitii fi karra Niftaalemii ti. 35Naannoon qacha'aa ciqilee kuma kudhanii saddeeti. Yennaa sanii jalqabee maqaan qacha'aa ‹Mootiin Waan Maraa achi jira› hin jedhama» jedhe.

¿Sabías que…?
La división de la tierra y la ciudad de Dios
- La visión distribuye franjas de tierra paralelas de oriente a occidente para cada una de las doce tribus, extendiéndose desde Dan al norte, cerca de Damasco y Hazar-enán, hasta Gad al sur, en Tamar y Meriba-cades.Fuentes: el propio texto bíblico · Damascus · Hazar-enan · Tamar
- Entre los territorios de Judá y Benjamín se ubica un distrito sagrado de 25.000 codos cuadrados, que contiene el santuario, tierras para los sacerdotes sadoquitas y levitas, tierras para el príncipe y una ciudad comunitaria cultivada por trabajadores de todas las tribus.Fuentes: el propio texto bíblico
- La ciudad cuadrangular cuenta con doce puertas nombradas según las doce tribus de Israel —tres en cada uno de sus cuatro costados—, y el libro profético concluye otorgando a la ciudad el nombre 'El SEÑOR está allí'.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículo 1
- Hamath · Hoy: Hama · 35.136, 36.750 · versículo 1
- Most Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 12
- Great Sea · Hoy: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 28
- Meribah · Hoy: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · versículo 28
- Negeb · 31.245, 34.841 · versículo 28
- The Lord Is There · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 35
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org