Ezequiel 42
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Kolloota Hayyootaa
1Achiin duuba inni karaa kaabaatiin gad na baasee gara badhinna dalleyaa keessaa ka gara alaatitti na fidee, gara kolloota fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi fuullee ijaarsa gara kaabaa sanitti na geesse. 2Dheerinni ijaarsaa ka balbalti isaa karaa kaabaa fuula galteertuu sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama. 3Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa irraa ciqilee diddama irratti, fuullee afinaa dhaka'aa ka badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti kollooti addee bashannanaa heellichoo gubba'aa qaddu fuula wolitti galanee wol irratti sufaa sadiin ijaaramaneeran. 4Kolloota san dura karaan gara keessaa dabarsu ka badhinni isaa ciqilee kudhan, dheerinni isaa ciqilee dhibba tokkootitti jira. Balbalti kolloota sanii karaa kaabaatiin jiran. 5Akkuma kollooti wol irratti sufamaa ol ideemanuun, addeen bashannanaa ta heellichoo gubba'aa badhataa waan ideentuuf, kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan. 6Kollooti sufaa sadiin wol irratti waan ijaaramaneeranuuf, akka badhinna dalleya keessaa utuboota hin qabanu; tanaaf kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan. 7Karaa badhinna dalleya keessaa gara alaatiin fuullee kollootaa dalleenni dhaka'aa ka ciqilee shantama dheeratu tokko jira. 8Kollooti badhinna dalleya keessaa ka gara alaa ciqilee shantama dheeratan; tarreen kolloota fuullee Galma Waaqaa jiranu ciqilee dhibba dheeratti. 9Badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin yennaa ol seenanu, karaa aduun baatuun, gara kolloota gad aananu seensuma tokkotti jira. 10Karaa kibbaatiin badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti, badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti aananee, fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin kollooti jiran. 11Kolloota san dura karaan dabaranu jira; kollooti sun dheerinnii fi badhinni isaanii, karaan gad bayanu, akki isaan itti ijaaramaneeranu, balbalti isaaniille kolloota karaa kaabaa woliin wol fakkaatan. 12Balbalti kolloota karaa kibbaalle wol qixa; jalqaba karaa dabaranuu san seensumatti jira; maarre nami dhuma dalleyaatiin karaa aduun baatuun seena. 13Achiin duuba inni anaan, «Kollooti kaabaatii fi kibbaa worri fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa jiranu sun woyyoota. Achitti hayyooti fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaattu kennansa woyyicha nyaatti. Addeen sun woyyittii waan teeteef, kennansa irraa caalaa woyyuu te'e: kennansa midhaanii, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatulle achi keyan. 14Hayyooti gara addee woyyitti'ii san seenaneen duuba uffanni achi keessa ittiin tajaajilanu woyyuu waan te'eef, uffana san adoo ifi irraa baafatanee lafa hin keyin, achi keessaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti gad hin bayanu. Isaan gara addee kolbaa taaniititti adoo gad hin bayin woyaa dhibii uffatuu qaban» jedhe.
Mikii Adaala Galma Waaqaa
15Namichi sun Galma Waaqaa keessa mikee fixeen duuba, gara karra karaa aduun baatuutiin gad na baasee, adaala alaa san mike. 16Inni ulee miki'ii fuudhee cinaa karaa aduun baatuu mikee ciqilee dhibba shan te'e. 17Achiin duuba karaa kaabaa ulee miki'iitiin mikee ciqilee dhibba shan te'e 18Karaa kibballe mikee ciqilee dhibba shan te'e 19karaa aduun seentulle mikee ciqilee dhibba shan te'e. 20Maarre inni Galma Waaqaa cinaa arfanuu mara mike. Dalleenni dhaka'aa ka addee woyyittii addee woyyittii hin te'in irraa adda baasu ka dheerinni isaa ciqilee dhibba shanii, badhinni isaalle ciqilee dhibba shanii adaala san jiraayyu.

¿Sabías que…?
Las cámaras sacerdotales y los límites del templo
- En el templo visionario de Ezequiel, las cámaras de tres niveles frente al patio servían como recintos santos donde los sacerdotes comían las ofrendas santísimas, como las de cereal, por el pecado y por la culpa. Los sacerdotes debían dejar sus vestiduras sagradas de servicio en estas habitaciones y cambiarse de ropa antes de dirigirse a las áreas destinadas al pueblo.Fuentes: el propio texto bíblico
- El perímetro exterior del recinto del templo se midió con una caña en sus cuatro lados, cada uno de quinientos codos de longitud. Este muro circundante servía para separar el espacio sagrado del área común.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 14
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org