Nations Bible

Ezequiel 37

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Dhooqa Lafeelee Goggoddu'uu

1Irreen Mootii Waan Maraa ana irra jirtiiyyu; inni ayyaanaan na fuudhee, dhooqa lafeele'een guutanteertu takka keessa na keye. 2Inni adaala lafeelee sanii asii fi achi na ideensise. Kunoo, dhooqa san keessa lafeelee guddoo baca'atti jiraayyu; lafeeleen sun akka malee goggoganeeran. 3Inni, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun deebitee lubbu'uun jiraatuu hin dandeettii?» anaan jedhe.

Anille deebisee, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, tana si qofattuu beeka» jedheen.

4Achiin duuba inni, anaan, «Lafeelee tanatti raaga dubbadhuutii, ‹Ee lafeelee goggodduu tana, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. 5Goottaan Mootiin Waan Maraa, lafeelee tanaan: Kunoo, ani hafuura isinitti hin galcha; isin lubbu'uun hin jiraattan. 6Ani ribuu isin irra keyee, foon isinitti lachisiisee, gogaalle isinitti hin uffisa; hafuura isin keessa keyee, lubbu'uun akka jiraattanu isin hin godha; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedhiin» jedhe.

7Maarre anille akkuma ajajame raaga dubbadhe. Adoo ani raaga dubbatiisatti jiruu, kakakkeessi tokko dhage'ame; kunoo wonni tokko kakakkisee, lafeeleen sun wolitti hiiqanee, wolitti karoorfamiisa jalqabane. 8Anille isaan ilaale; kunoo, ribuun isaan irra jirtiiyyu; foonille isaan irratti latee, gogaalle uffataneeraniiyyu. Hafuurri ammoo isaan keessa hin jiru.

9Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Qilleensatti raaga dubbadhu; raaga dubbadhu; qilleensaan, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee qilleensa, maddii afur irraa koyiitii, akka isaan lubbu'uun jiraatanuuf, worra ijjeefameeru kanatti hafuura baafadhu jedha› jedhiin» jedhe.

10Maarre ani akkuma inni na ajaje raage; hafuurrille isaan keessa seenee, isaan jiraattolee te'anee miila ifiitiin dhaabbatanee, loltoota guddoo bacaa te'ane.

11Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun kolbaa Israa'elii duudi'i. Kunoo, isaan, ‹Lafeeleen teenna goggoddeerti; addii kutanneerra; nuuti ijjumaa banneerra› jedhan. 12Tanaaf, raaga dubbadhuutii, isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee kolbaa tiyya, kunoo, ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin hin baasa. Ani gara lafa Israa'elii deebisee isin hin fida. 13Ee kolbaa tiyya! Yennaa ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin baase, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. 14Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; isinille lubbu'uun hin jiraatan; lafa teessanitti isin hin galcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e jedha› jedhi» jedhe.

Yihuda'aa fi Israa'el Mootummaa Tokko Hin Te'an

15Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 16«Ee ilma namaa! Ulee takka fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yihuda'aaf, Israa'eloota isa woliin wolii galanulle'eef› jedhu barreessi. Achiin duuba ulee dhibii fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yoseefiif jechuun Efreemiif, Israa'eloota isa woliin wolii galanu maralle'eef› jedhu irratti barreessi. 17Uleen lamaan sun harka keeti keessatti tokko akka te'anu wolitti qassiisi. 18Kolbaan teeti, ‹Kun maan jechuu keeti akka te'e nutti hin hintuu ree?› jedhanee yennaa si gaafatane, 19ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani ulee Yoseefii ta harka Efreemii keessa jirtuu fi ulee gosa Israa'elii ta worra isa woliin wolii galanuu fuudhee, akka isaan harka kiyya keessatti tokko te'anu, ulee Yihuda'aa woliin wolitti isaan qassiisa jedha› jedhi.

20«Ulee lamaan irratti barreessite san ila isaanii dura qabiitii, 21isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani kolbaa Israa'elii gara maraa gosa biyya adda addaa oddu'uu wolitti isaan qabee, gara lafa isaanii isaan hin fida. 22Lafa irratti, gaara Israa'elii gubba'atti kolbaa takkattii isaan hin godha. Isaan mara irratti mootiin tokkochi hin mootoma; isaan haganaa achi gosa biyya adda addaa lama hin te'anu; mootummaa lama te'anee ijjuma gargar hin qoodamanu. 23Isaan haganaa achi waaqota dharaa ka ifiitiin, waan diqachiittuu ifiille'een yookiin yakkaa ifii maralle'een ifi hin batteessanu. Ani ammoo cubbuu isaan na lakkisanee duubatti deebi'iisaan hujane mara jalaa isaan baasee, isaan hin qulqulleessa. Achiin duuba isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a.

24« ‹Garbichi kiyya Daawiti isaan irratti mootii hin te'a; isaan martinuu tissee tokko hin qabaatan. Isaan seera kiyyaan hin ideeman; seerata kiyyalle miidhassanee hin eegatan. 25Isaan lafa ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne, addee abbootiin teessan duri keessa leete keessa hin le'an. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniille haga bara baraa achi hin le'an; garbichi kiyya Daawiti haga bara baraa bulchaa isaanii hin te'a. 26Ani gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha. Gondooroon sun gondooroo bara baraa hin teeti. Ani lafa isaanii keessatti isaan jabeessee hin dhaba; isaan hin baceessa; Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti hin dhaaba. 27Addeen leetoo tiyyaa isaan woliin hin teeti; ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an 28Achiin duuba yennaa ani Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti dhaabe ka Israa'el woyyoonsu, ana Mootii Waan Maraa akka te'e gosi biyya adda addaa hin beekan jedha› jedhiin» jedhe.

¿Sabías que…?

El valle de los huesos secos y la restauración de Israel

  • Ezequiel es llevado por el Espíritu a un valle lleno de huesos secos, a los cuales Dios identifica como toda la casa de Israel, que afirmaba haber perdido la esperanza. Por medio de las palabras del profeta, los huesos se unen, reciben carne y piel, y cobran vida con el aliento de los cuatro vientos, simbolizando cómo Dios sacaría a su pueblo del exilio para restaurarlo en su tierra.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Dios le ordena a Ezequiel escribir en dos varas de madera separadas —una para Judá y otra para José y Efraín— y unirlas para que formen una sola en su mano. Esta señal representa la reunificación de los reinos divididos del norte y del sur en una sola nación, guiada por un único pastor llamado David.Fuentes: el propio texto bíblico · Ephraim · David
  • Al pueblo restaurado se le promete habitar para siempre en la tierra dada a Jacob, bajo un pacto eterno de paz. Dios declara que establecerá su santuario en medio de ellos para siempre, como testimonio de su santificación ante las naciones.Fuentes: el propio texto bíblico · Jacob (Israel)

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.