Nations Bible

Ezequiel 30

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Biyyi Gibxi'ii Hin Adabanti

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Raaga raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Wiiccifadhuu bowiitii: Guyyaa saniif aanne'e jedhi.

3«‹Guyyaan sun dhikaateera;

guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera.

Guyyaan sun guyyaa duumensaa ti;

gosa biyya adda addaatiif yennaa mura'aa ti.

4Biyya Gibxi'iititti shallaagaan hin dhufa;

biyya Itoophiya'aalle'etti muddam hin dhufa.

Worri qalame biyya Gibxi'ii keessatti yennaa jiganu,

karri isi'ii hin fudhatanti;

hundeen isi'iille hin diiganti.

5« ‹Itoophiyaan, Fuxi, Ludi, worri Arabaa marti, gumiin kolbaa garagaraalle, biyyi Kubiitii fi kolbaan biyya sanii worri ani dur isaan woliin gondooroo godhadhe biyya Gibxi'ii woliin shallaaga'aan hin dhumatan› jedha.

6«Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Gibxi qarqaaru marti hin dhumatan; hunni isiin ittiin koortulle hin salphatti; Miigdolii haga Aswaaniititti isii keessatti shallaaga'aan hin dhumatan. 7Biyyi Gibxi'ii biyyoota onane wodhakka'atti ona hin teeti; qachooti isi'iille qachoota diigamane wodhakka'atti hin diigaman. 8Yennaa ani biyya Gibxi'iititti ibidda qassiisu, worri isii qarqaaru marti yennaa caccabu, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.

9« ‹Guyyaa san ergantooti na biraa hobolo'oon, kolbaa Itoophiya'aa ta bidhaa hin qanne akka bararaqanu godhiisaaf hin bayan; guyyaa Gibxi'itti muratu san muddam isaanitti hin dhufa. Kunoo, muddam sun hin dhufa› jedha.

10«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti kolbaa Gibxi'ii bindillaa hin fixa. 11Innii fi loltooti isaa gadhi-jabeeyyiin lafa balleessiisaaf hin dhufan; shallaagaa ifii worra Gibxi'iititti buqqifatanee lafa san worra qalameen hin guutan. 12Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.

13«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani waaqota dharaa hin balleessa; fakkii waaqotaalle qachaa Memfiisii keessaa ijjumaa hin balleessa; biyya Gibxi'ii keessa haganaa achi qondaalli hin jiraatu; lafa Gibxi'iititti sodaa hin buusa. 14Ani kibba Gibxi'ii hin onsa; Zo'aanitti ibidda hin naqa; qachaa No'iille'etti hin mura. 15Ani kushee jadduu biyya Gibxi'ii qachaa Siinii irratti mufii tiyya hin dhangalaasa; kolbaa bindillaa No'iille hin balleessa. 16Ani biyya Gibxi'iititti ibidda hin naqa; qachaan Siinii akka dubartii deettuu hin ciniinsifata; dalleenni dhaka'aa ka No'ii hin caba; qachaan Memfiisiille yennaa mara diinaan hin rakkata. 17Dargaggooti qachaa Aweeniitii fi Phii-Besetii keessa jiranu martinuu shallaaga'aan hin dhumatan. Dubartooti qachaa san keessaa hin booji'aman. 18Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman. 19Akka kanaan ani biyya Gibxi'ii hin adaba; isaanille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.

Biyyi Gibxi'ii Hin Dadhaddi

20Booji'anee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 21«Ee ilma namaa! Ani irree Fara'oonii mootii Gibxi'ii casseera; kunoo, hiituu itti mariisaan fayyitee, jabaattee shallaagaa qabatuu akka dandeettu, irreen sun hidhantee hin jirtu. 22Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani Fara'oonii mootii Gibxi'ii irratti hin ka'a; irree isaa lamaanuu ta caddee fi fayyaalettiille hin caccassa; shallaagaan harka isaatii akka bu'u hin godha. 23Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Biyya hedduu keessa hin faffacaasa. 24Irree mootii Baabilonii hin jabeessa; shallaagaa kiyya harka isaa keessa hin keya; irree mootii Gibxi'ii ammoo hin caccassa; inni akka nama akka malee madowee isa duratti hin aada. 25Ani irree mootii Baabilonii hin jabeessa; irreen motii Gibxi'ii ammoo irraa hin buuti; yennaa ani shallaagaa kiyya harka mootii Baabilonii keessa keyee, yennaa inni worra Gibxi'iititti mirmirsu, yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 26Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Juicio sobre Egipto y Sus Aliados

  • Ezequiel señala a Nabucodonosor, el rey de Babilonia, como el instrumento elegido para traer ruina sobre Egipto y derrotar a sus multitudes.Fuentes: Nebuchadnezzar · el propio texto bíblico
  • El oráculo menciona destacados centros religiosos y administrativos en todo Egipto, entre ellos Menfis (Nof), Tebas (No) y la plaza fuerte de Pelusio (Sin).Fuentes: Memphis · Pelusium · Thebes · el propio texto bíblico
  • La profecía advierte además a los aliados regionales y vecinos de Egipto, como Cus en el sur, de que compartirán el pánico y el colapso cuando caiga Egipto.Fuentes: Cush · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Cush · Hoy: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículos 4, 5, 9
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 15, 16, 18, 19, 21, 22, 23, 24, 25, 26
  • Arabia · Hoy: Arabian Peninsula · 23.000, 46.000 · versículo 5
  • Libya · 32.821, 21.851 · versículo 5
  • Syene · Hoy: Aswan · 24.089, 32.900 · versículo 6
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 10, 24, 25
  • Nile · Hoy: Nile River · 31.465, 30.367 · versículo 12
  • Memphis · 29.849, 31.253 · versículos 13, 16
  • Pathros · Hoy: Upper Egypt · 24.100, 32.700 · versículo 14
  • Thebes · 25.721, 32.610 · versículos 14, 15, 16
  • Zoan · Hoy: Tanis · 30.977, 31.880 · versículo 14
  • Pelusium · Hoy: Tell el Farama · 31.043, 32.546 · versículos 15, 16
  • Heliopolis · Hoy: Ain Shams · 30.129, 31.308 · versículo 17
  • Pi-beseth · Hoy: Tell Basteh · 30.573, 31.510 · versículo 17
  • Tahpanhes · Hoy: Tell Defenneh · 30.861, 32.171 · versículo 18

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.