Nations Bible

Ezequiel 3

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

1Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Ati waan asitti dhaggite mara nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhuutii, dhaqii kolbaa Israa'eliititti dubbadhu!» jedhe.

2Maarre ani afaan banadhee, innille kitaaba maramaa kana akka nyaadhu naa kennee, 3«Ilma namaa! Ati kitaaba maramaa ani sii kennu kana nyaadhuutii, gadhaa keeti guutadhu!» jedhe; achiin duuba anille kitaaba maramaa san nyaadhee, innille afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe.

4Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Gara kolbaa Israa'elii dhaqiitii jecha kiyya isaanitti dubbadhu. 5Ati gara kolbaa Israa'elii ergante malee, gara gosa biyya adda addaa hedduu orma ta afaan isaanii hin beekkanne, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee hin erganne; 6ani gara kolbaa afaan isaanii hin beekkannee, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee, si hin ergine. Dhugumaan, adoo achi si ergee jiraadhee, sila isaan si hin dhage'aniiyyu. 7Kolbaan Israa'elii ammoo na caqasiisa waan hin fedhiniif, si caqasiisa hin feene. Sababille kolbaan Israa'elii marti mataa jaba'aa fi gadhaa jabaa qaban. 8Kunoo, ani fuula isaanii duratti fuula keetii fi adda keeti hin jabeessa. 9Ani adda keeti akka dhakaa jaba'aa, dhakaa-birraalle caalaa jabeessa; isaan worra finqilaa waan te'aneef, isaan hin sodaatin; hin rifatinille'e» jedhe. 10Ammalle, inni, anaan, «Ilma namaa! Jecha ani sitti dubbadhu mara gurra keetiin dhage'iitii, gadhaa keetitti qabadhu. 11Gara worra booji'amee, gara kolbaa keetii dhaqiitii, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin» jedhe.

12Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa ol na fuudhee, duuba kiyyaan, qoonqoon guddoon ta akka lafa tachootuu takka, «Ol-gubbaa keessatti ulfinni Mootii Waan Maraa ka leellifame te'uu ti» jettuun dhage'e. 13Qoonqoon sun ta koolli dada lubbuu qabanu sanii yennaa wol dhowanu shookkisuutii fi ta korboo cinaa isaanii jirtuu ta akka lafa tachootuu hididdittuu ti. 14Ayyaanni ol na fuudhee deeme; anille hadheeffataa, aaree bobe'aa achii deeme; irreen Mootii Waan Maraalle na irratti jabaatteertiiyyu. 15Ani gara worra booji'amee laga Kebaarii bira Tel-Abiib jiranuu dhaqe. Ani akkuma nayee waan godhu wollaaletti, guyyaa torba odduu isaanii ture.

Akka Israa'el Eegu Waaqi Hizqi'el Muude

16Guyyaan torba dabareen duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 17«Ilma namaa! Ani nama kolbaa Israa'elii eegu si godheera; ati yennaa jecha afaan kiyyaa bawu dhageettu mara, waan ani isaan ifi eeggachiise san isaanitti himi. 18Ani nama cubbaallessaan, ‹Ati dhugumaan hin duuta› jedhuun, ati yoo isa ifii eeggachiisuu dhadde, inni karaa ifii cubbaalessa san irraa deebi'ee jiru'uun akka jiraatu isa ifi eeggachiisiisaaf yoo itti himuu dhadde, nami cubbaalessi sun yakkaa ifiitiin hin du'a; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada. 19Ati cubbaalessa ifi eeggachiittee inni cubbuu ifii irraa yookiin karaa ifii cubbaalessa san irraa yoo hin deebi'in ammoo yakkaa ifiitiin hin du'a; ati ammoo lubbuu teeti hin baafatta. 20Ammalle, nami balchaan tokko balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan hantuu yoo huje, ani gufuu isa dura keya; innille hin du'a. Atille waan isa ifi hin eeggachiisiniif, inni cubbuu ifiitiin hin du'a; hujiin balchittiin inni qara hujeeruu isaaf hin laakkowantu; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada. 21Ati ammoo nami balchaan tokko akka cubbuu hin hunye yoo ifi eeggachiitte, innille dhage'ee yoo cubbuu hujuu dhabe, inni ifi eeggachiisa san waan fudhateef, dhugumaan jiru'uun hin jiraata; atille lubbuu teeti baafatteerta» jedhe.

22Achille'etti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu. Inni, anaan, «Ka'ii gara lafa dhooqaa dhaqi; anille achitti sitti hin dubbadha» jedhe.

23Maarre anille ka'ee gara lafa dhooqaa san dhaqe; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraa ka akka ani laga kebaarii biratti dhaggeeruu sun achi dhaabbateeruun dhagge; anille fuula kiyyaan gad gombifame. 24Te'uu malee, Ayyaanni Waaqaa na irratti bu'ee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatee, «Deemi, gara mana keetii galii, balbala ifitti cufadhu. 25Ee ilma namaa! Ati akka xaxantee odduu kolba'aatitti gad bawuu hin dandeenne, kunoo, wodaro'oon hin hidhanta. 26Isaan kolbaa finqiltuu waan te'aneef, akka ati isaan xixuu hin dandeenne, ani arraba keeti laagada'atti hin maxxansa. Duudaa hin teeta. 27Ani yennaa sitti dubbadhu ammoo afaan keeti hin bana; atille isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› hin jetta. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, nami dhage'u, dhage'uu ti; nami dhage'uu didatu lakkisuu ti.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El llamado de Ezequiel y los cautivos en Tel-abib

  • Tel-abib, donde residía Ezequiel junto a los cautivos judíos, era un asentamiento situado junto al río Quebar en Babilonia. Muchos eruditos identifican el Quebar no como un río natural, sino como una importante red de canales babilónicos, como el gran canal real de Mesopotamia.Fuentes: Chebar · Tel-abib · el propio texto bíblico
  • En las ciudades antiguas, el atalaya se apostaba sobre las murallas para vigilar el horizonte y alertar a los habitantes de cualquier peligro. Dios usó este oficio como metáfora de la tarea profética de Ezequiel, haciéndolo responsable si no advertía al impío de su conducta.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Antes de dirigirse a los exiliados, Ezequiel comió un rollo con palabras divinas, que le supo dulce como la miel, y permaneció atónito entre ellos durante siete días completos.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.