Nations Bible

Ezequiel 26

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Raaga Qachaa Xiiroosii Irratti Dubbatame

1Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo keessa, ji'a keessa guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Qachaan Xiiroosii qachaa Yerusaalemiitiin, ‹Baga! Karri gosa biyya adda addaa caccaddeerti; balbalti isi'iille naaf bananteerti; inni waan oneef, ani hin qananooma› waan jedheef, 3Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Xiiroos! Kunoo, ani si'i irratti hin ka'a; akka abbaayaan danbalii ifii kaachu, anille gosa biyya adda addaa si irratti hin kaasa. 4Isaan dalleya dhaka'aa keeti balleessanee, xelleephoo eeddotaalle hin caccassan; ani biyyee haree rassaa duwwaa si hin godha. 5Akka addee odduu abbaaya'aa ta worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatuu si hin godha; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. Gosi biyya adda addaa si hin saaman; 6kolbaan adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtulle shallaaga'aan hin ijjeefaman; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha.

7«Goottaan Mootiin Waan Maraa, Xiiroosiin, ‹Kunoo, ani mootii moototaa ka te'e mootii Baabilonii Nebukadnezaar fardo'oo fi garreettota fardo'oo harkifamanu, abbootii fardo'ootii fi loltoota bacaa woliin kaaba irraa si'itti hin fida. 8Inni kolbaa adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtu shallaaga'aan hin fixa; haga qaccee dalleya dhaka'aa keetiititti kaabii itti marsee hin ijaara; wontee guddoo si irratti ol hin kaasa. 9Inni waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganu gara dalleya dhaka'aa keeti deebifatee hin diiga; inni agaraa ifiitiin xelleephoo eeddota teetii hin diiga. 10Fardoon isaa bacaa waan teeteef, bukuun isaan kaasane si hin golliti. Inni akka nama qachaa cassee seenuu tokko karra teeti cassee yennaa seenu, hididdeessi abbootii fardo'oo, ka garreettaa geejjibaatii fi ka garreettaa fardaan harkifamuu dalleya dhaka'aa keeti hin raasa. 11Kottee fardoo ifiitiin karaa keeti mara irra hin hirbeessan; kolbaa teeti shallaaga'aan hin fixan; utubooti keeti jajjabootille gad lafatti hin jigan. 12Isaan waan ati ittiin duroommatte booji'anee, meya ati daldalattulle hin saaman. Isaan dalleya keeti hin diigan. Manni keeti dadansaan hin didiigama; dhakoota, mukootaa fi biyyee teeti abbaaya'atti hin gatan. 13Ani sirba keeti hin dhaabbachiisa; kiraarri keetii guddichi deebi'ee hin dhage'amu. 14Ani rassaa duwwaa si hin godha; atille addee worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatu hin teeta. Ani Mootiin Waan Maraa waan dubbadheef, ati ijjumaa deebitee hin ijaarantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

15«Goottaan Mootiin Waan Maraa Xiiroosiin, ‹Worri madowe yennaa aadu, si keessatti yennaa wol qalanu, gikkeessa jinnana keetiitiin oddoolli hin raafamuu ree? 16Qondaaltoti abbaayaa qarqaraa marti barcumaa mootummaa ifii irraa hin bu'an; woyaa ifii ta mootumma'aatii fi woyaa ifii ta seesaa san hin mulqatan. Isaan rommaa lafa irra hin tee'an; waan si irratti te'e kana hedaa yennaa mara hin sheephisan. 17Isaan faaruu gaddaa marroo teetiif faarsaa,

«‹Ee ati qachaa abbaayaa qarqaraa, ka beekkante,

ka abbaayaa irratti bulchaa teete,

atii fi worri si keessa le'anu,

ka worra achi le'anu bararassitane,

ati attam ijjumaa badde!

18Guyyaa jinnanaa keetii qarqarri abbaaya'aa hin raafama;

badii teetiin oddoolli hin rifata› jedha.

19«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani yennaa akka qachoota nami keessa hin jirree ona si godhu, yennaa bisaan qilee abbaaya'aa si irra garagalchu, 20gara worra duri du'eeruu worra gad bu'u woliin, nami si keessa le'u akka hin jirraanne, diigama durii odduu akka leetu, gara boolla lafa jalaa gad si hin buusa; ati achii deebitee lafa worra jiraata'aa keessatti addee hin dhaggattu; 21muummee teeti dhagganee akka sodaatanu hin godha; ati barbaadantulle ijjumaa deebitee hin dhaggantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La profecía contra Tiro

  • Tiro era una renombrada ciudad portuaria fenicia cuyos navegantes dominaban el comercio en el Mediterráneo. En este capítulo, Tiro celebra la caída de Jerusalén, confiando en que el colapso de la ciudad del interior redirigiría riquezas y rutas comerciales lucrativas hacia sus propios puertos.Fuentes: Tyre · el propio texto bíblico
  • El nombre Tiro significa "una roca". Ezequiel destaca esta identidad al profetizar que la próspera ciudad marítima quedaría despojada de su suelo hasta ser una roca desnuda, reducida a un paraje desolado donde los pescadores extienden sus redes a secar.Fuentes: Tyre · el propio texto bíblico
  • Nabucodonosor II, el poderoso rey de Babilonia, es señalado por su nombre como el ejecutor del juicio contra Tiro. Ezequiel describe el avance de sus tropas con caballería, carros de combate, rampas de asedio y arietes contra las fortificaciones y aldeas costeras.Fuentes: Nebuchadnezzar · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
  • Tyre · 33.271, 35.196 · versículos 2, 3, 4, 5, 7, 15, 19
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 7

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.