Ezequiel 24
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Marfamiisa Yerusaalemii
1Booji'annee woggaa sagaleesso'oo keessa, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii guyyaa adhaa kana Yerusaalem waan marseeruuf, maqaa guyyaa adhaa kana barreeffadhu. 3Kolbaa finqiltuu tanatti fakkeennaan dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa,
«‹Disitii dhaabi! Disitii dhaabi!
Bisaanille itti naqi;
4gumaa foonii, gumaa foonii dadansaa mara,
lukaa fi harka keessa buusi;
lafee dadansa'aan guuti.
5Hoolee keessaa dadansaa qofa qali;
Disitii san jala qoraan naqiitii
akka dansaa danfisi;
foonii fi lafee isii keessaa midhassii bilcheessi› jedha.
6«Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Disitii ciillotte ta ciillaan irraa hin kaane, qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Foon isii keessaa adoo hin filin gumaa guma'aan keessaa guuri. 7Qachaan kun lafa biyyeen itti deebi'uu hin dandeenne rassaa duwwaa irratti dhiiga dhangalaaseera. Dhiigi qachaan sun dhangalaase haga ammaa isa keessa jira. 8Ani mufadhee haluu bayiisaaf dhiigi qachaan sun dhangalaase akka hin gollanne rassaa irratti akka dhangala'u godhe› jedha.
9«Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Ani qoraan guddisee hin tuula. 10Qoraan guddisii tuuliitii, ibidda itti gabbisi; foon akka dansaa effeeli; shorbaa isaalle uddowaa adda addaa itti naqiitii haga lafeelle gubattutti danfisii. 11Achiin duuba, disitiin o'itee ciillaan isi'ii gubatee akka irraa bu'u, battummaan isii keessaa akka baxxu, disitiin sageettuu irraa hujante sun akka finiintu, duwwaa kashila irra dhaabi. 12Toluma itti elowane malee ciillaan isi'ii ibiddalle'een irraa hin kaane. 13Ee qachaa Yerusaalemii! Cubbuun teeti si batteessiteerti; ani akka ati qulqulloottu si godhulle, ati battummaa teeti irraa hin qulqulloonne. Haga ani aarii tiyya si irratti baafadhutti ati hin qulqulloottu. 14Ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera; yennaan ani waan kana huju dhufaarti; ani gara duubaa hin deebi'u; hin hilu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka ideensa keetiitii fi akka hujii teetiititti sitti hin mura› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
Du'a Niitii Hizqi'elii
15Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 16«Ee ilma namaa! Kunoo, ani niitii teeti ta ati guddoo jaalattu, dedhuma si duraa fudhataara; ati hin gaddin yookiin hin bowin, imimmaan teetille hin buusin. 17Qoonqoo teeti gad qabadhuu gungumi malee ka du'eef iyyitee hin bowin; marata mata'aa keeti mata'atti maradhu; kophee teeti miilatti keyadhu; afaan keeti hin qabatin; haqaqoolle hin nyaatin» jedhe.
18Maarre ani ganama kolba'atti dubbadhee, galgaluma san niitiin tiyya duute; guyyaa itti aanu ani akkuma ajajame godhe. 19Achiin duuba kolbaan anaan, «Wonni ati godhiisatti jirtu kun hiikkaan isi'ii maan akka teete nutti hin hintuu ree?» jedhanee na gaafatane.
20Anille isaaniin, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 21‹Ati kolbaa Israa'eliitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani Galma kiyya ka koora hunna teessanii, ka isin guddoo jaalattanuu fi halchaa lubbuu teessanii hin batteessa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta isin Yerusaalemille'etti lakkittanee deentane shallaaga'aan hin ijjeefaman. 22Yennaa san isin waan ani godhe mara hin gootan; afaan keessan hin buqattanu; haqaqoolle hin nyaattanu. 23Marata mataa keessan irraa hin buufattanu; kophee miila keessan irraa hin baafattanu; sababa cubbuu teessaniitiif hin yaayyitan malee, hin gadditanu yookiin hin wiiccifatanu; wol wolitti hin aaddan. 24Akka kanaan Hizqi'el fakkeenna isiniif hin te'a; akkuma inni godhe isinille hin gootan. Wonni kun yennaa teetu ani Goottaa Mootii Waan Maraa akka te'e isin hin beettan jedha› naan jedhe» jedheen.
25Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Atille ilma namaa! Guyyaa ani Galma kiyya koora hunna isaanii, gammadaa fi ulfinna isaanii, ka isaan guddoo jaalatanu, halchaa lubbuu isaanii ka te'e, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle isaan duraa fudhadhu, 26guyyaa san nami miliqee dhufu waan kana mara sitti hin hima. 27Guyyuma san afaan keeti hin banama; nama miliqee dhufu san woliin hin haasotta; afaan keeti deebi'ee hin qabamu; atille isaaniif beessisa ittiin ifi eegatanu hin teeta. Isaanille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedhe.

¿Sabías que…?
El Asedio de Jerusalén y el Duelo de Ezequiel
- Ezequiel recibió la indicación de anotar la fecha exacta —el décimo día del décimo mes en el noveno año—, ya que en ese mismo día el rey de Babilonia inició el asedio contra Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Ezekiel
- Cuando la esposa de Ezequiel murió repentinamente en el noveno año de su exilio, se le prohibió seguir los ritos habituales de duelo, tales como llorar abiertamente, quitarse el turbante, andar descalzo, cubrirse los labios o comer el pan del luto.Fuentes: el propio texto bíblico · Ezekiel · Wife of Ezekiel
- La contenida reacción del profeta ante su pérdida personal sirvió como señal para los exiliados, prefigurando el asombro y la desolación que experimentarían al enterarse de la caída de Jerusalén y de su santuario.Fuentes: el propio texto bíblico · Jerusalem
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org