Ezequiel 11
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yerusaalem Irratti Murante
1Ayyaanni ol na fuudhee, gara seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara aduun baatuu na geesse; achi seensuma karra sanii namooti diddamii shan jiran; odduu isaaniititti sooreyyii kolba'aa ilma Azurii Yaazaaniya'aa fi ilma Benaaya'aa Phelaatiyaa dhagge.
2Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Namooti kun qachaa kana keessatti worra karoora hamaa baafatuu fi worra gorsa hamaa gorsu. 3Isaan, ‹Yennaan nuuti mana ijaarru dhikaatteerti; qachaan kun okkote'e; nuutille akka foon okkotee keessa bulfatanuu ti› worra jedhu. 4Tanaaf, ati raaga isaan irratti raagi; ee, ilma namaa itti raagi!» jedhe.
5Achiin duuba ayyaanni Mootii Waan Maraa na irratti bu'ee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin kolbaan Israa'elii akkana jettanee yaadattan; waan gara yaada keessanii dhufe san anille beekeera. 6Isin qachaa kana keessatti nama bacaa ijjeettaneertan. Karaa qachaa kanaa reeffaan guuttaneertan› jedhe.
7«Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Worri isin ijjeettanee qachaa keessatti gattane foon; qachaan kunille okkote'e; ani ammoo qachaa kana keessaa isin hin baasa. 8Isin shallaagaa sodaattaneertanii motii? Ani ammoo shallaagaa isinitti hin fida. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 9Ani qachaa kana keessaa isin hin baasa; harka ormaalle'etti dabarsee isin kennee, isinitti hin mura. 10Isin shallaaga'aan hin dhumattan; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura. Yennaa san isin ani Mootiin Waan Maraa akka te'e hin beettan. 11Qachaan kun okkotee isiniif hin te'u; isinille isii keessatti foon hin teetanu; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura. 12Yennaa san isin ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. Isin akka seera gosa biyya adda addaa ta adaala keessaniititti hujjane malee, akka seerata kiyyaatitti hin ideenne; seera kiyyalle'eef hin ajajanne› jedha» jedhe.
13Ani raaga adoo dubbatiisatti jiruu, ilmi Benaaya'aa Phelaatiyaan du'e; anille fuulaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Worra Israa'el keessatti baraaree hafe maraa ijjumaa fixu'uufii?» jedhe iyye.
Waadaa Waaqi Worra Booji'aneef Gale
14Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 15«Ee ilma namaa! Worri Yerusaalem keessa jiru, obboleeyyan teeti, firoottan keeti, kolbaa Israa'elii maraan, ‹Isaan Mootii Waan Maraa irraa fagaataneeran; latti tun qabeenna keenna akka teetu nu'uuf kennanteerti› jedhan.
16«Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isaan kaasee odduu gosa biyya adda addaa, biyya hedduu keessa isaan bittinneessulle, addee isaan dhaqanetti yennaa diqqo'oof addee woyyittii isaaniif te'eera jedha› jedhiin.
17«Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa biyya isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, deebisee fidee, lafa Israa'elii deebisee isaaniif hin kenna. 18Isaan yennaa achi deebi'ane, waan batti'ii fi waan diqachiisaa mara achi keessaa hin balleessan. 19Ani akka isaan ijjumaa naaf addatamanu gadhaa addatamumma'aa isaaniif hin kenna; qalbii haareyalle isaan keessa hin keya. Gadhaa isaanii ka akka dhaka'aa isaan keessaa baasee, gadhaa isaanii ka foonii isaaniif hin kenna. 20Achiin duuba isaan ajaja kiyya hin muummessan; seera kiyyalle hin eegatan; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a. 21Worra gadhaan isaanii waan batti'ii fi waan diqachiisaa gula deemu ammoo ani Goottaan Mootiin Waan Maraa akka hujii isaaniititti isaan hin adaba jedheera› jedhi» jedhe.
Ulfinni Waaqaa Yerusaalem irraa ka'e
22Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun koola ifii badhifatane; korbootille cinaa isaanii jiraniiyyu. Ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu. 23Ulfinni Mootii Waan Maraa qachaa wodhakka'aa ka'ee, gaara qachaa irraa gara aduun baatu jiru gubbaa dhaabbate. 24Ayyaanni ol na fuudhee, mudhii Ayyaana Waaqaatiin, gara worra booji'amee Baabilon keessa jiruu na geesse; achiin duuba mudhiin ani dhagge sun kaatee na irraa deente. 25Anille waan Mootiin Waan Maraa natti mudhise mara worra booji'ametti hime.

¿Sabías que…?
Juicio sobre Jerusalén y esperanza para los exiliados
- En la puerta oriental del templo en Jerusalén, Ezequiel vio a veinticinco líderes, entre ellos Jaazanías hijo de Azur y Pelatías hijo de Benaía, dando malos consejos y afirmando que la ciudad los protegería como una olla. Mientras Ezequiel profetizaba el juicio divino, Pelatías murió repentinamente, lo que llevó al profeta a clamar con angustia por el remanente de Israel.Fuentes: el propio texto bíblico · Pelatiah · Jaazaniah · Azur
- Aunque los habitantes que permanecían en Jerusalén aseguraban que la comunidad exiliada había sido rechazada y estaba lejos del Señor, Dios declaró que sería un santuario para los exiliados entre las naciones. Prometió congregarlos, quitarles el corazón de piedra y darles un corazón de carne obediente a sus estatutos.Fuentes: el propio texto bíblico
- Ezequiel vio a los querubines extender sus alas mientras la gloria del Señor se elevaba de en medio de Jerusalén y se detenía sobre el monte situado al este de la ciudad. La visión concluyó cuando el Espíritu transportó al profeta de regreso junto a los exiliados en Caldea, donde refirió todo lo que había visto.Fuentes: el propio texto bíblico · Chaldea · Jerusalem
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- East Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 9, 15, 24
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 24
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org