Nations Bible

Ester 7

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Haamaanitti Duuti Murante

1Maarre mootichii fi Haamaan gara areertii giittittiin Asteer qopheessitee dhaqane. 2Guyyaa lammeesso'oo daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu mootichi ammalle, «Giittittii Asteer, wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.

3Giittittiin Asteer deebittee, «Mooticha kiyya, si duratti fudhatama dhaggadhee, ka si gammachiisu yoo te'e, akka ani hin duune na hamburi, wonni gaafadhu tana; kolbaa tiyyalle hamburi, wonni ani barbaadu tana. 4Anii fi kolbaan tiyya badiisaaf, ijjeefamiisaa fi muxuqi jedhiisaaf gurguranneera; nuuti dhiiraa fi dubartiin garba te'iisaaf adoo gurgurannee jiraanne, tun mooticha rakkisuu waan hin geenneef ani silaa hin cadhisaayyu» jette.

5Achiin duuba mootichi Ahashiweros, «Nami tana godhiisaaf game eennu? Nami kun eessa jira?» jedhee giittittii Asteer gaafate.

6Asteer deebittee, «Nyaaphi keennaa fi diinni keenna Haamaanii nama hamaa kana!» jette.

Achiin duuba Haamaan mootichaa fi giittittii duratti bararaqe. 7Mootichi aari'iin ol ka'ee, daadhii woyni'ii lakkisee gad bayee, gara oorruu mana mootumma'aa dhaqe. Haamaan ammoo akka mootichi isa ijjeesiisaaf murteeffate beekee, du'a irraa ifi hamburiisaaf, Asteer kadhatiisaaf duubatti hafe. 8Mootichi oorruu mana mootumma'aatii gara mana areerti'ii yennaa deebi'e, Haamaan taqee giittittiin Asteer irra irkattu irratti jigeeraayyu; mootichi, «Namichi kun mana keessatti, adduma ani jirutti giittittii Asteer woliin hunnaan rafiisa fedhaa?» jedhe.

Akkuma mootichi tana dubbateen, tajaajiltooti fuula Haama'aa gollane 9Achiin duuba guneessota keessaa «Harbonaa» ka jedhamu, «Kunoo, muki nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa mana Haamaanii bira jira; Haamaan muka kana Mordekaayii si mooticha du'a irraa hamburiisaaf dubbate itti fannisiisaaf qopheesse» jedhe.

Mootichille, «Haamaan muka san irratti fannisa'a» jedhee ajaje.

10Maarre Haamaan muka Mordekaayiif qopheesse san irratti fannifame; achiin duuba aariin mootichaa qabbanootte.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Ester Desenmascara el Complot de Amán

  • En el segundo banquete de vino, la reina Ester reveló que ella y su pueblo habían sido sentenciados a la destrucción y al exterminio. Cuando el rey preguntó quién se había atrevido a tramar tal plan, ella señaló directamente a Amán, el alto oficial del soberano, como el malvado adversario.Fuentes: el propio texto bíblico · Esther · Haman
  • Al regresar enfurecido del jardín del palacio, el rey Asuero halló a Amán desplomado sobre el diván donde Ester descansaba para rogar por su vida. El rey interpretó esta acción como un ultraje contra la reina, y los sirvientes cubrieron de inmediato el rostro de Amán.Fuentes: el propio texto bíblico · Ahasuerus
  • Harbona, uno de los eunucos de la corte, informó al rey que Amán había levantado en su casa una horca de cincuenta codos para Mardoqueo, quien antes había salvado la vida del monarca. Asuero ordenó al instante que el propio Amán fuera ejecutado en la estructura que había preparado.Fuentes: el propio texto bíblico · Mordecai · Harbonah

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.