Efesios 6
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ijoolle'ee Fi Worra Isaanii
1Ijoolle! Waan barbaachisaa te'eef, abbooti'ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama'a. 2«Abba'aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: 3«Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
4Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta'aatiin guddisa'a malee, akka aartu hin godhina'a.
Goottotaa Fi Garboota
5Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a. 6Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla'atti adoo hin te'in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa'a. 7Akkasuma nama adoo hin te'in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila'a. 8Garbichalle te'ee yookiin ka garbicha hin te'in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan. 9Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a.
Meya Woraanaa Ka Waaqaa
10Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a. 11Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha'a.
12Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba'aatiin mormiisa. 13Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a.
14Tanaaf, dhugaa akka hiitu'uu hidha keessanitti hidhadha'aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha'aa dhaabbadha'a. 15Wongeela nageyaalle akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a. 16Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe'u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte'ee qabadha'a. 17Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha'a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga'aa qabadha'a. 18Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a. 19Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophowe, Waaqi akka jecha naaf kennu analle'eef daadimadha'a. 20Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a.
Muummee Irratti Nageya Dhaame
21Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaalatama'aa fi tajaajila hujii Gootta'aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima. 22Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga.
23Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle'ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanota maraaf te'uu ti. 24Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaalatu maraaf te'uu ti.

¿Sabías que…?
Deberes del hogar, la armadura de Dios y Tíquico
- Este capítulo presenta el mandato de honrar al padre y a la madre como el primer mandamiento que trae una promesa: que a uno le vaya bien y que tenga larga vida sobre la tierra. También pide a los padres que no provoquen a ira a sus hijos, sino que los críen en la disciplina y la instrucción del Señor.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo dice que la lucha no es contra sangre y carne, sino contra gobernantes, autoridades, los poderes de las tinieblas de este mundo y las fuerzas espirituales del mal en las regiones celestiales. Se invita a los lectores a tomar toda la armadura de Dios —cinturón de la verdad, coraza de la justicia, pies calzados con la prontitud del evangelio de la paz, escudo de la fe, casco de la salvación y espada del Espíritu, que es la palabra de Dios— para mantenerse firmes cuando llegue el día del mal.Fuentes: el propio texto bíblico
- Quien escribe pide oración para anunciar el evangelio sin miedo, como embajador en cadenas, y envía a Tíquico, el hermano amado y siervo fiel en el Señor, para contar a los lectores cómo está y animarlos. A Tíquico se lo describe como un cristiano de Asia que, con Trófimo, acompañó a Pablo en parte del viaje de Macedonia a Jerusalén y estuvo con Pablo en Roma, desde donde fue enviado a Éfeso, probablemente para edificar y animar a la iglesia.Fuentes: el propio texto bíblico · Tychicus
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org