Nations Bible

Eclesiastés 3

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Waan Maraaf Yennaan Jirti

1Waan maraaf yennaan jirti;

waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.

2Dhalatiisaaf yennaan jirti;

du'iisaafille yennaan jirti;

Dhaabiisaaf yennaan jirti;

buqqisiisaafille yennaan jirti.

3Ijjeesiisaaf yennaan jirti;

fayyisiisaafille yennaan jirti.

Diigiisaaf yennaan jirti;

ijaariisaafille yennaan jirti.

4Bowiisaaf yennaan jirti;

kolliisaafille yennaan jirti.

Gaddisaaf yennaan jirti;

sirbiisaafille yennaan jirti.

5Dhakaa bittinneessiisaaf yennaan jirti;

dhakaa wolitti qabiisaafille yennaan jirti.

Hanqafatiisaaf yennaan jirti;

hanqafatiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.

6Barbaadiisaaf yennaan jirti;

barbaadiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.

Maffatiisaaf yennaan jirti;

gatiisaafille yennaa jirti.

7Tarsaasiisaaf yennaan jirti;

hodhiisaafille yennaan jirti.

Cadhisiisaaf yennaan jirti;

dubbatiisaafille yennaan jirti.

8Jaalatiisaaf yennaan jirti;

jibbiisaafille yennaan jirti.

Lolaaf yennaan jirti;

nageyaafille yennaan jirti.

9Nami waan itti elowe irraa bu'aan maan dhaggata ree? 10Ani hujii ulfaattuu Waaqi namootatti fe'e dhaggeera. 11Waaqi waan mara yennaa isi'iititti miidhassee dadeera. Inni halchaa yennaa dhuma hin qannee yaada namootaa keessa keyeera; te'uu malee isaan waan Waaqi jalqabaa haga dhumaatitti godhu beekuu hin dande'anu. 12Nami bara jiruu ifii waan dansaa hujee itti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre beekeera. 13Nami martinuu nyaatee, unee, waan itti elowetti gammadiisille kennansa Waaqaa ti.

14Wonni Waaqi huje martinuu haga bara baraa akka jiraattu ani hin beeka; wonni itti ede'amuu fi irraa fuudhamu tokkolle hin jiru. Nami martinuu akka isa sodaatuuf, Waaqi waan kana godhe. 15Wonni amma jiru kama dur jiru; wonni gara duraa te'ulle kama dur te'eeru; Waaqi woma dabare deebisee fida.

16Ani ammalle lafaa irratti waan dhibii dhagge: addee muraa haqaatitti, hammeenna, addee balchumma'aatitti, daba dhagge. 17Ani, «Waaqi waan maraa fi hujii maraafille yennaa waan qabuuf, balcha'aa fi cubbichalle gara mura'aa hin fida» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaadadhe. 18Ani ammalle, «Namooti akka bineensotaa akka te'ane akka ifi dhagganuuf, Waaqi haga isaan ilaala» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaade. 19Hireen namaatii fi bineensaalle tokkuma. Akkuma kuun du'u kuunille du'a; isaan marti hafuuruma tokko qaban; nami bineensa hin caalu. Wonni martinuu bu'aa hin qaddu. 20Martinuu addee takkaa dhaqan; martinuu akkuma biyyee irraa dadamane, garuma biyye'ee hin deebi'an. 21Lubbuun namaa gara gubba'aa akka baatu, lubbuun bineensaa gara lafaa gad akka buutu eentu beeka? 22Namaaf hiree isaa waan teeteef, hujii ifiititti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre hubadheera. Nami du'een duuba waan te'u akka inni dhagguuf, eentu deebisee isa fiduu dande'a ree?

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Un tiempo para cada ocasión

  • El capítulo comienza con un célebre poema de catorce pares de opuestos, que abarcan desde nacer y morir, plantar y arrancar, hasta llorar y bailar, la guerra y la paz. Esta estructura literaria ilustra la totalidad de las experiencias humanas debajo del cielo.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El autor observa que Dios ha puesto la eternidad en el corazón humano, aunque los mortales no pueden comprender plenamente la obra que Dios hace de principio a fin.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Al reflexionar sobre la mortalidad, el texto señala que tanto las personas como los animales vuelven al polvo. Ante este destino físico compartido, el Maestro concluye que disfrutar del trabajo cotidiano, de la comida y de la bebida es un don de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.