Deuteronomio 9
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Kolbaan Israa'elii Ajajamuu Didde
1Ee Israa'el! Dhage'i. Ati adha qachoota gugurdaa dalleenni isaanii ka dhaka'aa haga gubba'aa ol dheeratu, gosa biyya adda addaa ta si caalaa bacattuu fi si caalaa hunna qaddu irraa fudhatiisaaf laga Yordaanosii gamatti hin buuta. 2Kolbaan Aanaaqotaa kolbaa jajjadduu dhedheertu'u. Ati marroo isaanii hin beetta; «Aanaaqota eentu ifi irraa dhooggatiisa dande'a» jedhanuun dhageetteerta. 3Te'uu malee akka ibidda gubuu si'iin dura ka gamatti bu'u Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka te'e adha beeki. Inni isaan hin balleessa; fuula keeti duratti isaan hin injifata. Ati Akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa sii galetti ariitee isaan hin baatta; ariitiille'een isaan hin fixxa.
4Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan si duraa ari'ee baaseen duuba, «Balchummaa tiyyaan akka ani lafa tana qabadhuuf, Mootiin Waan Maraa as na fide» jettee hin yaadatin. Balchummaa teetiinii moti; isaan hamoolee waan te'aneef, inni si duraa ari'ee isaan baase. 5Ati lafa isaaniititti galtee wonni dhaaltuuf, balchummaa teetii fi qajeelummaa teetiin adoo hin te'in, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waan kakate muummessiisaaf, gosa biyya adda addaa tana marroo hammeenna isaaniitiif si duraa ari'ee baasa. 6Ati waan mataa jabaattuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa dansaa tana ka sii kennuuf, balchummaa teetiif akka hin te'in beeki.
7Goomolee keessatti Mootii Waan Maraa Waaqa keeti attam akka aarsite qaabadhu; ijjumaa hin dedhin. Guyyaa biyya Gibxi'iitii baatee jalqaddee, haga guyyaa as geettuutitti Mootii Waan Maraa irratti finqila kaatteerta. 8Gaara Siina'aa irratti, haga isin balleessiisaaf ka'utti Mootii Waan Maraa guddoo mufachiittane. 9Ani dhakaa baxxicha lama, dhakaa baxxicha lama ka gondooroo Mootiin Waan Maraa isin woliin gondooree fuudhiisaaf gara gaaraa yennaa ol baye, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara san irra ture; sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne. 10Mootiin Waan Maraa dhakaa baxxicha lama ka seerri kudhan quba Waaqaatiin irratti barreeffameeru natti kenne. Guyyaa wolde'aa, ajaji Mootiin Waan Maraa gaara irraa, ibidda keessaa isinitti dubbate marti irra jiraayyu. 11Mootiin Waan Maraa dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaa sanitti, dhakaa baxxicha gondooro'oo san natti kenne.
12Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan battootteef, ariifadhuutii gaara kana irraa gad bu'i. Isaan yoosuma waan ani isaan ajaje irraa goranee, waaqota dharaa sibiila irraa baqisiisanee hujataneeran» jedhe.
13Ammalle Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan tun kolbaa mataa jabaattu akka teete ani dhugumaan dhaggeera. 14Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii lafa irraa haxowu na lakkisi; ani isaan caalaa gosa jadduu bacaa si hin godha» jedhe.
15Maarre ani ibiddi gaara irraa adoo bobe'uu, dhakaa baxxicha gondooro'oo lamaan san harka kiyya lamaanitti qabadhee deebi'ee gaara irraa gad bu'e. 16Ani yennaa ilaale, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjaneertanuun dhagge; isin waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin baqisiittanee hujattane. Karaa Mootiin Waan Maraa isin ajaje irraa ariifattanee gortane. 17Tanaaf ani dhakaa baxxicha lamaan san harka kiyya irraa qolaansee isin duratti caccasse. 18Achiin duuba ammalle, isin ila Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu isa aarsu hujiisaan, cubbuu hujjane maraaf, ani sagalee adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama fuula isaa duratti gombifame. 19Mootiin Waan Maraa aaree isin balleessiisaaf waan ka'eef, ani aari'ii fi mufii isaa sodaadhe. Mootiin Waan Maraa ammoo ammalle naaf dhage'e. 20Mootiin Waan Maraa Aaron balleessiisaaf itti aare; ani yennaa san Aaroniif daadimadhe. 21Ani hujii cubbittii teessan, waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin hujjane sanille fuudhee ibiddaan gube. Achiin duuba fakkii san butuchee daakee bulleessee bukuu san bisaan gaara irraa gad bu'utti naqe.
22Isin Tabeera'atti, Maasa'aa fi Qibrot-Hatawaalle'etti Mootii Waan Maraa aarsitane. 23Mootiin Waan Maraa Qaadesh-Barne'aa yennaa isin baase, inni, «Dhaqa'aatii lafa ani isiniif kennu qabadha'a» jedhe. Isin ammoo ajaja isaa irratti finqila kaattane malee, isatti hin addanne yookiin isaaf hin ajajanne. 24Yennaa ani isin beekeen jalqaddanee, isin Mootii Waan Maraa irratti finqiluma kaasiisatti jirtan.
25Mootiin Waan Maraa, «Isin balleessa» waan jedheeruuf, ani fuula Mootii Waan Maraa duratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gombifame. 26Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, «Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta hunna teeti guddo'oo fi irree teeti jaddu'uun wodattee biyya Gibxi'ii keessaa baatte hin balleessin. 27Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob qaabadhu. Mataa-jabeenna, hammeennaa fi cubbuu kolbaa tanaa hin ilaalin. 28Yoo akkas hin te'in, worri Gibxi'ii nu'uun: Mootiin Waan Maraa lafa isaanii waadaa galetti isaan galchuu waan dadhabeef, inni waan isaan jibbeef goomolee keessatti isaan ijjeesiisaaf isaan baase hin jedhan. 29Isaan ammoo qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta ati hunna teeti guddo'oo fi irree teeti diriirsitee biyya Gibxi'ii keessaa baatte» jedhe.

¿Sabías que…?
No por la justicia de Israel
- Moisés advierte a Israel de que su entrada en Canaán no se debe a su propia rectitud moral, calificando al pueblo abiertamente de obstinado o de dura cerviz. La conquista se atribuye más bien a la corrupción de las naciones locales y a la fidelidad divina al pacto jurado a Abraham, Isaac y Jacob.Fuentes: el propio texto bíblico · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
- El pasaje hace referencia a los anaceos, descendientes de Anac conocidos por su gran estatura y fuerza, que habitaban ciudades fuertemente fortificadas en Canaán. Su fama había intimidado con anterioridad a los israelitas ante la perspectiva de entrar en la tierra.Fuentes: el propio texto bíblico · Anak
- Para subrayar el historial de rebelión de Israel, Moisés recuerda el becerro de oro en Horeb, donde rompió las dos tablas de piedra e intercedió por el pueblo y por Aarón. También resalta las continuas crisis en el desierto, incluidos los incidentes en Taberá, Masah y Quibrot-hataava.Fuentes: el propio texto bíblico · Horeb · Aaron · Taberah
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 1
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 7, 12, 26, 29
- Mount Horeb · Hoy: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · versículo 8
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org