Nations Bible

Deuteronomio 5

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Ajajoota Kudhan

1Muuseen kolbaa Israa'elii mara wolitti waamee, «Kolbaa Israa'elii seerataa fi seera akka isin barattanu ani adha isinitti himu kana dhage'a'a. Miidhassa'aa eegadha'a. 2Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu woliin gondooroo gondooreera. 3Inni abbootii teenna woliin adoo hin te'in, nu worra amma as jiru'uun jirru mara woliin gondooreera. 4Mootiin Waan Maraa gaara gubba'atti fuula keessan duratti ibidda keessaa isinitti dubbate. 5Yennaa san isin ibidda sodaattanee, gara gaaraa waan hin bayiniif, ani wodhakkaa teessanii fi Mootii Waan Maraa dhaabbadhee jecha isaa isiniif lallabe.

«Mootiin Waan Maraa, 6‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase.

7«‹Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.

8«‹Waaqota dharaa fakkii waan ol-gubba'aatiin yookiin waan gad lafa irraatiin yookiin waan bisaan keessa lafa jala jiruutiin hin hujatin. 9Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha, cubbuu abbootii na jibbituutiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afurii waan adabuuf, ati waaqota dharaatiif hin sagadin; hin waaqonfatinille'e. 10Worra na jaalatuu fi ajajoota kiyya eegatu kumootaaf jaalala kiyya ka bara baraa isaaniif hin mudhisa.

11«‹Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, ati maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii akkasumaan hin dhowin.

12«‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma si ajaje, guyyaa Sanbataa woyyoonsii eegadhu. 13Guyyaa jaa hujadhu; hujii teeti mara muummessi. 14Guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ati ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf foorfattu. Guyyaa san ati, ilmi keeti yookiin intalti teeti, tajaajilaan keeti ka dhiiraa yookiin tajaajiltuun teeti ta dubarti'ii, qotiyyoon teeti yookiin harreen teeti yookiin horiin keeti marti yookiin ormi qachaa keeti keessa le'u hujii tokkolle hin hujina'a. Tajaajiltooti teetille akkuma keeti foorfatanuu ti. 15Ati biyya Gibxi'iititti garba akka teete, ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hunna guddo'oo fi irree tiyya diriirsee achi keessaa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati guyyaa sanbataa ulfeessitee foorfattu si ajaje.

16«‹Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.

17«‹Hin ijjeesin.

18«‹Hin gaarayyeeffatin.

19«‹Hin hatin.

20«‹Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin.

21«‹Niitii namaa hin kajeelin. Mana namaa, lafa namaa, tajaajilaa namaa, loon namaa, harree namaa yookiin karra namaa mara hin halchin› jedha.

22«Ajajooti Mootiin Waan Maraa qoonqoo guddo'oon gaara Siina'aa gubba'atti ibidda, duumensaa fi dukkana dimma keessaa gumii teessan duudi'itti dubbate isaan kana; inni waan tokkolle itti hin daballe. Achiin duuba inni dhakaa baxxicha lama irratti barreessee natti kenne.

23«Gaara irratti ibiddi bobe'uun, dukkana dimma keessaa qoonqoo yennaa dhageettane, sooreyyiin gosa teessaniitii fi jaarsoleen teessan marti gara kiyya dhuttanee, 24‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna ulfinnaa fi guddinna ifii nutti mudhisee, ibidda keessaa qoonqoo isaa dhageenneerra. Waaqi yoo isatti dubbatelle, nami le'uu akka dande'u nuuti adha dhaggineerra. 25Amma ammoo, ibiddi guddaan kun nu fixa; haganaa achi qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna; nuuti maaf duuna ree? 26Sanyii namaa keessaa eennutti Waaqi jiraataan ibidda keessaa dubbatuun dhage'ee, akka keenna le'uu dande'e jiraa ree? 27Ati itti dhikaadhuutii waan Mootiin Waan Mara Waaqi keenna jedhu mara dhage'i. Achiin duuba waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna sitti himu mara nutti himi. Nuutille dhageennee hin ajajanna› jettane.

28«Mootiin Waan Maraa yennaa isin natti dubbatane dhage'ee, anaan, ‹Waan kolbaan tun siin jette dhage'eera. Wonni isaan jedhane marti dansa'a. 29Hay, isaanii fi ijoollee isaaniitiif, haga bara baraa akka toltu, na sodaatiisaaf ajaja kiyya mara akka eegatanu yennaa mara gadhaa akkasii adoo qabaatanee attam attam dansa'a! 30Dhaqiitii gara dunkaanii ifii akka deebi'anu itti himi. 31Ati ammoo as na bira turi; lafa akka isaan dhaalanuuf ani isaaniif kennu keessatti akka eegatanu akka isaan barsiittuuf ani ajaja, seerataa fi seera kiyya mara sitti hin kenna› jedhe.

32«Maarre waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara eegadha'a; isa irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a. 33Lafa dhaaltanu keessatti jiru'uun akka leetanu, akka isinii toltuu fi bara dheeraa akka leetanu karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara deema'a» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El pacto y los Diez Mandamientos

  • En Deuteronomio, la montaña donde se entregaron el pacto y los mandamientos se denomina Horeb. Horeb se refiere a la cordillera montañosa más amplia de la cual el Sinaí era una cumbre, ubicada junto a una vasta llanura donde los israelitas podían acampar.Fuentes: Horeb · el propio texto bíblico
  • En el relato del mandamiento del sábado en Deuteronomio, el mandato de descansar se vincula de manera explícita con la historia de esclavitud de Israel en Egipto. Debido a que los israelitas habían sido liberados del trabajo forzado, sus siervos, extranjeros y animales de trabajo también debían gozar de pleno descanso en el séptimo día.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Moisés actuó como intermediario entre Dios y el pueblo porque los jefes tribales y los ancianos temían morir si continuaban escuchando la voz divina desde el fuego y la densa oscuridad. Le pidieron a Moisés que se acercara, recibiera los preceptos restantes y los transmitiera a la asamblea.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Mount Horeb · Hoy: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · versículo 2
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 6, 15

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.