Deuteronomio 33
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Muuseen Gosoota Israa'elii Eebbise
1Nami Waaqaa Muuseen adoo hin du'iniin dura eebbi inni Israa'eloota eebbise ta asii gad jiru.
2Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irraa dhufee,
akka aduu ganamaa Se'iir irraa isaaniif baye;
gaara Phaaraanii irralle'ee isaaniif isse;
inni ergantoota ifii kumaatama woliin dhufe;
midda isaatitti ibiddi gabbatu jiraayyu.
3Dhuguma inni kolbaa ifii hin jaalata;
woyyooti marti harka isaa
keessa jiran.
Isaan martinuu miila isaa jalatti hin sagadan;
isa irralle'ee gorsa hin fudhatan.
4Seerri Muuseen kenne kun,
qooda wolde'a Yaaqoobii ti.
5Yennaa sooressitooti kolba'aa
gosa Israa'elii mara woliin wolitti qabamanu,
Mootiin Waan Maraa Yeshuuruun irratti mootii te'e.
6Muuseen marroo gosa Ruubenii dubbatee,
«Gosi Ruubenii le'uu ti malee, hin du'in.
Laakkossi gosa isaa hin diqqaatin» jedhe.
7Marroo Yihuda'aa,
«Ee Mootii Waan Maraa,
iyya gosa Yihuda'aa dhage'i.
Gara kolbaa isaanii isaan fidi!
Harkuma keetiin isaan irraa dhooggi;
yennaa isaan diinota ifii woliin wol lolanu
ati isaan qarqaar» jedhe.
8Marroo gosa Lewwi'ii,
«Uriimii fi Tumiim ta fedhii teeti ittiin beekanu,
woyyoota teeti gosa Lewwi'iitiif kenniteerta.
Ati Maasa'atti haga isaan ilaaltee,
bisaan Mariibaa biratti isaan woliin mormite.
9Isaan si'iif jedhanee
haajaa abba'aa fi haadha ifii lakkisanee,
fira ifiitii fi ijoollee ifii dedhane.
Isaan jecha keetiif ajajamanee,
gondooroo teeti eegataneeran.
10Isaan sirna keeti Yaaqoob
seera keetille Israa'el hin barsiisan.
Isaan hixaana si duratti
kennansa gubamu duudiille
addee ciinca'aa keeti irratti hin dhikeessan.
11Ee Mootii Waan Maraa, hunna isaanii eebbis;
hujii harka isaaniititti gammad.
Worra isaan irratti ka'u dhowi;
diinoti isaanii deebi'anee akka hin kaane
hidha isaanii kuti» jedhe.
12Marroo gosa Beniyaamii,
«Ka Mootiin Waan Maraa jaalatu,
sodaa malee jiraata.
Inni guyyaa mara itti waan gombobuuf,
bobaa isaa jala jiraata» jedhe.
13Marroo gosa Yoseefii,
«Mootiin Waan Maraa
lafa isaanii fixeensa ol gubba'aatiin
bisaan lafa gad fagoo keessa jirulle'een,
14midhaan filatamaa adu'uun geyeen,
ka dansaa yennaa yenna'aan galfatanuun,
15waan hedduu dansaa
gaara durii irraa dhaggamanuun,
waan hedduu dansaa
koobota bara baraa irraa dhaggamanulle'een,
16waan guddoo dansaa latti baattuun,
Mootii Waan Maraa
ka haxanxarii bobeettu keessatti dubbateen
eebbifantuu ti.
Tun marti Yoseefii obboleeyyan ifii keessaa
bulchaa te'eef teetuu ti.
17Arnyi Yoseefii akka korma qara dhalatee ti;
gaafoti isaa akka gaafota gafarsaa ti;
gaafota ifii saniin gosa biyya adda addaa
haga qaccee lafaatitti hin woraana.
Efreem ka akkasii kuma kudhan qaba;
Minaaseelle kuma hedduu qaba» jedhe.
18Marroo gosa Zebuloonii,
«Ee Zebuloon, ati bayiisa teetitti,
ee Yisaakor, atille
dunkaanii teeti keessatti gammadi.
19Isaan gosa hedduu gara gaaraa hin waaman;
achitti kennansa balchumma'aa hin dhikeessan.
Qabeenna abbaaya'aa hin xuuxan;
karra maansa keessatti dhokatelle hin baafatan» jedhe.
20Marroo gosa Gaadii,
«Waaqi lafa Gaadii badhise ka eebbifame;
Isaan akka neenqaa achi le'anee,
harkaa fi mataa hin kukkutan.
21Qoodi sooressumma'aa isaaniif waan kennameef,
lafa laayyoo hin filatan.
Sooreyyiin kolba'aa yennaa wolitti qabamane,
isaan fedha Mootii Waan Maraa qajeela'aa fi
muraa isaa Israa'eliif muummessane» jedhe.
22Marroo gosa Daanii,
«Daan akka ilmoolee neenqaa,
ta Baashaan keessaa utaaltuu ti» jedhe.
23Marroo gosa Niftaalemii,
«Ee Niftaalem isin Mootii Waan Maraatiin
fudhatama guddaa qaddan;
eebba isaatille'een guutantaneertan;
isin lafa haga kibba abbaayaa Galiila'aa
hin qabatan» jedhe.
24Marroo gosa Asheerii,
«Gosi Asheerii gosa dhibii caalaa ta eebbifante.
Obboleeyyan isaanii isaan jaalatanuu ti;
latti isaanii muka ejersaatiin ta tolte teetuu ti.
25Danqaraan karra isaanii
sibiilaa fi sageettuu teetuu ti;
nageenni isaanii bara isaanii woliin qixxawuu ti.
26«Ee Yeshuuruun,
Waaqi akka Waaqa keessanii
ka isin qarqaariisaaf ol-gubbaa irra
duumensa irralle
arnya ifiitiin deemu tokkolle hin jiru.
27Waaqi bara baraa addee isin itti baqattanu;
irreen isaa ta bara baraalle isin utuddi.
Inni diinota keessan isin duraa ari'aa,
‹Isaan balleessa'a› hin jedha.
28Kolbaan Israa'elii qofii ifii
bidhaa malee jiraatti;
sanyiin Yaaqoobiille,
lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii keessa,
addee ol-gubbaan fixeensa gad coccossitu keessa
nageyaan jiraatti.
29Ee kolbaa Israa'elii, isin gammada'a!
Kolbaan akka keessanii
ta Mootiin Waan Maraa baase tam?
Wonte'ee fi qarqaarsi keessan,
shallaagaan keessan ka ulfinnaalle isa;
diinoti keeti si duratti hin hohollatan,
isin isaan irra hin sirbitan» jedhe.

¿Sabías que…?
La Bendición Final de Moisés sobre las Tribus
- El poema comienza con una vívida descripción de Dios manifestándose desde el desierto meridional, mencionando expresamente el Sinaí, Seir y el monte Parán para representar al Señor amaneciendo como el sol sobre su pueblo congregado.Fuentes: el propio texto bíblico · Sinai · Seir · Mount Paran
- La bendición para la tribu de Leví resalta sus deberes sagrados: consultar el Urim y el Tumim, ofrecer incienso y holocaustos en el altar, y enseñar las ordenanzas y la ley de Dios a la asamblea de Israel.Fuentes: el propio texto bíblico · Massah · Meribah (of Horeb)
- La bendición de José anticipa gran fertilidad y poderío militar, mencionando específicamente tanto a Efraín como a Manasés, los dos linajes tribales descendientes de los hijos de José nacidos en Egipto.Fuentes: el propio texto bíblico · Joseph (son of Jacob) · Ephraim · Manasseh (son of Joseph)
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Meribah · Hoy: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · versículo 2
- Meribah · Hoy: within 500 m of Wadi Rufaiyil · 28.623, 33.880 · versículo 8
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 22
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org