Deuteronomio 31
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Iyaasuun Addee Muuse'ee Bu'e
1Achiin duuba Muuseen gad bayee dubbii tana kolbaa Israa'elii maratti dubbatee, 2«Kunoo, ani amma nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; haganaa achi ani isin bulchiisa hin dande'u; Mootiin Waan maraa, ‹Ati laga Yordaanosii gamatti hin buutu› naan jedheera. 3Mootiin Waan Maraa Waaqi keessanuu isiniin dura gamatti hin bu'a; gosa biyya adda addaa tana isin duraa hin balleessa; isinille lafa isaanii hin qabattan; akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Iyaasuun isiniin dura gamatti hin bu'a. 4Mootiin Waan Maraa mootota Amoorotaa Sihoonii fi Oog lafa isaanii woliin akkuma balleesse, isaanille hin balleessa. 5Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san dabarsee isinitti hin kenna; isinille akkuma ani isin ajaje isaan hin gootan. 6Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
7Achiin duuba Muuseen Iyaasuu waamee kolbaa Israa'elii mara duratti, «Ati kolbaa tana woliin gara lafa Mootiin Waan Maraa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatetti waan galtuuf, lafa sanille dhaala isaanii gootee waan isaanii qoodduuf, jabaadhu, jajjabaadhu! 8Mootiin Waan Maraa ifiifuu si'iin dura hin deema; si wolille'een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Ajaja Seera Dubbisiisaaf Kenname
9Muuseen seera kana barreessee, sanyii Lewwi'ii hayyoota saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanuu fi jaarsolee Israa'elii maratti kenne. 10Achiin duuba Muuseen isaan ajajee, «Dhuma woggaa torba torbaatitti, yennaa liqaan namaaf lakkifamuu fi yennaa jila gose'ee ta woggaa wogga'aan jilifantutti, 11kolbaan Israa'elii marti addee inni filatetti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yennaa dhaggantanu, seera kana akka isaan dhage'anuuf isaan mara duratti dubbisa'a. 12Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhage'anee akka isa sodaatiisa baratanu, jecha seera kanaa mara akka dansaa akka eegatanu, kolbaa mara dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi orma qachaa keessan keessa jiranu wolitti qaba'a. 13Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu keessatti bara leetanu mara, ijoolleen isaanii ta seera kana hin beenne, seera kana dhage'anee, Mootii Waan Mara Waaqa keessan sodaatiisa baratuu qaban» jedhe.
Gorsa Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kenne
14Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, guyyaan ati duutu dhikaateera; akka ani isa ajajuuf Iyaasuu waamiitii isa woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaadha'a» jedhe; maarre Muuse'ee fi Iyaasuun dhaqanee gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaatane.
15Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dunkaanii keessatti utubaa duumensaa keessaa mudhate; utubaan duumensaalle seensuma dunkaani'ii dhaabbate. 16Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii bira dhaqaarta; kolbaan tun waaqota ormaa ka biyya itti galanuu hin waaqonfatan; isaan na lakkisanee, gondooroo ani isaan woliin godhe hin diigan. 17Guyyaa san ani isaanitti aaree bobe'ee, isaan hin lakkisa; fuula kiyya isaan duraa hin dhoffadha'a; isaanille hin badan. Badiin guddo'oo fi rakkoon guddoon isaan hin dhaqqaddi. Guyyaa san isaan, ‹Badiin tun Waaqi keenna waan nu woliin hin jirreef nu dhaqqaddee motii ree?› jedhanee hin gaafatan. 18Isaan gara waaqota dhibi'ii deebi'iisaan waan hantuu waan hujaneef, ani guyyaa san fuula kiyya ijjumaa isaan duraa hin dhoffadha.
19«Amma faaruu tana barreeffadhuutii, kolbaa Israa'elii barsiisi; akka isaan irratti naaf dhugaa baatu, isaan akka faarsanu godhi. 20Ani gara lafa aananiitii fi dammaa ta abbootii isaaniitiif kenniisaaf kakadhe sanii yennaa isaan fide, isaan nyaatanee quufanee gabbataneen duuba, ana jibbanee, gondooroo ani isaan woliin godhe diiganee, gara waaqota dhibi'ii deebi'anee isaan waaqonfatane. 21Yennaa badiin guddo'oo fi rakkoon isaan dhaqqaddu, faaruun tun sanyii isaaniitiin waan hin raanfataminiif isaan irratti dhugaa hin baati. Ani gara lafa isaanii kenniisaaf kakadhee san adoo isaan hin fidiniin dura adhalle waan isaan godhiisaaf yaadiisatti jiranu hin beeka» jedhe.
22Maarre Muuseen guyyuma san faaruu san barreessee Israa'eloota barsiise.
23Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Iyaasuu ilma Nunii ajajee, «Ati Israa'eloota gara lafa ani isaanii kenniisaaf kakadhetti waan galchituuf, jabaadhu; jajjabaadhu; ani si woliin jira» jedhe.
24Muuseen jecha seeraa kana jalqabaa haga dhumaatitti kitaabatti barreessee fixeen duuba, 25Lewwoota saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanu ajajee, 26«Kitaaba seeraa kana fuudhiitii, achitti akka isin irratti dhugaa bawu, saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii bira keyi. 27Isin finqiltootaa fi worra mataa jabaatu akka teetane ani hin beeka. Kunoo ani adha adoo jiru'uun isin woliin jiruu, eega Mootii Waan Maraa finqiltanee, du'a tiyyaan duuba fa'a irra caalaa attam attam finqiltan ree! 28Ani jecha kana akka isaan dhage'anuuf akka isaanitti dubbadhu, ol-gubba'aa fi lafa isaan irratti dhugaa baatota godhee akka waamu, jaarsolee gosa teessaniitii fi qondaaltota teessan mara na duratti wolitti naa qaba'a. 29Ani du'een duuba akka isin ijjumaa battoottanee, karaa ani isin ajaje irraa gortanu ani hin beeka. Isin fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu waan hujjanuuf, hujii harka keessaniitille'een waan isa aarsitanuuf, baroota dhufanu keessatti badiin isinitti hin dhutti» jedhe.
Faaruu Muuse'ee
30Achiin duuba Muuseen jecha faaruu tanaa jalqabaa haga dhumaatitti, wolde'a kolbaa Israa'elii duudi'iif dubbisee,

¿Sabías que…?
La transición del liderazgo y la Ley
- A los 120 años de edad, Moisés anunció que no podría cruzar el río Jordán y presentó públicamente a Josué, hijo de Nun, como su sucesor para guiar al pueblo hacia la tierra prometida.Fuentes: Moses · Joshua · Nun · el propio texto bíblico
- Moisés ordenó que cada siete años, durante el año de remisión de deudas en la Fiesta de los Tabernáculos, se leyera toda la ley en voz alta ante todos los hombres, mujeres, niños y extranjeros.Fuentes: el propio texto bíblico
- Tras completar el texto escrito de la ley, Moisés instruyó a los sacerdotes levitas que transportaban el Arca del Pacto a colocar el rollo junto al arca como testimonio permanente.Fuentes: Levi (patriarch) · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org