Deuteronomio 23
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Worra Wolde'a Irraa Dhooggame
1Nami nafa hilaa tumame yookiin nami yakkatame wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
2Nami baanaa dhalate, sanyiin isaalle, haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
3Amoonoti yookiin Mo'aaboti, sanyii isaanii keessalle'ee nami tokkolle haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin. 4Sababille isaan yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, midhaanii fi bisaan karaa irratti isinii hin dhikeessine. Ilmi Be'orii Bala'aam akka isin abaaruuf qachaa Mesophotaamiya'aa Phetor keessaa isinitti bitame. 5Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan si jaalateef, Bala'aamiif hin dhageenne; inni abaarsa isaa san gara eebbaa isinii jijjiire. 6Bara jiruu teetii mara nageyaa fi qananummaa, isaaniif hin halchin.
7Worri Edoomii fira keeti waan te'aneef, isaan hin jibbin. Biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetee waan leeteef, worra Gibxi'ii hin jibbin. 8Sanyiin isaanii dhalooti sadeesso'oo wolde'a Mootii Waan Maraatitti dabalantuu ti.
Qulqullummaa Quttuma Loltootaa Eeguu
9Diina keeti loliisaaf addee quttumaa keessa yennaa jirtu, waan battii mara irraa ifi eegadhu. 10Isin keessaa nama tokko halkan nafa hilaa isaa keessaa yoo woy dhangala'e, addee quttumaa san keessaa bayee achi turuu ti. 11Gara galgalaa nafa ifii dhiqatee, yennaa aduun seentu gara addee quttumaa deebi'uu ti.
12Addee faalowaa, addee quttumaatiin alatti qopheeffadhu. 13Yennaa faalottu, boolla ittiin qottee faalowa keetitti biyyee akka ittiin deebittu, meya keeti woliin qottoo qabadhu. 14Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, si eegiisaa fi diinota keeti harka keetitti dabarsee kenniisaaf, addee quttuma loltoota teetii keessa waan deddeebi'uuf, waan battii odduu teetitti dhaggee si irraa akka hin deebine, addee quttumaa teeti woyyoonsi.
Seera Adda Addaa
15Garbichi tokko goottaa ifii duraa gara keeti yoo baqate, goottaa isaatitti deebittee isa hin kennin. 16Inni qachoota keeti keessaa ka filate keessa si woliin le'uu ti malee, isa hin rakkisin.
17Israa'eloota keessaa dubartiin yookiin dhiirti tokkolle worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu hin te'in. 18Mootiin Waan Maraa worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu waan jibbuuf, beesee waan kana irraa dhaggante, kennansa waadaa galane tokkolle muummessiisaaf, gara Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keetii hin fidin.
19Obboleessa keeti Israa'elichaaf beesee yookiin sagalee yookiin waan dhibiille dhalaan hin liqeessin. 20Ormaaf dhalaan liqeessuu hin dandeetta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaltu keessatti, waan ati hujju maraan akka si eebbisuuf, obboleessa keetiif dhalaan hin liqeessin.
21Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif waadaa yoo galte, inni dhugumaan si irraa waan barbaaduuf, cubbuu akka sitti hin teene, kenniisaaf hin turin. 22Yoo waadaa galuu dhadde ammoo, cubbuu sitti hin teetu. 23Te'uu malee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif fedha keetiin waadaa waan galteef, waan afaan keetiin dubbatte muummessiisaaf ifi eeggadhu.
24Oorruu woynii nama tokkoo keessa yennaa dabartu, haga feete nyaadhu malee, midhaan woyni'ii tokkolle subba keeti keessa hin keyatin. 25Fichaa nama tokkoo keessa yennaa dabartu, midhaan irraa saxii nyaadhu malee, haantu'uun hin haammatin.

¿Sabías que…?
Pureza de la Comunidad y Leyes Sociales
- Amonitas y moabitas fueron excluidos de la asamblea porque negaron pan y agua y contrataron a Balaam hijo de Beor contra Israel. Balaam procedía de Petor en Aram-naharaim (Mesopotamia), una región entre los ríos Tigris y Éufrates donde Petor se identifica con el antiguo enclave de Pitru.Fuentes: el propio texto bíblico · Balaam · Pethor · Mesopotamia
- En contraste con la exclusión de Amón y Moab, se ordenó a los israelitas no aborrecer a los edomitas, a quienes consideraban hermanos, ni a los egipcios, en cuya tierra vivieron como forasteros. Los descendientes de la tercera generación de ambos grupos podían entrar en la asamblea del Señor.Fuentes: el propio texto bíblico · Egypt
- El capítulo establece protecciones sociales y militares singulares, como dar asilo a los esclavos fugitivos en lugar de devolverlos a sus amos. También permitía a los viajeros hambrientos comer uvas o arrancar espigas con la mano en el campo ajeno, siempre que no usaran recipientes ni hoces.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 4
- Mesopotamia · Hoy: Aram-naharaim · 36.864, 39.033 · versículo 4
- Pethor · Hoy: Til Barsip · 36.701, 38.087 · versículo 4
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org