Nations Bible

Colosenses 3

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Jiruu Haareya Kiristoosiin

1Yoona eega Kiristoos woliin du'aa kaatane, waan ol-gubbaa addee Kiristoos midda Waaqaatitti tee'eeru jiru barbaada'a! 2Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha'a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina'a. 3Isin duutaneertan; jiruun teessanille Kiristoos woliin Waaqa keessa dhokatteerti. 4Kiristoosiin jiruu nuuf te'e yennaa mudhatu, isinille isa woliin ulfinnaan hin mudhattan.

5Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a. 6Sababa waan kanaatiif worra hin ajajanne irratti mufiin Waaqaa hin dhutti. 7Isinille yennaa worra waan akkasii huju odduu leetanu san waan kana tolchaa turtane.

8Amma ammoo; mufii, aarii, jallu'uu fi maqaa wolii balleessuu mara ifi irraa balleessa'a; dubbiin nama fokkisiittulle afaan keessan keessaa hin bayin. 9Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina'a. 10Namummaa haareyalle uffattaneertan; isiille ta akka guutuma guutu'utti isa beettanuuf, Waaqi isii dade fakkeenna ifiititti haaressiisatti jiru. 11Akka kanaan worra Giriikootaatii fi worra Yihudootaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira.

12Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a. 13Wol dande'a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama'a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama'a. 14Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju'uun wolitti hidhu uffadha'a. 15Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te'a. 16Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le'uu ti; qarooma duudi'iin wol barsiisa'a, wol gorsa'a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti'iin Waaqa gadha'aan galateeffataa faarsa'a. 17Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji'iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha'a.

Seera Le'ii Maatii Kiristaanaa

18Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te'eef abbootii manaa keessaniif ajajama'a.

19Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha'a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te'ina'a.

20Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te'eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama'aatii, waan isaan jedhanu mara godha'a.

21Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina'a.

22Worri garbooma jala jirtanu! Goottolee teessan ta lafaatiif waan maraan ajajama'a; ila isaanii duraa fi isaan gammachiisuu qofaaf adoo hin te'in, Goottaa sodaatiisaa fi gadhaa qajeela'aan isaaniif ajajama'a. 23Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te'in, akka waan Gootta'aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha'a. 24Sababille Goottaan dhaala ol-gubba'aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos. 25Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Vida nueva en un solo cuerpo y en el hogar

  • Este capítulo presenta la vida transformada como un cambio de ropa. Se afirma que los lectores se han despojado del viejo hombre con sus prácticas y se han revestido del nuevo hombre, que se va renovando en conocimiento a imagen de su Creador. Luego se les pide que se vistan de un corazón compasivo, de bondad, humildad, mansedumbre y paciencia, y que por encima de todas estas virtudes se revistan de amor, vínculo de la perfecta unidad.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo enumera griego y judío, circunciso e incircunciso, bárbaro, escita, esclavo y libre, y declara que aquí no permanece ninguna de esas distinciones, porque Cristo es todo y está en todos.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo pasa luego a dar instrucciones para las relaciones del hogar: esposas y esposos, hijos y padres, y esclavos y sus amos terrenales. Se advierte a los padres que no provoquen a sus hijos, para que no se desalienten. A los esclavos se les dice que obedezcan con sinceridad de corazón, no solo mientras los observan, y que trabajen con todo su ser para el Señor y no para los hombres, con la promesa de una herencia de parte del Señor como recompensa; quien hace el mal recibirá el pago de lo que hizo, y no hay favoritismo.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.