Nations Bible

Hechos 2

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Bu'iisa Ayyaana Woyyicha

1Jilti guyyaa shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. 2Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. 3Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e. 4Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.

5Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. 6Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. 7Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? 8Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? 9Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, 10Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, 11worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane. 12Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu'u?» jedhaa wol gagaafatane.

13Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyni'ii untee machootteerti!» jedhaa itti murge.

Dubbii Pheexroos Dubbate

14Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, «Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a. 15Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. 16Tun ammoo afaan raagicha Yo'eliitiin,

17«‹Guyyaa muumme'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:

nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.

Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;

dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,

Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.

18Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane

ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu,

Ayyaana kiyya hin buusa;

isaanille raaga hin dubbatan.

19Ani ol-gubba'atti baasa,

gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa;

Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.

20Guyyaan Gootta'aa guddichii fi

ulfaataan adoo hin dhufin dura,

aduun hin dukkanti;

jiinille diimaa akka dhiigaa te'a.

21Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya› jedhe.

22«Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti. 23Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane. 24Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne. 25Daawiti marroo isaatiif,

«‹Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga;

Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.

26Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera;

arrabi kiyyalle gammadaan guutameera.

Akkasuma nafi kiyya du'aan

addi'iin jiraata.

27Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu;

ati garbicha addatamaa keeti,

addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.

28Ati karaa jiru'uu natti mudhitteerta;

Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› jedha.

29«Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. 30Daawiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekeera. 31Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera. 32Waaqi Yesuusii kana du'aa kaaseera; nuuti duudiille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. 33Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. 34Daawiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu,

«‹Goottaan Goottaa kiyyaan,

haga ani diinota keeti ijjata miila keeti jala godhutti,

asi maddii midda kiyyaatitti tee'i› jedhee dubbateera.

36«Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe.

37Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette. 38Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan. 39Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef» jedhee deebise.

40Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a» jedhe gorse. 41Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. 42Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.

Jireenna Dhugeeffattootaa

43Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane. 44Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane. 45Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. 46Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa, 47Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El Espíritu viene en Pentecostés

  • Judíos temerosos de Dios, de todas las naciones bajo el cielo, ya vivían en Jerusalén cuando un sonido como el de un viento fuerte e impetuoso vino del cielo y llenó la casa, y los que hablaban comenzaron a proclamar las maravillas de Dios en otras lenguas. En este capítulo, “Asia” es la provincia romana de Asia Proconsular, en la parte occidental de Asia Menor, cuya capital era Éfeso, y no el continente de ese nombre. El Ponto, a lo largo de la costa sur del mar Euxino, era una provincia romana en tiempos de los apóstoles y un lugar frecuentado por muchos judíos de la Dispersión; Capadocia era la provincia más oriental y la más grande de Asia Menor.Fuentes: el propio texto bíblico · Asia · Pontus · Cappadocia
  • La multitud quedó asombrada de que los que hablaban fueran galileos. Quien se puso en pie con los Once y les habló fue Simón Pedro, llamado antes Simón —es decir, Simeón, que significa “oír”—, un pescador de Betsaida, en la costa occidental del mar de Galilea, a quien su hermano menor, Andrés, llevó primero a Jesús.Fuentes: el propio texto bíblico · Simon Peter
  • Pedro dijo que aquello era lo que había hablado el profeta Joel. Joel, el segundo de los doce profetas menores, era hijo de Petuel, y su historia personal solo se conoce por su libro. Pedro también citó a David, el octavo y el menor de los hijos de Isaí, de Belén, y dijo a la multitud que ese patriarca había muerto y había sido sepultado, y que su sepulcro aún estaba con ellos en Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Joel · David

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 5, 14
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 7
  • Asia · 38.400, 28.300 · versículo 9
  • Cappadocia · 38.671, 34.839 · versículo 9
  • Judea · Hoy: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículos 9, 14
  • Mesopotamia · Hoy: Aram-naharaim · 36.864, 39.033 · versículo 9
  • Pontus · 40.680, 37.830 · versículo 9
  • Cyrene · 32.821, 21.851 · versículo 10
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 10
  • Libya · 32.821, 21.851 · versículo 10
  • Pamphylia · 37.000, 31.000 · versículo 10
  • Phrygia · 39.000, 31.000 · versículo 10
  • Rome · 41.892, 12.485 · versículo 10
  • Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 22

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.