Hechos 19
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Phawuloos Efesoon Keessatti
1Apholoos Qorontoos keessa adoo jiruu, Phawuloos biyya koobittii olii keessa dabaree, gara Efesoonii dhufe; achitti dhugeeffattoota garii dhaggee, 2«Isin yennaa dhugeeffattane Ayyaana Woyyicha fudhattaneertanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaan deebisanee «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyichi jiruuyyu nuuti hin dhageenne» jedhane.
3Phawuloos, «Maarre cuuphaa attamii fudhattane ree?» jedhe.
Isaan deebisanee, «Cuuphaa Yohaannisii ti» jedhane. 4Phawuloos, «Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera» jedhe. 5Isaan yennaa tana dhage'ane, maqaa Goottaa Yesuusiitiin cuuphamane. 6Yennaa Phawuloos harka ifii isaan irra keye, Ayyaanni Woyyichi isaan irra bu'e; isaan afaan haareya hin beekkanneen dubbatanee, raagalle raagane. 7Isaan wolumatti gara nama kudhanii lamaa ti.
8Phawuloos gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, sodaa malee haga ji'a sadii kolbaa woliin dubbatee, marroo mootummaa Waaqaa isaan hubachiisaa ture. 9Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture. 10Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane.
Ilmaan Iskoyaasii
11Waaqi bilbaasa te'ee hin beenne karaa Phawuloosiitiin hujiisatti jiraayyu. 12Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi hoccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye. 13Yihudooti asii fi achi deddeemaa ayyaanota hamaa namoota keessaa baasanu, «Maqaa Yesuusii Phawuloos lallabuutiin akka baatanu isin ajanya» jedhaa, ayyaanota san baasiisaaf wodhaanane. 14Ilmaan Iskoyaasii hayyicha Guddaa Yihudootaa torba tana godhaa turte.
15Ayyaanni hamaan ammoo, «Ani Yesuus hin beeka; Phawuloosille hin beeka; isin ammoo eennu?» isaaniin jedhe.
16Namichi ayyaanni hamaan qabeeru isaanitti utaalee, isaan duudii injifate; isaanille mammadowanee woyaan irraa tarsaateertuun mana sanii baqatane. 17Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate. 18Dhugeeffattoota keessaa worri hedduun dhufanee, cubbuu ifii mudhi'itti himatane. 19Worri Xanoo huju hedduun kitaabota ifii wolitti qabanee, kolbaa duratti gubane. Gatiin kitaabota sanii hedaan gara meetii kuma shantamaa hin geya. 20Karaa hunnaamessa kanaan dubbiin Gootta'aa badhataa, guddataa deente.
Hogaa Efesoon Keessatti Ka'e
21Wonni kun marti teeteen duuba, Phawuloos biyya Maqedooniya'aatii fi Akaaya'aa keessa dabaree, gara Yerusaalemii dhaqiisaaf murteeffate; inni, «Ani achi dhaqeen duuba, biyya Rooma'aalle ilaaluu qaba» jedhe. 22Maarre inni qarqaartota ifii keessaa lamaan Ximootewoosii fi Eraasxoos gara Maqedooniya'aa ergee, inni haga diqqaa lafa Asiya'aa keessa ture.
23Yennaa san qachaa Efesoonii keessatti sababa karaa Gootta'aatiif hogaan guddaan ka'e. 24Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexroos jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture. 25Maarre inni worra meetii baqisiisuu fi worra akkuma isaanii hujulle wolitti qabee, «Jarana, nuuti karra ka dhaggannu hujii tanaan akka teete hin beettan. 26Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan. 27Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqittii gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara» isaaniin jedhe.
28Isaan yennaa tana dhage'ane guddoo aaranee, «Arxemiisiin worra Efesoonii gudditti'i!» jedhaa iyyane. 29Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane. 30Phawuloos gumii dura bayee dhaabbatiisaaf barbaadee, dhugeeffattooti ammoo isa dhooggite. 31Bulchitooti lafa Asiya'aa gariin ka lansa Phawuloosii te'ane, akka inni addee tapha itti mudhisanuu hin dhandhe, itti erganee kadhatane. 32Gumii wodhakka'atti hogaan guddaan waan jiruuf, tokko waan tokko jedhaa yoo hogisu, kuun waan dhibii jedhaa hogisaaraayyu; hedduun isaaniille maaf akka wolitti qabamane hin beekanuuyyu. 33Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophowe. 34Isaan ammoo akka inni Yihudii te'e yennaa beekane, «Arxemiisiin Efesoonii gudditti'ii» jedhaa isaan martinuu haga saatii lama iyyane.
35Barreessaan qachaa sanii gumii cadhisiisee, «Worra Efesoonii! Worri qachaa Efesoonii galma Arxemiisii gudditti'iitii fi fakkii dhakaa isi'ii ka ol-gubba'aa bu'e akka eeganu, nami hin beenne jiraa? 36Waan kana nami mormu tokkolle waan hin jirreef, cadhisa'a malee waan tokkolle godhiisaaf hin jajjarina'a. 37Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshessin as fiddaneertan. 38Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti. 39Tana malee, wonni isin barbaaddanu yoo jiraatte ammoo, kora mura'aa ka qacha'aatiin ilaallama. 40Waan adha te'e kanaaf, hogaa kaattaneertan jedhannee himatamuu hin dhannu; hogaan kun sababa maaniitiin ka'e jedhane yoo nu gaafatane, waan deebinnu hin qannu» jedhe. 41Tana dubbateen duuba, wol geyin akka deentu godhe.

¿Sabías que…?
Pablo, el Camino y Artemisa en Éfeso
- Éfeso era la capital del Asia proconsular, la provincia romana que abarcaba la parte occidental de Asia Menor, y en tiempos romanos llevaba el título de primera y más grande metrópoli de Asia. La ciudad se distinguía por el templo de Artemisa, a quien los romanos llamaban Diana, construido fuera de las murallas y contado entre las siete maravillas del mundo antiguo. En el centro había una imagen antigua de la diosa, de la que se decía que había caído del cielo.Fuentes: Ephesus · Diana · Asia
- Demetrio, un platero de Éfeso, hacía santuarios de plata de Artemisa, modelos del templo o de la estatua de la diosa, que se vendían con facilidad a los visitantes llegados de toda Asia Menor. Hechos dice que ese oficio era la fuente de prosperidad de los artesanos y que Demetrio les advirtió del peligro para el negocio y para el honor del templo de Artemisa, la diosa que, según él, era adorada en toda la provincia de Asia y en el mundo entero.Fuentes: Demetrius · el propio texto bíblico
- La multitud se lanzó al teatro de Éfeso, que el Diccionario Bíblico de Easton (1897) describe como el más grande del mundo, a cielo abierto y capaz de albergar a 50.000 espectadores. Amigos de Pablo entre los jefes de Asia, ciudadanos ricos elegidos cada año para presidir los juegos y las fiestas religiosas de sus ciudades, le rogaron que no entrara. El secretario de la ciudad recordó entonces a la asamblea que Éfeso era guardiana del templo de la gran Artemisa y de su imagen, de la que se decía que había caído del cielo.Fuentes: Ephesus · Asia · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Corinth · 37.906, 22.879 · versículo 1
- Ephesus · 37.939, 27.341 · versículos 1, 17, 23, 26, 35
- Asia · 38.400, 28.300 · versículos 10, 22, 26, 27, 31
- Achaia · 38.720, 22.540 · versículo 21
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 21
- Macedonia · 41.600, 22.540 · versículos 21, 22, 29
- Rome · 41.892, 12.485 · versículos 21, 40
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org