Hechos 17
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Phawuloosii Fi Siilaas Tasalonqe'etti
1Phawuloosii fi siilaas qachoota Amfiipholiisiitii fi Apholoniya'aa keessa dabaranee, gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqane; achi manni waaqonfannaa Yihudootaa jiraayyu. 2Phawuloos akkuma yennaa mara godhu mana waaqonfannaa Yihudootaa seenee, Sanbata sad marroo Barreeffama Woyyichaa isaan woliin dubbate; 3inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaneessee, «Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihii» jedhe. 4Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane.
5Yihudooti ammoo isa hinaafanee, namoota hujii malee karaa irra yaa'anu wolitti qabanee, hammeessanee, nageya booressane; isaan qachaa san duudii raasanee, Phawuloosii fi Siilaas kolbaa duratti gad baasiisaaf mana namicha Yaason jedhamuu cassane. 6Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, «Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa keennaalle dhufeera. 7Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‹Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira› jedhaa, seera mooticha mootota worra Rooma'aa morman» jedhaa iyyane. 8Gumi'ii fi bulchitooti qachaa sanii waan kana yennaa dhage'ane raafamane. 9Worri bulchitootaa Yaasonii fi worra isa woliin jiranu wobii waansisanee gad lakkisane.
Phawuloosii Fi Siilaas Beriya'atti
10Halkanuma san dhugeeffattooti, Phawuloosii fi Siilaas gara qachaa Beeriya'aa ergane. Isaan yennaa achi geyane mana waaqonfannaa Yihudootaa dhaqane. 11Yihudooti Berii'a jiranu worra Tasalonqe'ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane. 12Isaan keessaa worri hedduun, Giriikoota keessalle'ee dubartooti beekkamanee fi dhiirti hedduun dhugeeffatane. 13Yihudooti Tasalonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane. 14Yoosuma dhugeeffattooti Phawuloos gara irga abbaaya'aa ergane; Siilaasii fi Ximootewoos ammoo qachuma Beriya'aatitti hafane. 15Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, «Siilaasii fi Ximootewoos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti» jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane.
Phawuloos Ateena'atti Lallabe
16Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaasii fi Ximootewoos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate. 17Maarre inni Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti Yihudootaa fi Giriikoota Waaqa waaqonfatanu, worra addee dikko'ootitti dhaggu wolille'een dudubbate. 18Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falmane; gariin, «Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?» jennaan,
Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, «Inni marroo waaqota ormaa dubbataara fakkaata» jedhane. 19Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratti wolitti qabamu dura geessanee, «Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa? 20Wonni ati jettuun dhageenne gariin haareya nutti teeteerti. Tanaaf wonni kun maan akka teete beekuu barbaanna» jedhaneen. 21Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yennaa ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu. 22Phawuloos kora mura'aa ka gaara Aariyophaagosii dura dhaabbatee, «Worra Ateena'aa, isin karaa maraanuu namoota dhugeeffanna'aa akka teetane dhaggeera. 23Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqonfattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‹Waaqa hin beekkanneef› jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqonfattanu kana, isinitti lallaba. 24Waaqi biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara dade, Goottaan ol-gubba'aatii fi lafaa, galma harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u. 25Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan te'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu. 26Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe. 27Waaqi akka namooti isa barbaadanee qorqoranee, akka dhagganuuf tana godhe. Te'uu malee Waaqi tokko tokkoo keenna irraa fagoo hin jiru. 28Nuuti isaan jiruu dhagganna; isaan tachoona; isaan leena. Isin keessaa worri weeddisu akkuma jedhu, ‹Nuutille ijoollee isaa ti›.
29«Nuuti eega ijoollee Waaqaa teene ‹Waaqi fakkii worqii irraa yookiin meetii irraa yookiin dhakaa irraa hojjatame fakkaata› jennee yaaduu hin qannu. 30Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja. 31Inni karaa nama filateetiin, biyya lafaa maratti guyyaa itti muru murteesseera; nama filate san du'aa kaasiisaan, waan kana nama maraaf mirkaneesseera» jedhe. 32Phawuloos marroo du'aa ka'iisaa dubbatuun yennaa dhage'ane, worri gariin itti murge; worri dhibiin ammoo, «Nuuti marroo waan kanaa ammalle si irraa hin dhageenna» jedhane. 33Yennaa san Phawuloos kora mura'aa lakkisee deeme. 34Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora mura'aa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran.

¿Sabías que…?
De la sinagoga al Areópago
- Tesalónica era una ciudad grande y populosa a orillas del golfo Termaico, capital de uno de los cuatro distritos romanos de Macedonia, gobernada por un pretor. Jasón hospedó allí a Pablo y a Silas; una multitud allanó su casa y, al no hallar a los dos, arrastraron a Jasón y a otros hermanos ante las autoridades de la ciudad. Los acusaron de acoger a hombres que desafiaban los decretos del César y hablaban de otro rey, Jesús, y las autoridades solo los soltaron después de tomar fianza.Fuentes: Thessalonica · Jason · el propio texto bíblico
- Atenas, capital del Ática, era celebrada como sede de la literatura y el arte griegos, y sus habitantes eran aficionados a la novedad y notables por su celo en el culto a los dioses. Un satírico romano decía que era más fácil encontrar un dios en Atenas que un hombre. El Areópago, una colina rocosa al noroeste de la Acrópolis, era el lugar donde funcionaban el tribunal supremo ateniense y el tribunal de las costumbres, y Pablo pronunció el discurso de este capítulo desde algún punto de esa colina.Fuentes: Athens · Areopagus · el propio texto bíblico
- Pablo y Silas llegaron a Tesalónica solo después de pasar por Anfípolis, ciudad macedonia y gran estación militar romana, a treinta y tres millas romanas de Filipos, y por Apolonia, a unas treinta y seis millas de Tesalónica. Cuando los disturbios los siguieron hasta Berea, otra ciudad de Macedonia, los hermanos enviaron a Pablo a la costa, y quienes lo escoltaron lo llevaron hasta Atenas. Silas y Timoteo se quedaron en Berea, con la instrucción de reunirse con Pablo tan pronto como pudieran.Fuentes: Amphipolis · Apollonia · Berea · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Amphipolis · 40.820, 23.847 · versículo 1
- Apollonia · 40.624, 23.470 · versículo 1
- Thessalonica · Hoy: Thessaloniki · 40.638, 22.946 · versículos 1, 11, 13
- Berea · Hoy: Veria · 40.518, 22.200 · versículos 10, 11, 13, 14, 15
- Athens · 37.972, 23.727 · versículos 15, 16, 21, 22
- Areopagus · 37.972, 23.724 · versículos 19, 22, 33
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org