2 Samuel 9
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Daawitii Fi Mefii-Bosheet
1Daawiti, «Marroo Yonaataaniitiif jedhee ka ani waan dansaa godhuufii dande'u, sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiraataa laati?» jedhee gaafate.
2Maatii Saa'olii keessa tajaajilaan, «Ziibaa» jedhamu tokko waan jiruuf, akka inni gara Daawitii dhaqu isa waamane; mootichille, nami «Ziibaa» jedhamu si'ii? jedhee isa gaafate.
Innille, «Eeti'i ana tajaajilaa keeti» jedhee deebise.
3Mootichi, «Arjummaa Waaqaa akka ani itti mudhisuuf sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiruu?» jedhee gaafate;
Ziibaan deebisee, «Ilmi Yonaataanii ka miila naafateeru tokko jira» jedhe.
4Mootichille, «Inni amma eessa jira?» jedhee gaafate.
Ziibaan deebisee, «Inni qachaa, ‹Lodebaar› jedhamu keessa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessa jira» jedhe. 5Maarre mootichi Daawiti qachaa, «Lodebaar» jedhamu keessaa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessaa Mefii-Bosheet akka fidanu godhe.
6Akaakoon Saa'olii ilmi Yonaataanii Mefii-Bosheet gara Daawitii dhufee, ulfinna isaatiif gad lafatti gombifamee nageya fuudhe; Daawitille, «Mefii-Bosheet» jedhee waame; innille, «Kunoo ani tajaajilaan keeti» jedheen.
7Daawiti deebisee, «Hin sodaatin! Marroo abbaa keetii Yonaataaniitiif jedhee ani dhugumaan si'iif waan dansaa hin godha; lafa akaakoo keeti Saa'olii mara si'iif hin deebisa; yennaa mara qorii tiyya keessaa hin nyaatta» jedheen.
8Mefii-Bosheet gad lafatti gombifamee, «Ana nama akka saree duuteetitti laakkowamuuf, ta ati waan dansaa akkasii gootuuf, ani tajaajilaan keeti eennu inni?» jedhe.
9Achiin duuba mootichi tajaajilaa Saa'olii Ziibaa waamee, «Ani waan qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa te'e mara Mefii-Bosheetii akkaakoo goottaa keetii Saa'oliitiif kenneera. 10Ati, ilmaan teetii fi tajaajiltooti teeti akaakoon goottaa keetii waan nyaatu akka dhaggatu lafa isaaf qota'aatii midhaan isaaf galcha'a! Akaakoon goottaa keetii Mefii-Bosheet ammoo yennaa mara qorii tiyya keessaa nyaata» jedhe; Ziibaan ilmaan kudhanii shanii fi tajaajiltoota diddama qabaayyu.
11Achiin duuba Ziibaan mootichaan, «Waan goottaan kiyya mootichi tajaajilaa ifii ajaje mara, ani tajaajilaan keeti hin huja» jedhe; maarre Mefii-Besheet akkuma ilmaan mootichaa qorii Daawitii keessaa nyaataayyu. 12Mefii-Bosheet ilma dargaggeessa, «Miikaa» jedhamu tokko qabaayyu; namooti maatii Ziibaa keessa jiranu marti tajaajiltoota Mefii-Bosheetii te'ane. 13Mefii-Bosheet yennaa mara qorii mootichaa keessaa waan nyaatuuf, Yerusaalem keessa le'aayyu; inni miila lamaanuu naafa.
¿Sabías que…?
La bondad de David hacia Mefi-boset
- Mefi-boset era hijo de Jonatán y nieto de Saúl. Cuando Saúl y Jonatán murieron en el monte Gilboa, la nodriza de Mefi-boset huyó con prisa llevando al niño de cinco años; ella tropezó, y la caída lo dejó lisiado de ambos pies. Fue llevado a Galaad, donde Maquir hijo de Amiel lo acogió y crio en Lo-debar.Fuentes: Mephibosheth · Machir · el propio texto bíblico
- Motivado por su entrañable amistad con Jonatán, David restituyó todas las tierras ancestrales de Saúl a Mefi-boset y lo invitó a comer continuamente a la mesa real en Jerusalén. Para administrar la propiedad, David asignó a Siba, antiguo siervo de Saúl, junto con sus quince hijos y veinte siervos, para cultivar la tierra para Mefi-boset.Fuentes: Jonathan · Ziba · el propio texto bíblico
- Lo-debar era un poblado en Galaad, situado al norte del río Jaboc, cuyo nombre significa literalmente "sin pasto". Maquir hijo de Amiel, quien dio refugio a Mefi-boset allí, más tarde también brindaría albergue y provisiones esenciales al propio David cuando el rey tuvo que huir.Fuentes: Lo-debar · Machir · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 13
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org