2 Samuel 4
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ish-bosheet Ijjeefame
1Abneer qachaa Kebroonii keessatti akka ijjeefame ilmi Saa'olii Ish-bosheet yennaa dhage'e, nayee harki irraa bu'e; kolbaan Israa'eliille martinuu guddoo rifatte. 2Ilmi Saa'olii Ish-bosheet ajajjoota loltootaa namootaa lama qabaayyu; maqaan tokkoo Ba'ana'a, ta kaanii Rekaab; isaan gosa Beniyaaminii keessaa ilmaan Rimoonii nama qachaa Berootii ti; Berooti kutaa Beniyaaminiititti laakkowanti. 3Kolbaan Berootii gara Giitaayimii baqattee haga adhaa alagaa teetee achi leeti.
4Ilmi Saa'olii Yonaataan ilma miila lamaanuu laashowe tokko qabaayyu; yennaa Saa'olii fi Yonaataan ijjeefamanu inni nama woggaa shanii ti; oduun isaan ijjeefamane Yizre'el keessatti yennaa dhage'antu ta isa guddittu isa ba'attee ariiti'iin adoo baqattuu inni isii irraa bu'ee laashowe. Maqaan isaalle Mefii-Boshet.
5Ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi Ba'anaan gara mana Ish-Bosheetii dhaqiisaaf ka'anee, inni saafowa foorfatiisaaf taqee irraa irkatee adoo jiruu, yennaa aduun o'itu san achi geyane; 6akka nama qamadii barbaadataaruu gara manaa seenanee gadhaa isaa woraanane; achiin duuba Rekaabii fi obboleessi isaa Ba'anaan laana bayanee deemane. 7Isaan Ish-bosheet kolloo ifii keessa taqee irraa adoo irkatee jiruu seenane; isaan isa woraananee ijjeesaneen duuba mataa isaa muranee fudhatanee halkan guutuu karaa Arabaayii deemane. 8Mataa Ish-Bosheetii san Kebroonitti gara Daawitii mootichaa fidanee, «Mataan diina keeti Ish-Bosheetii ilma Saa'olii ka si ijjeesiisaaf barbaadee kunoo ti; guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa si goottaa mooticha keennaaf, Saa'olii fi sanyii isaatiifille haluu bayeera» jedhane.
9Daawitille ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi obboleessa isaa Ba'ana'aan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka rakkoo mara jalaa na baasee, 10akka waan oduu dansaa natti himee, nama, ‹Saa'ol du'eera› jedhee natti hime, ani isa qabee Siiqlaagitti ijjeese; oduu inni natti himeef badhaasi ani isaaf kenne kana. 11Eegasuu, nama yakkaa hin qanne ka manuma ifii keessa taqee ifii irra irkate san, worra hamoolee isa ijjeesane san ani attam irra caalaa adabuu dhaba ree? Ani dhiiga isaa harka keessan keessaa barbaadee lafa irraa isin hin balleessuu ree?» jedhe. 12Maarre Daawiti namoota ifii ajajee, isaanille isaan ijjeesanee harkaa fi miila isaanii muranee, reeffa isaanii baleessa Kebroon bira jiru biratti fannisane; mataa Ish-Bosheetii ammoo fuudhanee qachaa Kebroonii keessatti addee awwaala Abneerii biratti awwaalane.

¿Sabías que…?
El asesinato de Isboset
- Los asesinos Baana y Recab eran de Beerot, una antigua ciudad gabaonita asignada al territorio de Benjamín. El texto bíblico señala que los beerotitas habían huido anteriormente a Gitaim, donde vivieron como extranjeros.Fuentes: el propio texto bíblico · Beeroth · Gittaim · Rimmon
- El capítulo presenta a Mefiboset, el hijo sobreviviente de Jonatán y nieto de Saúl. Cuando la noticia de la derrota de la familia real llegó desde Jezreel, el niño de cinco años cayó cuando su nodriza huía, dejándolo permanentemente lisiado de ambos pies.Fuentes: el propio texto bíblico · Mephibosheth
- Cuando Recab y Baana llevaron la cabeza de Isboset a Hebrón esperando elogios, David recordó su ejecución anterior del mensajero amalecita en Siclag. David condenó el asesinato de un hombre inocente en su propia cama, ordenó la ejecución de los conspiradores y sepultó la cabeza de Isboset en la tumba de Abner.Fuentes: el propio texto bíblico · Baanah · Ziklag · Abner
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Hebron · Hoy: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 1, 8, 12
- Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 7
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org