Nations Bible

2 Reyes 3

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Lola Wodhakkaa Israa'eliitii Fi Mo'aabiititti Te'e

1Yoshaafaax Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, ilmi Ahaabii Yehoraam Samaariyaa keessa tee'ee, Israa'el irratti woggaa kudhanii lama mootii te'e. 2Inni akka abbaa ifiitii fi haadha ifii hammeenna hujuu dhabaatulle, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujeera; te'uu malee soodduu woyyittii Ba'aalii ta abbaan isaa huje san diige. 3Ammoo inni cubbuu Yerobi'aamii ilma Nebaatii, ka Israa'eloota cubbuu hujisiise hordofe malee irraa hin deebine.

4Mootiin Mo'aabii Meshaa'i hoolee horsiisaayyu; inni buruusoo hoole'ee kuma dhibba tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin kuma dhibba tokko mootii Israa'eliitiif kennaayyu. 5Mootiin Israa'elii Ahaab du'een duuba ammoo, mootiin Mo'aabii Meshaa'i Israa'el irratti ka'e. 6Maarre yennuma san Yehoraam Samaariya'aa bayee, loltoota Israa'elii mara wolitti qabe. 7Mootii Yihuda'aa Yoshaafaaxille'etti ergee, «Mootiin Mo'aabii na irratti waan ka'eef, isa loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate.

Yoshaafaax deebisee, «Ani si woliin hin dhaqa; ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti; 8ammoo karaa kamiin itti duulla?» jedhee gaafate.

Mootichi Yehoraamille, «Karaa lafa goomolee Edoomiitiin» jedhee deebise.

9Maarre mootiin Israa'elii, mootii Yihuda'aatii fi mootii Edoomii woliin duulaaf bayee ideeme; guyyaa torba deemaneen duuba, loltootaa fi horii itti fe'atanee deemanu duraa bisaan dhumate. 10Mootichi Israa'elii Yehoraam qoonqoo ol qabatee, «Aannee nu'uuf! Mootiin Waan Maraa nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kennu'uufii?» jedhe.

11Mootichi Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate.

Tajaajiltoota mootii Israa'elii keessaa tokko, «Ilmi Shaafaaxii Elsaa'i ka dur Eliyaas tajaajilaa ture as jira» jedhee deebise.

12Mootichi Yoshaafaaxille, «Inni dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa ti» jedhe. Maarre mootiin Israa'elii, mootiin Yihuda'aa Yoshaafaaxii fi mootiin Edoomii gara Elsaa'ii dhaqane.

13Elsaa'i, mooticha Israa'eliitiin, «Nu maan wol irraa qanna? Gara raagota abbaa keetiitii fi haadha teetii dhaqii gaafadhu» jedhe.

Mootichi Israa'elii deebisee, «Waawwo'o! Nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kenniisaaf ka waame Mootii Waan Maraa ti» jedhe.

14Elsaa'ille, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa, Waaqa Waan Mara Dadee, ka ani tajaajiluu, ulfinna Yoshaafaaxii mooticha Yihuda'aatiif malee, ani ilaanuu si hin ilaaluuyyu yookiin si dhaggu'uuyyuu hin barbaadu. 15Ammoo nama kiraara dhowu naa fida'a» jedhe.

Adoo namichi kiraara dhowiisatti jiruu, hunni Mootii Waan Maraa Elsaa'i irratti buutee, 16Elsaa'ille, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dhooqi tun boolla bisaaniitiin hin guutanti. 17Qilleensa yookiin bokkeya hin dhaggitanu; te'uu malee dhooqi tun bisaaniin hin guutanti; isinii fi loon keessan, horiin keessan ka dhibiille hin untan› jedha. 18Tun Mootii Waan Maraatiif kaso'o; inni worra Mo'aabiille harka keessanitti dabarsee hin kenna. 19Isin qachaa isaanii ka dalleenni dhaka'aa itti ijaaramee fi qachaa isaanii dadansaa hin qabattan; muka isaanii dadansaa mara hin murtan; madda isaanii mara hin duuchitan; fichaa isaanii dadansaa mara dhaka'aan hin balleessitan» jedhe.

20Boruyyaa ganama yennaa ciincaan ciinceffamutti bisaan karaa Edoomiitiin lola'iisa jalqabee latti bisaaniin guutante.

21Mo'aaboti marti akka moototi sadiin sun isaan loliisaaf dhufane yennaa dhage'ane, nama meya lolaa hidhatuu dande'u mara dargaggeeyyi'ii fi jaarsolee wolitti waamanee, meessaa biyya sanii irratti eegane. 22Barii ganama yennaa ka'anu, aduun baatee bisaan irratti calalaxxee, worra fagoo jiranutti bisaan akka dhiigaa diimatee itti mudhatte. 23Achiin duuba isaan, «Kun dhiiga! Moototi sadiin sun wol lolanee wol qalaneeran; Mo'aabota, Ka'aa dhandhee boojinaa!» woliin jedhane.

24Yennaa Mo'aaboti addee quttuma Israa'elii dhufanu, Israa'elooti ka'anee haga isaan baqatanutti isaan lolane; Israa'elooti lafa san timanee Mo'aabota fixane. 25Qachoota isaanii balleessanee, fichaan dadansaan isaaniille haga dhaka'aan guutamutti nami marti dhakaa itti dadarbate; madda isaanii mara duuchanee, muka dadansaa isaanii mara muranee jijjissane. Qachaa Qir-Heresii qofatti dhakaa ifii woliin hafe; qachuma sanuu loltooti looyya'aan marsitee lolte.

26Mootichi Mo'aabii lolli akka itti jabaate yennaa dhagge, namoota shallaagaa hidhatane dhibba torba fudhatee, karaa mooticha Edoomiitiin cassee seeniisaaf wodhaane; ammoo isaan hin dandeenne. 27Achiin duuba mootichi Mo'aabii ilma ifii angaficha, ka addee isaatitti mootii te'uuf male, dalleya dhaka'aa ka qacha'aa irratti ciincaa dhikeesse; Israa'elooti tana rifatanee, isa lakkisanee gara lafa ifii deebi'ane.

¿Sabías que…?

La Guerra contra Moab y la Profecía de Eliseo

  • Mesa, rey de Moab, era criador de ovejas y pagaba un tributo anual de 100.000 corderos y la lana de 100.000 carneros al rey de Israel. Tras la muerte del rey Acab, Mesa se rebeló, lo que llevó a Joram, hijo de Acab, a movilizar su ejército y aliarse con Josafat, rey de Judá, y el rey de Edom.Fuentes: el propio texto bíblico · Joram · Kir-hareseth
  • Tras una marcha de siete días por el desierto de Edom que dejó a los ejércitos aliados y a sus animales sin agua, acudieron al profeta Eliseo. A petición de Eliseo, un tañedor tocó el arpa y el profeta anunció que las zanjas del valle se llenarían de agua sin que hubiera viento ni lluvia.Fuentes: el propio texto bíblico · Elisha · Edom
  • El sol matutino reflejado en las aguas recién acumuladas hizo que parecieran rojas como la sangre para los moabitas, quienes creyeron que los reyes aliados se habían matado entre sí. El ataque moabita resultó en desastre y culminó en el asedio de la fortaleza de Quir-jarest, donde Mesa ofreció a su primogénito en holocausto sobre la muralla.Fuentes: el propio texto bíblico · Kir-hareseth · Moab

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 1, 6
  • Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 4, 5, 7, 10, 13, 18, 21, 22, 23, 24, 26, 27
  • Edom · 30.746, 35.604 · versículos 8, 9, 12, 20, 26

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.