2 Reyes 22
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mootii Yihuda'aa Yosiyaas
1Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa soddomii tokko bulche. Maqaan Haadha isaa Yidiida'a; isiin intala Adaayaa nama qachaa Bozqaa ti. 2Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa ifii Daawitii mara hordofee, middaa fi bitaa irraa hin gorre.
Kitaab Seeraa Dhaggame
3Yosiyaas mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, barreessaa mana mootumma'aa akaakoo Meshulaamii ilma Azaaliya'aa Shaafaan gara Galma Mootii Waan Maraa ergee, 4«Gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqiitii, ‹Beesee eeddoti karra Galma Mootii Waan Maraa, kolbaa irraa guurtee, gara Galma Mootii Waan Maraa fidde akka inni laakkowu godhi. 5Eeddoti sun beesee san itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennanuu ti; isaanille worra Galma Mootii Waan Maraa haaressuuf, 6worra muka bocuuf, worra dhaka'aan ijaaruu fi worra dhakaa bocuuf kaffalanuu ti; akkasuma Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame ittiin bitanuu ti. 7Isaan ka addatamane waan te'aneef, beesee isaanitti kennante hin qorqorina'a› jedhiitii itti himi» jedhe.
8Hayyichi guddaan Hilqiiyaan, barreessaa mana mootumma'aa Shaafaaniin, «Kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggeera» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne; Shaafaanille irraa fuudhee dubbise. 9Achiin duuba barreessaan Shaafaan gara mootichaa dhaqee, «Tajaajiltooti teeti beesee Galma Mootii Waan Maraa keessa jirtu fuutee, itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kenniteerti» jedhee itti hime. 10Achiin duuba barreessaan Shaafaan mootichaan, «Hayyichi Hilqiiyaan kitaaba tokko natti kenneera» jedhee, qoonqoo ifii ol qabatee kitaaba san mootichaaf dubbise.
11Mootichi dubbii kitaaba seeraa keessaa dubbifante yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase. 12Achiin duuba mootichi hayyicha Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikaaya'aa Akbor, barreessaa Shaafaanii fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee, 13«Abbootiin teenna ta durii jecha kitaaba kana keessaatiif waan hin ajajaminiif, waan achi keessatti nu'uuf barreeffame mara waan hin hujiniif, Mootiin Waan Maraa guddoo nutti aareera; marroo jecha kitaaba dhaggame kanaa anaaf, kolba'aaf, kolbaa Yihuda'aa maraafille jedha'aatii Mootii Waan Maraa gaafadha'a» jedhe.
14Maarre Hayyichi Hilqiiyaan, Ahiiqaam, Akbor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raagitti'ii gaafatiisa dhaqane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Tiiqiwa'aa akaakoo Harhaasii ka uffana eeguu ti; isiin kutaa qachaa Yerusaalemii haareya keessa leeti. 15Isiin isaaniin, «Dhaqa'aatii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu namicha isin gara kiyya ergetti hima'a. 16Mootiin Waan Maraa, ‹Ani balaa kitaaba mootiin Yihuda'aa dubbise keessatti barreeffame mara addee tanaa fi kolbaa addee tanaa irratti hin fida. 17Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana aarsanee, waaqota dharaa ka harki isaanii hujeen akka ani aaru waan godhaneef, aariin tiyya addee tana irratti hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedhe. 18Mootii Yihuda'aa akka isin Mootii Waan Maraa gaafattanuuf ka isin ergeen ammoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ‹Dubbii dhageette saniif, 19biyyi tunii fi kolbaan biyya tanaa akka badduu fi akka abaarantu ta ani dubbadhe yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaddee, gadditee woyaa teeti tarsaattee, na duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera. 20Tanaaf balaa ani addee tana irratti fidu mara adoo hin dhaggin, akka addee dhuga'aatitti galtu si hin godha; nageyaan hin awwaalanta› jedheera» jette.
Maarre isaan deebi'anee ergaa tana mooticha Yosiyaasitti himane.

¿Sabías que…?
El Libro de la Ley Redescubierto
- Durante las reparaciones del templo en el decimoctavo año del reinado de Josías, el sumo sacerdote Hilcías halló el Libro de la Ley en la casa del SEÑOR. Cuando el escriba real Safán leyó el contenido del rollo ante el rey, Josías rasgó sus vestiduras en señal de aflicción por la desobediencia histórica de Judá a sus mandamientos.Fuentes: el propio texto bíblico · Hilkiah · Shaphan · Josiah
- Para consultar al SEÑOR acerca del rollo recién encontrado, Josías envió una delegación real a la profetisa Hulda, quien residía en el Segundo Barrio de Jerusalén. Hulda transmitió una profecía anunciando calamidad sobre Judá a causa de la idolatría, pero aseguró a Josías que moriría en paz gracias a su humilde arrepentimiento.Fuentes: el propio texto bíblico · Second Quarter · Ahikam
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 14
- Second Quarter · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 14
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org