Nations Bible

2 Reyes 20

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Hisqiyaas Dhibamee Fayye

1Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.

2Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee, 3«Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe.

4Isaayaas achii gad bayee, badhinna mana mootumma'aa ka wodhakka'aa adoo hin dabarin jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, 5«Deebi'iitii Hisqiyaasii kolbaa tiyya sooressuun, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera. Ani si hin fayyisa; guyyaa sadeesso'oo gara Galma Mootii Waan Maraa ol hin baata; 6bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a; si'ii fi qachaa kanalle harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega› jedhiin» jedhe.

7Achiin duuba Isaayaas tajaajiltoota mootichaatiin, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii fida'aa iita isaa irra keya'aaf» jedhe; isaanille akkuma ajajamane godhane; Hisqiyaasille fayye. 8Mootichi Hisqiyaas, «Mootiin Waan Maraa akka na fayyisuu fi guyyaa sadeesso'oo akka gara galma Mootii Waan Maraa ol bayu beessisi maan?» jedhee, Isaayaas gaafate.

9Isaayaas deebisee, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemuu ti moo yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti? Mootiin Waan Maraa waadaa gale ka muummessu akka te'e, beessisi inni si'iif kennu kana» jedhe.

10Hisqiyaasille, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemiisi kasoo waan te'eef, yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti» jedhe.

11Achiin duuba Isaayaasiin raagichi gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle yaabbannoo Akaaz huje irra, yaabbannoo kudhan gaaddis gara duubaa akka deebi'u godhe.

Ergantoota Baabilon Irraa Dhufane

12Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge. 13Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise. 14Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate.

Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe.

15Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen.

Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe.

16Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i! 17Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu. 18Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin fudhatamanee, mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe.

19Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe.

Du'a Hisqiyaasii

20Wonni dhibiin ta mootichi Hisqiyaas huje marti, hujiin jannummaa isaa, baleessa bisaanii attam akka baasee fi karaa bisaan lola'u baqassee gara qacha'aa attam akka fide, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 21Hisqiyaas du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Minaaseen mootii te'e.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La enfermedad de Ezequías y los enviados babilonios

  • Cuando Ezequías pidió una señal de confirmación de que se recuperaría de su enfermedad mortal, la sombra retrocedió diez gradas en la escalinata de su padre y predecesor, Acaz.Fuentes: el propio texto bíblico · Ahaz · Hezekiah
  • Merodac-baladán, hijo de Baladán y rey de Babilonia, envió cartas y presentes al enterarse de la recuperación de Ezequías. Después de que el rey de Judá mostró a los emisarios toda la plata, el oro, las especias y las armas de sus almacenes, Isaías anunció que estos tesoros y descendientes reales serían llevados algún día a Babilonia.Fuentes: el propio texto bíblico · Baladan · Babylon
  • Más allá de sus reformas religiosas y defensas militares, el texto bíblico destaca la obra de ingeniería de Ezequías al construir un estanque y un túnel para conducir agua directamente hacia la ciudad de Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Hezekiah

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 6
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 12, 14, 17, 18

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.