2 Corintios 11
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Phawuloosii Fi Ergantoota Sobaa
1Ani diqqoo gowwoomulle akka naa ossattanu hin addadha; maganne'ee na ossadha'a. 2Ani akka durra duudduu qulqullitti'ii Kiristoosii abbaa manaa tokkochatti, isin heerumsiisiisaaf waan isin kadhadheeruuf, akkuma Waaqi hinaafu anille isin hinaafa. 3Akkuma bofi maltumma'aan Heewwan sobe, yaadi keessanille gara badee qajeelumma'aa fi qulqullummaa Kiristoosiif qaddanu irraa isin milissinaa laati jedhee sodaadha. 4Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan jechu'u.
5Ani ammoo karaa tokkolle'een ergantoota guguurddoo tana irraa waan diqqaadhu hin seyu. 6Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkumsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra.
7Ani gatii malee Oduu Gammadaa ta Waaqaa waan isinii lallabeef, akka isin ol jettanuuf ifi gad qabuu kiyyaan cubbuu hujee ree? 8Isin tajaajiliisaaf, wolde'oota kiristaanaa dhibii irraa qarqaarsa waan fudhadheef, ani isaan saameera. 9Yennaa isin woliin jiraataa woy dhabee rakkadhe, obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufane waan naa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u. 10Dhugaan Kiristoosii haga na keessa jirtu, eennulle ifi jajuu kiyya kana lafa Akaayya'aa keessatti na hin dhooggu. 11Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? Akka ani isin jaaladhu Waaqinuu hin beeka.
12Ergantooti dhibiin sun, «Nuutille akkuma isaanii hujaarra» jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha. 13Namooti akkasii ergantoota Kiristoosii fakkaatiisaaf worra ifi jijjiiru, ergantoota sobaatii fi hojjattoota maltoole'e. 14Kunille waan nama baaseffachiisuu moti; Seexanninuu ergantoota ifaa fakkaatiisaaf ifi jijjiira. 15Tanaaf tajaajiltooti Seexanaa tajaajiltoota balchumma'aa fakkaatiisaaf yoo ifi jijjiirane hin baaseffachiisu. Muummee irratti gatii hujii ifii hin dhaggatan.
Phawuloos Ergamaa Te'iisaan Rakkate
16Ani ammalle isiniin jedha; eennulle gowwaa na hin seyin; yoo seetane ammoo diqqumalle akka ifi jajuuf akka gowwa'aatitti na fudhadha'a. 17Akka kana ifi jajiisaan yennaa dubbadhu akka gowwa'aa te'eeti malee, akka fedha Gootta'aatii moti. 18Worri hedduun akka yaada fooniititti ka ifi jaju eega te'e, anille ifi hin jaja. 19Isin qaroolee waan teetaneef, gowwoolee gammadaan hin ossattan. 20Nami yoo garba isin godhate yookiin yoo isin irra nyaate yookiin bu'aa ifiitiif yoo isin fayyadame yookiin yoo isin tuffate yookiin yoo isin dhabanaase hin ossattan. 21Nuuti ammoo waan saniin dadhaboolee te'uu kennaan fokkifataa dubbadha.
Eennulle ifi jajiisaaf ila yoo jabaate, anille akkuma isaa ila jabaadhee ifi jaja. Ammalle akka gowwa'aa te'ee tana jedha. 22Isaan worra Ibirootaatii? Anille nama Ibirootaa ti. Isaan worra Israa'eliitii? Anille nama Israa'elii ti. Isaan sanyii Abrahaamiitii? Anille sanyii Abrahaamii ti. 23Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata'aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji'iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du'a geyeera. 24Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera. 25Yennaa sad ciira'aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka'aan tumameera; yennaa sad caccab hoboloo gudditti'ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera. 26Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan saantotaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera. 27Hujii hantuu hujee, akka malee eloweera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji'ii fi daara dageera. 28Waan dhibii lakkisii marroo wolde'oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya'aan hedaa yaaddowaa ture. 29Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu'uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera?
30Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja. 31Waaqi, Abbaan Goottaa kenna Yesuus Kiristoosii, ka haga bara baraa galateeffame, akka ani sobaa hin dubbanne hin beeka. 32Yennaa ani qachaa Damaasqo'oo keessa jiru, bulchaan mooticha Areexaasiin jalatti bulchiisatti jiru, na qassiisiisaaf barbaadee, karroota qacha'aa eeddotaan eessisaa ture. 33Namooti ammoo, qiriccoo keessa na keyanee urata dalleyaatiin na buusaneeranuun isa jalaa miliqe.

¿Sabías que…?
La jactancia insensata y los falsos apóstoles
- El capítulo termina con la huida de Pablo de Damasco, donde el gobernador del rey Aretas había puesto la ciudad bajo vigilancia para arrestarlo, y fue bajado en una canasta por una ventana de la muralla. El Easton's Bible Dictionary (1897) identifica a Aretas como rey de Arabia Pétrea y dice que, tras la muerte del emperador Tiberio en el año 37 d.C., Aretas tomó posesión de Damasco, cuando Pablo regresó allí desde Arabia. El mismo diccionario llama a Damasco la más antigua de las ciudades orientales y la capital de Siria, a unas 133 millas al norte de Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Aretas · Damascus
- Pablo dice que, cuando estaba con ellos y tenía necesidad, no fue una carga para nadie, porque hermanos venidos de Macedonia suplieron sus necesidades, y que esta jactancia no será silenciada en las regiones de Acaya. En tiempos del Nuevo Testamento, Macedonia era una provincia romana al norte de Grecia, gobernada por un propretor con el título de procónsul. Acaya, en el sentido en que el nombre se usa en el Nuevo Testamento, era la otra provincia romana, que abarcaba el Peloponeso y el sur de Grecia.Fuentes: el propio texto bíblico · Macedonia · Achaia
- Pablo teme que las mentes de sus lectores sean extraviadas de su sencilla y pura devoción a Cristo, así como Eva fue engañada por la astucia de la serpiente, y advierte que falsos apóstoles se disfrazan de apóstoles de Cristo. Añade que esto no es de extrañar, pues Satanás mismo se disfraza de ángel de luz, y sus siervos, de siervos de justicia. Un artículo de diccionario señala que Satanás, que significa adversario o acusador, también es llamado la serpiente antigua y, en esta misma carta, el dios de este mundo.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Macedonia · 41.600, 22.540 · versículo 9
- Achaia · 38.720, 22.540 · versículo 10
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículo 32
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org