Nations Bible

2 Crónicas 26

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Uziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e

1Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa marti wolii galanee nama dargaggeessa woggaa kudhanii jaa Uziyaa addee abbaa isaa Amaasiya'aatitti mootii isa godhatane. 2Amaasiyaan du'een duuba, Uziyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise. 3Uziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama Yerusaalemii ti. 4Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e mara huje. 5Waaqa sodaatiisa ka isa barsiise, Zakaariyaas bara lubbu'uun jiru keessa, Uziyaan Waaqaaf ajajame. Bara inni Mootii Waan Maraatiif ajajame san Waaqi isa milkeesse.

6Uziyaan worra Filisxeemotaatitti duulee dalleya dhaka'aa ka Gaatii, ka Yaabne'eetii fi ka Ashidoodii diige; achiin duuba qachaa dhibii Ashidood keessatti, lafa Filisxeemotaa addee dhibiille'etti ijaare. 7Lola worra Filisxeemotaatii fi lola worra Arabootaa ka Gur-Ba'aal keessa le'anuu irratti, lola worra Me'unootaa irralle'etti Waaqi isa qarqaare. 8Worri Amoonotaa gibira Uziya'aaf gabbarane; inni mootii jabaa waan te'eef, gurri isaa haga meessaa biyya Gibxiititti beekkame.

9Uziyaan qachaa Yerusaalemii keessatti karra roga irraa biratti, karra dhooqaatii fi roga dalleenni dhaqee itti dabu biratti xelleephoo jadduu ijaare. 10Inni koobota jalaa fi dirree keessatti horii bacaa waan qabuuf, goomolee keessatti xelleephoo dhaka'aan ijaare; boolla bisaaniille qochisiise; hujii qonnaa waan jaalatuuf, koobotaa fi lafa laattuu maratti namoota fichaa isaaf qotanuu fi muka woyni'ii isaaf dhaabanu qabaayyu.

11Ammalle Uziyaan loltoota lola dande'anu, worra kutaa kuta'aan akka Yiye'eliin barreessichii fi Ma'aseyaan qondaaltichi ajaja Hanaaniyaa ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko te'eetiin laakkowanetti, loltoota duulaaf bayanu qabaayyu. 12Laakkossi sooressitootaa worri maatii maatii abbootii isaaniititti ajajjoota te'ane wolumatti kuma lamaa fi dhibba jaa. 13Laakkossi loltoota ajajjoota kana jala jiranuu kuma dhibba sadii fi kuma torbaa fi dhibba shan; isaan diina mooticha irraa ittisiisaaf worra hunnaameyyii lola dande'anu. 14Uziyaan loltoota tana maraaf wontee, woraana, gullee sibiilaa, qomoo sibiilaa, guube'ee fi dhakaa looyya'aan darbatanu qoode. 15Inni meya jabaa daayaa fi dhakaa gugurdaa ittiin darbatanu Yerusaalem keessatti worra ogummaa hujii harkaa qabuun hujisiisee xelleepho'oo fi roga dalleya qacha'aa mara irra keye; haga jabaatutti qarqaarsa guddaa Waaqa biraa waan dhaggateef, gurrii isaa biyya fago'ootitti beekkame.

16Uziyaan nama jabaa te'een duuba kooree badii ifitti fide; inni ifumaaf gara Galma Mootii Waan Maraa seenee, addee ciinca'aa ta hixaanaa irratti ciincaa hixaanaa dhikeessiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii yakke. 17Hayyichi Azaariya'aa fi hayyooti Mootii Waan Maraa worri jajjabi saddeettami isa gula seenane. 18Isaan Uziyaa mootichaan, «Ee Uziya'a! Hayyoota worra sanyii Aaroniitii fi worra hujii tanaaf adda bayane qofatti hixaana Mootii Waan Maraatiif aarsan malee, ati aarsiisaaf hin malle; ati Mootii Waan Maraa Waaqa waan yakkiteef, isa irraa ulfinna hin dhaggattu; Galma keessaa bayi» jedhane.

19Uziyaan girgiraa harkatti qabatee, hixaana aarsiisaaf adoo jedhuu isaanitti aare; adoo inni isaanitti aariisatti jiruu Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee hixaana itti aarsanu biratti ila hayyoota sanii duratti dhukkubi goga'aa farrisiisaan adda isaa irratti baye. 20Azaariyaan sooressi hayyootaatii fi hayyooti dhibiin marti yennaa isa ilaalanu, dhukkuba goga'aa farrisiisaa adda isaa irratti dhagganee ariiti'iin gad isa baasane; Mootiin Waan Maraa waan isa adabeef, innille achi keessaa bayiisaaf ariifate.

21Uziyaan mootichi haga gaafa du'uutitti dhukkubi goga'aa farrisiisaan isa irraa hin banne; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, Galma Mootii Waan Maraa irraa dhooggamee mana kophaa jiru keessa tee'e; achiin duuba ilmi isaa Yotaam bulchaa mana mootumma'aa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche. 22Waan Uziyaan bara mootummaa ifii keessa huje keessaa waan hafe, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi barreesseera. 23Uziyaan du'e; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, addee awwaalaa ta moototaa, ta abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El ascenso, el orgullo y la caída del rey Uzías

  • Uzías fortificó Jerusalén con torres y equipó a un ejército de más de 300.000 soldados con armamento especializado. También mandó fabricar máquinas ingeniosas colocadas en las murallas de la ciudad para disparar flechas y arrojar grandes piedras.Fuentes: el propio texto bíblico · Uzziah
  • Cuando Uzías se hizo poderoso, intentó con arrogancia quemar incienso en el santuario del templo. El sumo sacerdote Azarías y ochenta sacerdotes valientes confrontaron al rey, explicándole que solo los descendientes consagrados de Aarón tenían el derecho de ofrecer incienso.Fuentes: el propio texto bíblico · Azariah
  • Tras ser afectado por la lepra dentro del templo, Uzías vivió en aislamiento por el resto de su vida y quedó excluido de la casa del Señor. Debido al confinamiento del rey, su hijo Jotam se encargó de administrar el palacio real y gobernar al pueblo de Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · Jotham · Uzziah

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 9, 15
  • Ashdod · Hoy: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · versículo 6
  • Philistia · 31.664, 34.546 · versículo 6
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 8
  • Angle · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Corner Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 9
  • Shephelah · 31.692, 34.875 · versículo 10

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.