Nations Bible

2 Crónicas 20

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yoshaafaax Diinota Ifii Injifate

1Tanaan duuba Mo'aabotii fi Amoonoti, isaan woliin worra Me'unootaa keessalle'ee gariin Yoshaafaax loliisaaf dhufane. 2Jarri takka gara Yoshaafaaxii dhufanee, «Loltooti guddoon bindillaan Edoom irraa, abbaaya'aan gamaa si loliisaaf dhufiisatti jiran; kunoo, isaan amma Haazezon-Taamaar ta ‹En-Gedii› jedhantu geyaneeran» jedhane. 3Achiin duuba Yoshaafaaxiin mootichi sodaatee Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf murteeffatee, lafa Yihuda'aa mara keessatti akka laamanu ajaja baase. 4Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa qarqaarsa gaafatiisaaf, qachoota lafa Yihuda'aa mara keessaa wolitti qabamane.

5Yoshaafaax wol geyii kolbaa Yihuda'aa keessaa namoota Yerusaalemii odduu Galma Mootii Waan Maraa keessa badhinna dalleya keessaa haareya keessa dhaabbatee, 6«Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa abbootii teennaa, ati Waaqa ol-gubba'aatii motii ree? Ati mootummoota gosa biyya adda addaa mara bulchita. Hunnii fi jabeenni harka keeti keessa jiran. Ka si ifi irraa dhooggatuu dande'u hin jiru. 7Ee Waaqa keenna, ati worra lafa tana keessa le'anu kolbaa teeti Israa'el duraa ariitee baattee, sanyii jaala keeti Abrahaamiitiif haga bara baraa akka keessa le'anuuf hin kenninee ree? 8Isaanille lafa san keessa le'anee achitti ulfinna maqaa keetiitiif Galma ijaaranee, 9‹Balaan yookiin shallaagaan yookiin muraan yookiin dhukkubi yookiin beelli yoo nutti dhufanu, Galma keeti kana duratti fuula keeti dura dhaabbannee, maqaan keeti Galma kana keessa waan jiruuf, farra teenna iyyinee sitti himanna; atille hi dhageetta; farra san jalalle'ee nu hin baatta› jedhane. 10Amma kunoo, worri Amooniitii fi Mo'aabii, worri gaara Se'iiriille, ka ati kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatu lafa isaanii akka hin lolle dhoogginaan, loluu lakkisanee irraa goranee dabarane amma dhufiisatti jiran. 11Kunoo, isaan lafa ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu ari'iisaan gatii nuu kenniisaaf dhufaneeran. 12Ee Waaqa keenna, ati isaanitti hin murtuu ree? Nuuti loltoota bacaa nu loliisaaf dhufiisatti jirtu tana loliisaaf hunna hin qannu. Waan goonulle hin beennu; ammoo ilti teenna gara keeti ilaalti» jedhe.

13Yennaa san worri Yihuda'aa marti daa'immaan didiqqoo ifii, niitolee ifiitii fi ijoollee ifii woliin fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane. 14Gaafas Ayyaanni Mootii Waan Maraa wolde'a gumi'ii san oddu'utti sanyii Lewwi'ii keessaa ilma Zakaariyaasii Yahaazi'elitti dhufe; Zakaariyaas ilma Benaayaa ti; Benaayaan ilma Yaa'iilii ti; Yaa'iil ilma Mataaniyaa sanyii Asaafii ti. 15Inni, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu martinuu, atille Yoshaafaaxii mooticha caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Lolli kun ka Waaqaa ti malee, keessanii motii, isin loltoota guddoo bindillaa tana dhaggitanee sodaattanee hin rifatina'a. 16Boru gad bu'a'aatii isaan lola'a! Kunoo, isaan goodda Ziizii ol bayanee dhufan; dhuma dhooqa fuullee Yeru'elii lafa goomole'eetitti isaan hin dhaggitan. 17Isin lola kana keessa loluu hin barbaachisu. Addee qabadha'aa, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, baasiisa Mootiin Waan Maraa akka isin baasu ilaala'a! Isin ee worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalemii! Hin sodaatina'a, hin rifatinaalle'e! Mootiin Waan Maraa isin woliin waan jiruuf, boru baya'aa deema'aatii isaan lola'a› jedha» jedhe.

18Achiin duuba Yoshaafaax adda ifiitiin lafatti gad gombifamee, worri Yihuda'aa ka Yerusaalem keessa le'anu marti Mootii Waan Maraa duratti gad jiganee waaqonfatane. 19Lewwooti worri sanyii Qehaatotaatii fi sanyii Qoraahotaalle ka'anee qoonqoo ol qabatanee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii leellifatane.

20Barii ganama gara goomolee Teqo'a'aa dhaqiisaaf yennaa isaan ka'ane, Yoshaafaax ka'ee dhaabbatee, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu na dhage'a'a! Isin hin milkoottanii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhugeeffadha'a! Waan raagoti isaa dubbatanulle dhugeeffadha'a!» jedhe. 21Inni kolbaa woliin mari'atee faarfattoota loltoota dura deemaa, «Mootii Waan Maraa galateessa'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhaa faarfataa woyyummaa Mootii Waan Maraa leellisanu filee dhaabe.

22Yennaa isaan faarfataa leellisiisa jalqabane, Mootiin Waan Maraa worra Yihudaa loliisa dhufane worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra gaara Se'iiriititti riphee lolu itti fidee akka isaan injifatamanu godhe. 23Worri Amooniitii fi worri Mo'aabii worra gaara Se'iiriitii dhufe lolanee fixane; isaan worra gaara Se'iirii balleessaneen duuba wolittuu garagalanee wol balleessane. 24Worri Yihudootaa addee irra dhaabbatanee lafa goomole'ee gad dhagganu geyanee, loltoota guddoo bindillaa san yennaa ilaalanu reeffa qofa lafatti dhaggane; loltoota san keessaa nami miliqee hafe tokkolle hin jiru. 25Yoshaafaaxii fi kolbaan isaa boojuu guuratiisaaf yennaa dhufane, odduu reeffa isaaniitii meya adda addaa, woya'aa fi meya gatii guddo'oo bacaa dhagganee, haga ba'atuu dadhabanutti guuratane; mey sun bacaa waan te'eef, isaan meya san mara wolitti qabatiisaaf guyyaa sad irraa fudhate. 26Guyyaa arfeesso'oo dhooqa eebbaa, addee Mootii Waan Maraa itti leellifatanetti wolitti qabamane. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Dhooqa eebbaa» jedhama. 27Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka isaan diinota ifii irratti firinxiixanu waan godheef, worri Yihuda'aatii fi Yerusaalemii martinuu Yoshaafaax ifi dura aanfatanee gammada gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'ane. 28Isaan maseenqo'oo fi kiraaraa guddicha dhowaa, tultullaalle afuufaa gara Galma Mootii Waan Maraa Yerusaalem dhufane. 29Mootiin Waan Maraa diinota Israa'elii akka lole yennaa dhage'ane, mootummooti biyya lafaa marti Waaqa sodaatane. 30Karaa maraan Waaqi nageya waan isaaf kenneef, mootummaan Yoshaafaaxii gabbi jette.

31Yoshaafaax mootii biyya Yihuda'aa yennaa te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche; maqaan haadha isaa «Azubaa» jedhama; isiin intala Shiilhii ti. 32Inni akkuma abbaa ifii Aasa'aa waan fuula Mootii Waan Maraa duratti sirrii te'e huje malee, karaa abbaa ifii irraa hin gorre. 33Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa hin banne; kolbaan sun ammalle gadhaa tokkochaan gara Waaqa abbootii ifii hin deebine. 34Wonni Yoshaafaax bara mootummaa ifii keessa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti huje keessaa gariin, kitaaba Yehuu ilma Haanaanii ka inni marroo dabarsii mootota Israa'elii barreesse keessatti barreeffamaneeran.

35Muummee irratti mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaaziyaa ka waan hantuu hedduu huje san woliin wolii galtee godhate. 36Isaan hoboloota gugurdoo ittiin biyya Tarshiishii daldalatanu hujiisaaf wolii galanee, qachaa Eziyo-Geberii keessatti hoboloota san hujane. 37Achiin duuba ilmi Dodaawaa Elii'ezer nami qachaa Maareshaa, «Ati Ahaaziyaa woliin waan wolii galteef, Mootiin Waan Maraa waan ati hujje kana hin balleessa» jedhee Yoshaafaax irratti raaga dubbate. Hobolooti sunille caccabanee, gara biyya Tarshiishii dhaquu dadhabane.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La liberación de Josafat y la alianza marítima

  • Hazezon-tamar, donde se reunieron las fuerzas invasoras, se identifica en el texto bíblico como En-gadi, un antiguo asentamiento en la costa occidental del mar Muerto.Fuentes: el propio texto bíblico · Engedi
  • El mensaje profético de liberación fue comunicado por Jahaziel, un levita descendiente de Asaf, uno de los principales directores musicales de David cuyo linaje servía como cantores del templo.Fuentes: el propio texto bíblico · Jahaziel · Asaph (Levite)
  • Más tarde en su reinado, Josafat se unió a Ocozías de Israel para construir naves comerciales en Ezión-geber destinadas a Tarsis, pero la empresa fracasó cuando la flota naufragó.Fuentes: el propio texto bíblico · Ahaziah · Tarshish

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 1, 10, 22, 23
  • Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 1, 10, 22, 23
  • Edom · 30.746, 35.604 · versículo 2
  • Engedi · Hoy: Ein Gedi · 31.450, 35.383 · versículo 2
  • Hazazon-tamar · Hoy: Ein Gedi · 31.450, 35.383 · versículo 2
  • Salt Sea · Hoy: Dead Sea · 31.500, 35.500 · versículo 2
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 4, 5, 15, 17, 18, 20, 27, 28, 31
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 10
  • Jeruel · 31.580, 35.309 · versículo 16
  • Tekoa · Hoy: Khirbet Teku’a · 31.632, 35.210 · versículo 20
  • Mareshah · Hoy: Tel Maresha · 31.593, 34.898 · versículo 37

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.