2 Crónicas 15
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Haareffama Aasaan Godhe
1Ayyaanni Waaqaa ilma Odeedii Azaariyaa irratti dhufe. 2Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage'a'a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa. 3Israa'elooti bara hedduu Waaqa dhuga'aa malee, hayyuu isaan barsiisu malee, seera malee le'ane. 4Isaan yennaa rakkatane gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebi'anee, isa barbaadane; innille isaaniif dhaggame. 5Bara san worri biyya lafaa irra le'u marti raafama guddaa keessa waan jiruuf, nami nageyaan bayee, nageyaan galulle hin jiruuyyu. 6Waaqi badii gara garaatiin waan isaan rakkiseef, gosi biyya takkaa gosa biyya taanii balleessitee, qachaan tokko qachaa kaan balleesse. 7Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha'a, hin dadhabina'a» jedhe.
8Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.
9Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe. 10Isaan, Aasaan mootii te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, woggaa san ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane. 11Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane. 12Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti'iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee, 13isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane. 14Isaan tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti'iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane. 15Namooti biyya Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle'een isaan foorfachiise.
16Aasaan mootichi akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube. 17Aasaan addee waaqonfanna'aa ta Israa'el keessaa duudi'iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne. 18Inni meya adda addaa, meeti'ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye. 19Aasaan mootii te'ee haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti lolli dhibiin hin kaane.
¿Sabías que…?
La Reforma Religiosa de Asá y la Renovación del Pacto
- Alentado por el mensaje del profeta Azarías, hijo de Oded, el rey Asá eliminó los ídolos abominables de Judá y restauró el altar del SEÑOR frente al pórtico del templo.Fuentes: el propio texto bíblico · Azariah · Asa
- La renovación espiritual en Judá atrajo a miembros de tribus del norte como Efraín, Manasés y Simeón, quienes se establecieron en Jerusalén al ver que el SEÑOR estaba con Asá.Fuentes: el propio texto bíblico · Ephraim · Manasseh (son of Joseph)
- Asá también despojó a su abuela Maaca de su dignidad real por haber hecho una imagen idolátrica de Asera, la cual el rey destrozó y quemó en el torrente de Cedrón, al este de Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Maachah · Kidron
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org