2 Crónicas 13
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Abiiyaan Mootii Yihuda'aa Te'e
1Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 2Inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Urii'elii nama qachaa Giibe'aa ti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wodhakka'atti lolli ka'eeraayyu. 3Abiiyaan loltoota jajjaboo kuma dhibba afur filatee duule. Yerobi'aamille loltoota janna kuma dhibba saddeet filatee duule.
4Achiin duuba Abiiyaan biyya koobittii Efreemii keessa gaara Zamaraayimii irra dhaabatee, «Ee Yerobi'aam, isin kolbaan Israa'elii martinuu na dhage'a'a! 5Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, Gondooroo sooddaa ta haga bara baraatiin, Daawitiif, sanyii isaatiifille, Israa'el irratti mootummaa akka kenne hin beettanuu ree? 6Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, tajaajilaan Solomoonii ilmi Daawitii, goottaa ifii irratti finqila kaase. 7Ilmi Solomoonii Rehobiyaam adoo inni daa'imaatuu, yennaa inni womaa godhiisa hin dandeennetti, namooti siyyaayye'ee fi boru-hinbeenneen isa marsanee mormane; ittille jabaatane. 8Isin amma mootummaa Mootii Waan Maraa ta harka sanyii Daawitii keessa jirtuun mormiisaaf baatane; dhuguma isin bindilla'a; fakkii waaqota dharaa jabbilee worqi'ii ta Yerobi'aamiin mootichi isiniif hujisiiselle ifi biraa qaddan. 9Isin tana maleelle ilmaan Aaronii hayyoota Mootii Waan Maraatii fi Lewwoota ariitanee, addee isaaniititti akkuma kolbaa lafa dhibi'ii, hayyoota ifiif godhattaneertanii motii ree? Nami hayyuu te'iisaaf jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee torba fidee dhufu, waaqota dharaatiif hayyuu te'a.
10«Nu'uuf ammoo Mootiin Waan Mara Waaqa keenna; nuuti isa hin lakkinne. Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu sanyii Aaronii ti; Lewwooti isaan qarqaaran. 11Isaan ganamaa fi galgala kennansa gubamuu fi hixaana fooleen isaa uddowu Mootii Waan Maraatiif dhikeessan; daabboo Waaqaaf kennantu xarapheessaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e san irra keyan; galgala galgalalle issaa waan issaa irra keyamu ka worqii irraa hujame irra jirulle hin qassiisan. Nuuti ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keennaa hin eeganna; isin ammoo isa lakkittaneertan. 12Kunoo, Mootiin Waan Maraa nu woliin jira; inni nu sooressa; hayyooti isaa tultullaa afuufanee lola isinitti hin kaasan. Ee ilmaan Israa'elii, injifatuu waan hin dandeenneef, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii hin lolina'a» jedhe.
13Yennuma san Yerobi'aam loltoota ifii keessaa gariin loltoota worra Yihuda'aatiin duubatti akka riphanuuf erge; loltooti hafane ammoo isa woliin loltoota Yihuda'aatiin wolitti fulla'anee akka lolanu godhe. 14Worri Yihuda'aa garagalee adaala ifii yennaa ilaalanu, duraa fi duubaan akka marfamaneeranu dhaggane. Achiin duuba akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyane. Hayyooti tultullaa afuufane. 15Namooti Yihuda'aalle qoonqoo ol qabatanee iyyane; yennaa isaan iyyane Mootiin Waan Maraa Abiiya'aa fi namoota Yihuda'aa duratti, Yerobi'aamii fi Israa'eloota mara injifate. 16Waaqi harka worra Yihuda'aatitti Israa'eloota dabarsee waan kenneef, isaan Yihudoota duraa baqatane. 17Abiiya'aa fi loltooti isaa lolanee akka malee waan miidhaneef, loltoota Israa'elii keessaa loltoota jajjaba kuma dhibba shan fixane. 18Namooti Israa'elii yennaa san guddoo qaanowane; namooti Yihuda'aa ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan addataneef injifatane.
19Abiiyaan Yerobi'aam ari'ee qachoota Bet'el, Yeshaana'aa fi Efron, olloota qachoota san cinaa jiranu woliin isa irraa fudhate. 20Bara Abiiya'aa keessa Yerobi'aam deebi'ee hunna bulchiisaa hin dhagganne. Dhuma irratti Mootiin Waan Maraa balaa itti buusee, inni du'e.
21Abiiyaan ammoo irra caala hunna dhaggataa ideeme; inni niitolee kudhanii afur fuudhee, ilmaan diddamii lamaa fi ijoollee durraa kudhanii jaa uumate. 22Wonni dhibiin ta Abiiyaan bara mootummaa ifii hujee fi wonni inni jedhe marti, kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo raagichaa keessatti barreeffanteerti.

¿Sabías que…?
La victoria de Abías sobre Jeroboam
- Antes de la batalla, el rey Abías de Judá se situó en el monte Zemaraim, en la región montañosa de Efraín, para hablar a Jeroboam y a Israel, defendiendo la dinastía davídica mediante un pacto perpetuo de sal.Fuentes: el propio texto bíblico · Mount Zemaraim · Abijah
- Abías contrastó las prácticas religiosas de ambos reinos, señalando que Judá conservaba el sacerdocio aarónico y los rituales regulares del templo, mientras que Jeroboam había expulsado a los levitas y consagrado sacerdotes para los becerros de oro.Fuentes: el propio texto bíblico · Aaron
- Aunque Jeroboam tendió una emboscada por la retaguardia del ejército de Judá, Judá prevaleció tras clamar a Dios y hacer sonar las trompetas sagradas, tomando posteriormente ciudades como Betel, Jesaná y Efrón.Fuentes: el propio texto bíblico · Bethel (of Palestine) · Jeshanah
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
- Jeshanah · Hoy: Burj el Isaneh · 31.999, 35.260 · versículo 19
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org