1 Tesalonicenses 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ximootewoos Gara Tasalonqe'ee Ergame
1Maarre kana caalaa ossuu dadhannaan, qofii teenna ollaa Ateena'aatitti hafiisaaf murteeffanne. 2Dhugeeffanna'atti akka isin jabeessuu fi jajjabeessu, obboleessa keenna ka lallabaa Oduu Gammadaa ta Kiristoosii te'ee, nu woliin Waaqaaf tajaajilu Ximootewoos gara keessan ergineerra. 3Sababa rakkinna kanaatiif nami tokkolle akka hin raafanne tana goone. Rakkinni akkanaa kun ka nu dhaqqabu'uu male akka te'e isinuu hin beettan. 4Isin bira adoo jirruu akka rakkinni nu dhaqqabu dursineetuu hinneerra. Akkuma isin beettanu dhugumaan wonni kun teeteerti. 5Waan kanaaf ani kana caalaa ossuu dadhannaan, Seexanni isin ataabee hujiin teennaalle tola fa'a baddee jiraatti jedhee sodaadhee, dhugeeffannaa teessan beekiisaaf Ximootewoos erge.
6Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime. 7Tanaaf obboleeyyan tiyya, rakkoo fi farra keenna maraa keessatti, sababa dhugeeffannaa teessaniitiif isiniin jajjabaanneerra. 8Sababille Gootta'aan jabaattanee yoo dhaabbattane, jiruun teenna haareffantee leeti. 9Nuuti fuula Waaqa keennaa duratti, gammada marroo teessaniif nutti dhage'ameef Waaqa galateeffanna. 10Nuuti ila teennaan isin dhaggiisaa fi waan dhugeeffannaa teessan irraa dhidhatte guutiisaaf halkanii fi guyyaa jabeessinee daadimanna.
11Amma Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus gara keessan akka dhunnu karaa nu'uuf qajeelchu! 12Akkuma nuuti isin akka malee jaalannu, jaalaltiin isin wolii fi worra dhibii maraaf qaddanu ittuma dabalantee akka fakkantu Goottaan godhu. 13Guyyaa Goottaan keenna Yesuus woyyoota ifii duudii woliin deebi'ee dhufutti, komii malee woyyumma'aan fuula Waaqa Abbaa keennaa dura akka jiraattanu inni isin jabeessu.

¿Sabías que…?
Enviado desde Atenas para fortalecer la fe
- Estaban dispuestos a quedarse solos en Atenas para que Timoteo fuera enviado a fortalecer a los tesalonicenses. Atenas, capital del Ática, era la ciudad más célebre del mundo antiguo y un centro de la literatura y el arte griegos; Pablo la visitó en su segundo viaje misionero.Fuentes: el propio texto bíblico · Athens
- Timoteo, cuyo nombre significa "honrar a Dios", era un joven discípulo y compañero de Pablo en muchos viajes. Aquí se lo llama hermano y colaborador de Dios en el evangelio de Cristo, enviado para animarlos en la fe, de modo que las pruebas no los sacudieran, y después regresó con buenas noticias de su fe y de su amor.Fuentes: el propio texto bíblico · Timotheus
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Athens · 37.972, 23.727 · versículo 1
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org