1 Samuel 6
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Saanduqi Gondooro'oo Gara Israa'elii Deebi'e
1Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa ji'a torba biyya Filisxeemotaa ture. 2Achiin duuba Filisxeemoti hayyoota ifiitii fi worra moru waamanee, «Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan maraa maan goona? Addee isaatitti attam akka deebinnu mala nutti hima'a!» jedhane. 3Isaanille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii yoo deebittane, kennansa sababa yakka'aatiif kennamu woliin deebisa'a malee duwwaa hin ergina'a. Achiin duuba isin hin fayyitan; innille maaf akka isin adabe hin beettan» jedhane.
4Filisxeemotille, «Kennansi sababa yakka'aatiif isaaf erginu maan?» jedhanee gaafatane.
Isaanille deebisanee, «Balaan isinii fi bulchitoota teessan mara irratti bu'e gosa tokko waan te'eef, akka laakkossa goottolee teessaniititti, fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane shanii fi fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamane shan erga'a. 5Fakkii iitaa, fakkii hantuuta biyya teessan balleessiisatti jiruulle huja'aatii, ulfinna Waaqa Israa'eliitiif kenna'a; inni adabbii san isin irraa, waaqa keessanii fi biyya teessan irraa hin kaasa fa te'a. 6Isin akka worra Gibxootaatii fi akka mootii Gibxi'ii maaf mataa jabaattan ree? Isaan Waaqi isaan adabeen duuba Israa'eloota gad lakkisanee, isaanille deemanee motii ree?
7«Tanaaf garreettaa haareyaa fi sa'oolee hoosifatanu lama ta waanjoon irra hin keyamin qopheessa'aatii garreettaa san itti hidha'a; jabbii isaanii ammoo gara manaa deebisa'a. 8Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fuudha'aatii garreettaa irra keya'a; fakkii worqi'ii ta sababa yakka'aatiif kennansa ergitanu san saanduqa keessa keya'aatii Saanduqa Gondooro'oo bira keya'a; achiin duuba garreettaan sun akka ideemuuf gad lakkisa'aatii 9gara inni itti ideemu ilaala'a. Inni karaa biyya ifii gara qachaa Bet-Shemeshii yoo deeme, badii guddoo tana ka nutti fide Mootii Waan Maraa ti; karaa san yoo hin deemin ammoo badiin tun fedhuma nu irratti teete malee, ka nutti fide isaa moti» jedhane.
10Isaanille akkuma isaanitti himame godhane; sa'oolee lama fuudhanee garreettaa itti hidhane; jabbii isaanii ammoo biraa deebisanee mana itti cufane. 11Isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa, fakkii hantuutaatii fi fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane san garreettaa san irra keyane. 12Sa'ooleen sunille karaa irraa bita'aa fi midda adoo hin gorin madhataa gara Bet-Shemeshii deemane; bulchitooti Filisxeemotaalle haga meessaa Bet-Shemeshii isaan gula deemane.
13Yennaa san worri Bet-Shemeshii dhooqa keessatti qamadii haammatiisatti jiraniiyyu; isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa dhagganee guddoo gammadane. 14Garreettaan sun gara fichaa Iyaasu'uu ka nama Bet-Shemeshi keessa le'uu dhufee, dhakaa guddaa tokko bira dhaabbate; kolbaan muka garreettaa sanii falaxxee, sa'oolee qaltee kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. 15Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi'ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane. 16Bulchitooti Filisxeemotaa shan waan kana yennaa dhaggane guyyuma san gara Eqroonii deebi'ane.
17Filisxeemoti fakkii iitaa shan ta worqii irraa hujamane, maqaa qachaa ifiitiin, takkaa marroo Ashidoodiitiif, takkaa marroo Gaaza'aatiif, takkaa marroo Ashiqaloniitiif, takkaa marroo Gaatiitiif, takkaa marroo Eqrooniitiif kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu Mootii Waan Maraatiif ergane. 18Laakkossa fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamanelle marroo laakkossa qachoota dalleya dhaka'aa ka bulchitooti Filisxeemotaa shan bulchanu maraatii fi ollaa adaala san jiranuutiif ergane. Dhakaan guddaan ka Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa irra keyane, ka fichaa Iyaasuu nama Bet-Shemeshi keessa le'uu bira jiru sun haga adhaa dhugaa bayaa te'ee achi jira.
19Worri Bet-shemeshii Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa keessa waan ilaalaneef, inni namoota Bet-shemeshii keessaa nama torbaatama ijjeese; Mootiin Waan Maraa akka malee kolbaa waan fixeef, kolbaan bootte. 20Achiin duuba kolbaan Bet-Shemeshii, «Mootii Waan Maraa, Waaqa Woyyicha kana dura eentu dhaabbatuu dande'a ree? Saanduqi Gondooro'oo kun asii ka'ee gara eennuu dhaqa ree?» jedhane. 21Maarre isaan gara worra Kiriiyat-Ya'ariimii namoota erganee, «Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa gara keenna deebisaneeran. Kowa'aa fudhadha'a» jedhane.

¿Sabías que…?
El retorno del Arca
- Los gobernantes filisteos representaban una confederación de cinco ciudades principales: Asdod, Gaza, Ascalón, Gat y Ecrón. Para buscar alivio de las plagas que sufrieron, sus sacerdotes y adivinos aconsejaron enviar una ofrenda por la culpa con cinco tumores y cinco ratones de oro, que correspondían a los cinco príncipes y sus territorios.Fuentes: el propio texto bíblico · Ashdod · Gaza · Ashkelon
- Bet-semes era una ciudad sacerdotal en el límite norte de Judá. Esta condición sacerdotal explica la presencia de levitas que pudieron bajar el Arca y colocarla sobre la gran roca en el campo durante la siega del trigo.Fuentes: el propio texto bíblico · Beth-shemesh
- Para comprobar si sus calamidades provenían del Dios de Israel o si habían ocurrido por casualidad, los filisteos uncieron al carro dos vacas que criaban y que nunca habían llevado yugo, encerrando a sus terneros. Contra el instinto maternal natural, las vacas avanzaron directamente por el camino hacia Bet-semes sin desviarse.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Ekron · Hoy: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · versículos 16, 17
- Ashdod · Hoy: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · versículo 17
- Ashkelon · Hoy: Tel Ashkelon · 31.664, 34.546 · versículo 17
- Gaza · Hoy: Tell Harube · 31.504, 34.464 · versículo 17
- Kiriath-jearim · Hoy: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · versículo 21
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org