1 Samuel 29
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Filisxeemoti Daawiti Mormatte
1Filisxeemoti loltoota ifii mara Afeqitti wolitti qabatane. Israa'elootille madda dhooqa Yizre'elii keessaa biratti qubatane. 2Bulchitooti Filisxeemotaa loltoota ifii garee dhibba dhibbaa fi kuma kumaan te'anee duulane; Daawitii fi namooti isaalle Akiishi woliin duuba isaaniitiin isaan gula duulane. 3Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa kun maan asii hujan?» jedhanee gaafatane.
Akiishi deebisee, «Kun Daawiti, tajaajilaa Saa'olii, ka mooticha Israa'eliitii motii? Inni na bira haga dhufee woggaa irra dabareera; anille guyyaa inni natti galee jalqabee haga adhaatitti yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedheen. 4Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo Akiishitti aaranee, «Nama kana addee qara isaaf kennitetti deebisii ergi. Inni yennaa lolaa garagalee diina akka nutti hin teene, akka inni nu woliin duulu hin godhin. Inni mataa namoota kanaa kutee adoo hin geessin goottaa ifii woliin attam araaramuu dande'a ree? 5Isaan geeraraa, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhaa ka faarfatane, Daawitii kanaa motii ree» jedhane.
6Maarre Akiishi Daawiti waamee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ati nama qajeela'a. Guyyaa gara kiyya dhutteen jalqabee haga adhaa yakkaa tokkolle si irratti waan hin dhagginiif, na woliin adoo duulteetii, ani hin gammada. Te'uu malee bulchitooti ammoo si hin addanne. 7Ati deebi'ii nageyaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa hin gammachiinne tokkolle hin godhin» jedheen.
8Daawiti deebisee Akiishiin, «Ani ammoo maan godhe? Guyyaa ani gara keeti dhufeen jalqaddee haga adhaatitti ana tajaajilaa keeti irratti maan dhaggiteerta? Ani diinota goottaa kiyya mootichaa maaf loluu dhaba ree?» jedhee gaafate.
9Akiishi deebisee, «Ati na duratti akka ergamaa Waaqaa ka komii hin qanne akka teetee hin beeka. Te'uu malee ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo, ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin qabu› jedhaneeran. 10Ati tajaajiltoota goottaa keetii ta si woliin dhufane woliin boru ganamaan ka'a'aatii, akkuma bariiteen deema'a» jedheen.
11Maarre Daawitii fi namooti isaa gara lafa Filisxeemotaa deebi'iisaaf boruyyaa ganamaan ka'ane. Filisxeemotille gara Yizre'elii ol bayane.
¿Sabías que…?
David Despedido por los Comandantes Filisteos
- Aquis, el gobernante filisteo que había otorgado refugio a David y le había asignado la ciudad de Siclag, confiaba plenamente en su lealtad. Sin embargo, los comandantes filisteos temieron que David se volviera contra ellos durante el combate para recuperar el favor del rey Saúl, exigiendo que fuera enviado de vuelta.Fuentes: Achish · el propio texto bíblico
- Los filisteos concentraron sus fuerzas en Afec, mientras que Israel acampó junto al manantial en Jezreel. Afec servía como un punto estratégico de reunión militar para las expediciones filisteas que marchaban hacia el norte rumbo al valle de Jezreel.Fuentes: Aphek · el propio texto bíblico
- Los jefes filisteos reconocieron a David citando el célebre canto de victoria que originalmente había despertado los celos de Saúl: 'Saúl hirió a sus miles, y David a sus diez miles.'Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Aphek · Hoy: Tell Ras el Ain · 32.105, 34.930 · versículo 1
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org