1 Reyes 9
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mootiin Waan Maraa Ammalle Solomoonitti Mudhate
1Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree, waan hujuu barbaade mara yennaa fixe, 2Mootiin Waan Maraa akkuma dur Giibe'onitti isatti mudhate, ammalle itti mudhate. 3Inni isaan, «Ani daadimataa fi gaaffii ati na gaafatte dhage'eera; Galma haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf, ati ijaarte kana woyyoonseera; ani yennaa mara gara isaa hin ilaala; waan isaalle hin yaada. 4Akkuma abbaa keeti Daawitii, atille qajeelumma'aa fi addatamumma'aan, fuula kiyya dura yoo deddeebite, waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte, 5akkuma ani dur, ‹Sanyii teeti keessaa, nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee, abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, barcumaa mootummaa teetii, Israa'el irratti haga bara baraa hin jabeessa.
6«Ammoo ati yookiin sanyiin teeti na hordofiisa irraa deebitanee, ajajootaa fi seerataa ani isinii kenne eegatuu diddanee, dhaxxanee waaqota dhibii tajaajiltanee yoo waaqonfattane, 7ani Israa'eloota lafa isaaniif kenne keessaa hin ari'a; Galma maqaan kiyya akka itti waamamuuf woyyoonse kanalle hin lakkisa; Israa'el kolbaa mara oddu'utti waan mammaassaatii fi waan kollaa hin teeti. 8Galmi amma guddoo maadeffamu kun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; worri karaa san dabaru marti maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti fide?› jedhaa itti hin murgan. 9Isaan ifumaafuu deebisanee, ‹Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase san lakkisanee, waaqota dhibii, waaqonfatanee waan tajaajilaneef, Mootiin Waan Maraa badii tana itti fide› hin jedhan» jedhe. 10Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii woggaa diddamatti ijaaree fixe. 11Mootiin Xiiroosii Hiiraam muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi worqii, haga Solomoon barbaade mara waan isaa kenneeruuf, mootichi Solomoon qachoota diddama Galiilaa keessa jiranu, Hiiraamiif kenne. 12Te'uu malee mootichi Hiiraam, qachoota Solomoon isaaf kenne ilaaliisaaf yennaa dhaqe, qachoota sanitti hin gammanne. 13Tanaaf inni Solomooniin, «Obboleessa kiyya! Ati qachoota attamii naaf kennite?» jedhee gaafate; qachoota sanille «Lafa Kabulii» jedhee moggaase; qachooti sun haga adhaalle maqaa kanaan waamaman. 14Mootiin Xiiroosii Hiiraam, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, Solomooniif ergeeraayyu.
Hujii Solomoon Huje Ta Dhibii
15Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii akka ijaaranuuf kaabii, «Miiloo» jedhantu akka guutanuuf, dalleya Yerusaalemii, dalleya qachaa Hazoorii, Megidootii fi Gezerii ijaarsisiisaaf, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu itti bobbaase. 16Mootichi biyya Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gezerii lolee qabate; inni qachaa san gubee, Kana'aanota achi keessa le'anu fixee, qachaa san intala ifii ta mootichi Solomoon fuudheef gicaa kenne. 17Solomoon qachaa Gezerii deebisee ijaare; inni ammalle qachaa Bet-Horoonii gara jalaa, 18qachaa goomolee Yihuda'aa keessaa Ba'aalaatii fi Taamaarii, 19akkasuma qachoota midhaan isaa itti kuusanu, qachoota garreettoti isaa ka fardaan harkifamanuu fi fardoon isaa itti galanu, waan ijaariisaaf barbaade mara Yerusaalem keessatti, Libaanonii fi lafa ifii bulchuu mara keessatti ijaarsise. 20Worra Israa'eloota hin te'in Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota achitti hafane mara, 21worra Israa'elooti sanyii isaanii balleessuu dadhabanee, lafa san keessatti hafane mara, haga adhaa Solomoon garboolee hujii hunnaa isaaf hujanu godhate. 22Namoota Israa'elii ammoo loltoota, qondaaltota mootumma'aa, qondaaltota ifii, ajajjoota shantamaa, ajajjoota loltoota garreettaa fardaan harkifamuutii fi ajajjoota abbootii fardaa godhate malee, Israa'eloota keessaa eennulle garba hin godhane.
23Solomoon itti gaafatantoota hojjattootaa, namoota dhibba shanii fi shantama qabaayyu.
24Solomoon haadha manaa ifii intala mooticha Gibxi'ii, qachaa Daawitii keessaa baasee, mana mootummaa ifii ka isi'iif ijaarsisetti galcheen duuba kaabii, «Miiloo» jedhantu guuchisiise.
25Solomoon wogga'atti yennaa sad kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hixaana woliin, fuula Mootii Waan Maraa duratti, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraatiif ijaare irratti dhikeesse; akka kanaan Galma Mootii Waan Maraa ijaaree fixe.
26Mootichi Solomoon ammalle biyya Edoomii keessatti, qachaa Eziyon-Geberii ka qarqara abbaayaa diintu'uu, ka qachaa Elootii bira jirutti hoboloota gugurdoo hujisiise. 27Mootiin Xiiroosii Hiiraam tajaajiltoota ifii, ta hoboloo guddittii oofanu, worra haala abbaaya'aa beekanu, tajaajiltoota Solomoonii woliin hoboloo keessa akka tajaajilanu erge. 28Isaanille hoboloo gudditti'iin biyya Ofiirii dhaqanee, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu fidanee, mooticha Solomooniif kennane.

¿Sabías que…?
El pacto, las construcciones y las alianzas de Salomón
- Tras veinte años de construcción del templo y del palacio real, Salomón entregó veinte ciudades de Galilea al rey Hiram de Tiro a cambio de madera de cedro, ciprés y oro. Cuando Hiram fue a inspeccionar las ciudades, no le agradaron y llamó a la región "tierra de Cabul".Fuentes: el propio texto bíblico · Hiram · Tyre
- La estratégica ciudad de Gézer permaneció en manos cananeas hasta que un faraón egipcio la conquistó e incendió, entregándola como dote nupcial a su hija cuando se casó con Salomón. Luego Salomón reconstruyó y fortificó Gézer junto con las defensas de Jerusalén y varias ciudades de aprovisionamiento.Fuentes: el propio texto bíblico · Gezer · Daughter of Pharaoh
- Salomón estableció una flota marítima en Ezión-guéber, en la costa del mar Rojo, en Edom. En colaboración con experimentados marineros fenicios enviados por Hiram de Tiro, la expedición navegó hasta Ofir y trajo 420 talentos de oro.Fuentes: el propio texto bíblico · Hiram
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Gibeon · Hoy: El Jib · 31.847, 35.183 · versículo 2
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 9, 16
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 11
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículos 11, 12
- Cabul · Hoy: Cabul 2 · 32.868, 35.211 · versículo 13
- Gezer · Hoy: Tel Gezer · 31.859, 34.919 · versículos 15, 16, 17
- Hazor · Hoy: Tel Hazor · 33.018, 35.569 · versículo 15
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 15, 19
- Megiddo · Hoy: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · versículo 15
- Lower Beth-horon · Hoy: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · versículo 17
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 19
- City of David · 31.774, 35.236 · versículo 24
- Edom · 30.746, 35.604 · versículo 26
- Red Sea · Hoy: Gulf of Aqaba · 28.750, 34.750 · versículo 26
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org