1 Reyes 6
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Solomoon Galma Waaqaa Ijaare
1Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa dhibba afurii fi saddeettamatti, Solomoon biyya Israa'elii irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe. 2Galmi Waaqaa ka mootichi Solomoon ijaare sun, dalla dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma. 3Dheerinni soroo kutaa guddittii Galma Waaqaatiin duraa, akkuma badhinna Galma Waaqaa ciqilee diddama teetee, karaa Galma Waaqaatiin duraan ciqilee kudhan dheeratti. 4Galmi Waaqaa sun foddaa gara keessaatiin badhattee, gara alaatiin dhiphattu qabaayyu. 5Solomoon kutaa guddittii Galma Waaqaatitti maxxansee, adaala addee woyyitti'ii fi addee irra caalaa woyyitti'iititti, mana dhibii ka kolloo adda addaa qabu itti marsee ijaare. 6Badhinni mana jalaa ciqilee shan, ka mana mana irratti ijaaramee ka wodhakka'aa ciqilee jaa, ka mana mana irratti ijaarame ka sadeesso'oo ciqilee torba. Muki tokkolle ijaarsa Galma Waaqaa uree akka hin seenneef, gara duubaatiin itti marsee, kaabii ijaare.
7Dhakaan Galmi Waaqaa sun ittiin ijaarame, adduma dhakaan jirutti bocamee waan qophoweef, Galmi Waaqaa yennaa ijaaramu, qoonqoon burrisaa, ta ura'aa yookiin ta sibiila dhibi'ii hin dhage'ane.
8Balbalti seensuma mana jalaa, Galma Waaqaa irraa gara kibbaatitti dhagganti; yaabbannoo gara mana mana irraa ka wodhakka'aatii fi ka sadeesso'ootitti ol bayanulle qaba. 9Maarre mootichi Solomoon, Galma Waaqaa ijaaree fixe; heellichoo Galma sanii buusaa muka hindheensaa dalla buusee, falaxaa birbirsaatiin cufe. 10Inni karaa maraan Galma Waaqaatitti marsee kolloota ijaare; hojjaan kolloota sanii ciqilee shan; kolloon sunille buusaa muka hindheensaatiin, Galma Waaqaatiin wolitti qassiifanteerti.
11Jechi Mootii Waan Maraa gara Solomoonii dhufee, 12«Akka seerata kiyyaatitti yoo deddeebite, seeraa fi ajaja kiyya yoo eegatte, Galma Waaqaa ka ati ijaariisatti jirtu kanaaf, waan abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, ani karaa keetiin hin muummessa. 13Ani Israa'eloota odduu hin le'a; ani kolbaa tiyya Israa'el hin gatu» jedhe.
14Maarre Solomoon Galma Waaqaa ijaaree fixe.
Ijaarsa Keessa Galma Waaqaa
15Inni keessa Galma Waaqaa hundee isaatiin jalqabee, haga heellicho'ootitti falaxaa muka hindheensaa itti siree, lafa keessa Galma Waaqaa falaxaa birbirsaatiin huje. 16Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatiin, Addee Irra Caalaa Woyyittii addaan baasiisaaf, kolloo ciqilee diddamaa, lafa irraa kaasee haga heellicho'oo falaxaa muka hindheensaa itti sire. 17Kutaan guddittiin Addee Irra Caalaa Woyyittii duratti dhaggantu ciqilee afurtama dheeratti. 18Keessi Galma Waaqaa falaxaan muka hindheensaa itti gonfamee, fakkeenna buqqi'iitii fi daraaraa baqeetiin seefameera; falaxaa muka hindheensaa malee, dhakaan tokkoolle hin mudhatuuyyu.
19Inni Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatitti, saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa keessa keyiisaaf, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa ijaare. 20Addeen Irra Caalaa woyyitti'ii tun dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee diddama, hojjaan isi'iille ciqilee diddama; inni keessa isi'ii worqii qulluu itti gonfe. Addee ciinca'aalle falaxaa muka hindheensaa itti uffise. 21Solomoon keessa Galma Waaqaa worqii qulluu itti gonfee, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta worqi'iin gonfante san dura, haachaba worqi'ii diriirse. 22Maarre inni keessa Galma Waaqaa duudii worqii itti gonfe; addee ciinca'aa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa keessaalle worqii itti gonfe.
23Solomoon fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama ta dheerinni tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii, muka ejersaa irraa hujee, Addee Irra Caalaa woyyitti'ii ta gara keessaa keessa keye. 24Koolli dada ol-gubba'aa ta qaraa ka gama tokkoo ciqilee shan; ka gama kaanille ciqilee shan dheerata; qaccee koola gama tokkoo irraa haga qaccee koola gama kaanii ciqilee kudhan dheerata. 25Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lammeesso'oolle ciqilee kudhan dheerata; dadi ol-gubba'aa sun lamaanuu hagi isaaniitii fi akki isaanii wol fakkaatan. 26Hojjaan dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokko tokkootuu ciqilee kudhan. 27Solomoon koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lamaaniituu akkuma diddiriireeruun, dada ol-gubba'aa san Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa san keessa keye; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka tokkochaa dhaaba manaa ka gama tokkoo tuqa; koolli dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo dhaaba manaa ka gama kaanii tuqa; koolli isaanii dhibiin wodhakkaa Addee Irra Caalaa Woyyittii sanitti wol tuqaayyu. 28Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanuu worqii itti gonfe.
29Dhaaba Galma Waaqaa mara irratti, kolloo gara keessaatii fi gara alaa irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee boce. 30Inni lafa addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi lafa Galma Waaqaa keessaalle worqii itti gonfe.
31Balbala gara Addee Irra Caalaa woyyittii seenanu ta gara lamatti banantu, ta mikikkilaa fi gulantaa roga shanii qaddu, muka ejersaa irraa huje. 32Inni balbala muka ejersaa irraa hujante lamaanuu irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi fakkii muka meexxi'ii kana irratti worqii itti gonfe. 33Akkasuma inni balbala gara kutaa gudditti'ii seenanutti mikikkila roga afurii muka ejersaa irraa huje. 34Inni balbala lama ta wolitti dachaafantee banantu, ta tokko tokkoon isi'iituu, saanqaa lama lama qaddu, muka hindheensaa irraa huje. 35Inni balbala san irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii san irratti worqii gonfe.
36Inni Galma Waaqaatiin duratti badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, dhakaa bocame tarree sadiin, saanqaa muka hindheensaa tarree tokkoon ijaare.
37Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, hundeen Galma Waaqaa keyante. 38Inni mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a saddeetesso'oo, ka «Bul» jedhamu keessa, akkuma dur karoorri bayetti, ijaarsi Galma Waaqaa muummowe. Solomoon Galma Waaqaa woggaa torbatti ijaaree fixe.

¿Sabías que…?
La Construcción del Templo
- Los bloques de piedra para el templo se labraron completamente en la cantera, de modo que no se escuchó ningún martillo, cincel ni otra herramienta de hierro en el lugar de la obra durante la construcción.Fuentes: el propio texto bíblico
- Todo el interior del templo estaba revestido de cedro y ciprés y cubierto de oro puro, ocultando por completo las paredes de piedra. En el santuario interior, dos querubines tallados en madera de olivo y recubiertos de oro medían diez codos de altura, con sus alas extendidas tocando las paredes opuestas.Fuentes: el propio texto bíblico · Most Holy Place
- Según el relato bíblico, los cimientos se pusieron en el segundo mes del cuarto año de reinado de Salomón, 480 años después del éxodo de Egipto. Toda la obra duró siete años y concluyó en el octavo mes de su undécimo año.Fuentes: el propio texto bíblico · Reign of Solomon · Construction of Solomon's Temple
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 1
- Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 5
- Most Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículos 16, 17, 21, 22
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org